KFOn Raayyaan Ittisa Biyyaafi hidhattoonni uummata keessaa faca'anii jiran akka dachaafaman gaafate

Haxaa KFO Image copyright Fuula Feesbuukii KFO
Goodayyaa suuraa Haxaa KFO

Ibsa haala yeroo irratti baaseen paartiin Kongirasii Federaalawaa Oromoo (KFOn) Mootummaafi Addi Bilisummaa Oromoo waldhabdee gidduu isaanii jiru atattamaan furanii Raayyaan Ittisa Biyyaafi hidhattoonni uummata keessaa faca'anii jiran akka dachaafamaniif gaafate.

Waliigaltee qaamoleen kunneen gidduutti raawwatame uummanni akka beekuufi hojiirra akka ooluufis hubachiiseera ibsa isaa kanaan.

KFOtti Damee Liigii Dargaggootaatti Itti-gaafatamaan Sab-qunnamtii Obbo Addisuu Bullaalaa ibsa paartiin isaanii baase kana irratti BBC Afaan Oromootti akka himanitti, murni ykn jaarmiyaaleen adda addaa injifannoo qoodachuuf jecha akka hin taanetti karaa irraa waan maksaa jiraniif nutti dhaga'ama jedhan.

Dubbiii ijoon ibsa kana akka baasaniif isaan kakaases, "Haalli kun bayyee nu yaaddessa, uummanni keenya guddaan, nutis, paartiin keenyas gatii guddaa itti kaffaleera waan ta'eef kunuunfachuu qabna waan jennuufidha. Injifannoo arganne kanas cimsinee sirna ijaarrachuu qabna waan jennuuf ibsa kana baasne," jedhan.

Qabsoon Oromoon waliin ta'ee tokkummaan yeroo bu'aa argamsiisuu jalqabe irraa kaasee karaa adda addaatiin uummata kana irratti bobba'amee jira jedhan Obbo Addisuun.

Uummata waliin jiraataa turre sabaafi sablammilee waliiti buusuudhaan saba kana buqqisuun, ajjeesuun, qabeenya isaa barbadeessuun waggoota darban keeessa deddeebiyee mul'achaa tueera jedhan Obbo Addisuun.

Isa sana jala dabarree gaafa jennu ammoo yeroo ammaa kana ifaafi ifatti mootummaan biyya kana bulchu raayyaa ittisa biyyaa akka hin taanetti uummata keessa sochoosaa jira kan jedhan Obbo Addisuun, kanaan alatti ammoo hidhattoonni karaa adda addaatiin uummata keessa faca'anii jiru.

"Waraana Adda Bilisummaa Oromoo haa ta'uutii ta'uullee haa dhiisuutii sana eger gargar bahuu danda'a. Garuu qaamni hidhate kamiyyu kan WBO haa ta'u kan raayyaa ittisa biyyaa yeroo uummata keessa deemanii walitti bu'an kan gidduutti miidhamu uumata haarsaa kaffalaa ture, qote bulaa, daa'imman, barattootaa, dubartootaafi jaarsoliidha," kanadha.

Kanaaf kun sirrii waan hin taaneef humnoonni kunneen uummata keessa hidhattoota keessaa akka baasaniifi kaampiitti akka deebifatan gaafanneera jedhan.

Ibsi KFO kun dabalataan yeroo ammaa kana naannoo Oromiyaa bakka adda addaa keessatti walitti bu'insi Raayyaa Ittisa Biyyaafi hidhattoota gara garaa gidduutti mul'ate uummata goolaa akka jiru kaasee, fakkeenyaaf yeroo darbe Godina Gujii Lixaa ganda Fincaa'aa jedhamutti humni mootummaa kan itti shakkamu meeshaan guddaan dhukaafamee lubbuu namoota 13 galaafachuu addeessa.

Itti dabalees, hidhattoonni naannolee biroo gara naannoo Oromiyaa godina Wallaggaa, Boornaa, Gujiifi Harargee keessa seenuudhaan uummata Ororomoo ajjeesaa, saamaafi buqqisaa akka jiran qaamolee adda addaa dabalatee mootummaanis amaneera.

Uummanni Oromoo injifannoo aarsaa guddaan argate eeggachuuf sababii walitti bu'insaa kaniif tikfachuufi firii isaalle dhamdhamachuu dadhabuu qofa osoo hin taane, isa itti aanu kallattiii qabsoo misoomaafi guddinaatti ce'uuf gufatee uummanni boo'ichaafi gadadoo biraatiif saaxilameera jedha ibsichi.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata