Obbo Galaasaa Dilboo: 'Dursii akkamiin dhaabicha walitti qabnee itti fufsiisiifnuudha'

Jaal Galaasaa Dilboo
Goodayyaa suuraa Jaal Galaasaa Dilboo

Obbo Galaasaa Dilboo qabsaa'oo buleeyyii Oromoo oggansa qabsoo ummatichaa keessatti gahee olaanaa qaban keessaa tokko.

BBC Afaan Oromoo gaaffii fi deebii Jaal Galaasaa waliin taasiseen waa'ee seenaa jireenyaa dhunfaa isaanii gabaabaa fi haala siyaasaa wayita ammaa kanatti ilaalchisuun haasofsiiseeraatii dubbifadhaa.

BBC: Obbo Galaasaa eenyuu?

Obbo Galaasaan: Kanan dhaladhee Godina Wallagga Bahaa magaalaa Naqamteetti. Barnoota kiyya sadarkaa tokkooffaa fi sadarkaa lammaffaas kanan barradhee achuma magaalaa Naqamteetti.

Bara 1974'tti ammoo Yunivarsitii Finfinneen seene. Barnota bara jalqabaa osoo hin xumuriin, Dargiin aangootti waan dhufeef qabsoodhaaf gara Somaaleen deemne.

Boodarra Mootummaan Somaalee gara biyyaatti waan nu deebiseef, biyyatti deebiinee dirree hidhannootti dabalame. Saniin booda jireenyikoo ABO waliin itti fufe jechuudha.

Gama maatii ilaaluun obbolaa laman qaba. Gama kiyyaan sababuma qabsoo kanaan hin fuune; maatiis hin godhatiin hafeera. Abbaankoo, haatikoo, adadaankoos bakkuma ani hin jirretti na jalaa du'aniiru.

Du'a isaanis dirreedhuma qabsootti natti himame.

Erga bara 1992 sababiidhuma qabsootiin biyyaa baanee amma waggoota 27 boodan gara biyyaatti deebi'e. Yeroo chaartaraa bara 1991 sana konfaransii jalqaba taasifamee ture sanarratti akkuman hirmaadheen, guyyaa lama booda waanin dhukkubsadheef yaalaaf gara Awurooppaan deeme.

Yaala argadhee bara 1992 gara biyyaatti deebi'e. Sana boodas haalli ture babbadee waan tureef deebiinee gara qabsoo hidhannootti deebii'uun dirqama ture. Anis qabsootti makamee sochii itti fufee.

Yeroo cehumsaa sanatti anatu hayyu duree ABO ture.

BBC: Amma paartii kam wajjin hojjechuuf yaaddan?

Obbo Galaasaa: Nuti ammatti paartii kana ykn sana waliin hojjenna jennee ibsuu ykn dubbachuun barbaachisaadha jennee hinyadnu. Garuu paartii Oromoo kan sagantaa siyaasaa keenyaan walitti dhihaatu waliin hojjechuu ni dandeenya.

Ta'us ammatti garuu paartii kanaan waltaana, saniin waliin hintaanu jennee wanti murteeffannee dhufne hin jiru.

BBC: Haala siyaasa biyyattii attamitti hubattan?

Obbo Galaasaa: Akkaataan amma mootummaan jijjiirama ni fida jedhee itti ojjechaa jiru kana nuti ija gaaridhaan ilaalla.

Kan jechuun ammoo, hir'ina gonkumaa hin qabu jechuu keenya miti. Ta'us garuu hanqina qabu kana guddisnee tarkaanfii amma mootummaan fudhachaa jiru kana dhoksuun ammoo galata waldhorkachuu taha.

Sababiin isaas, adeemsi jijjiiramaa amma mul'ate kunis kan wareegama lubbuu namaatiin argame waan ta'eef callisuun irra darbamu hinqabaatu.

Dhugaa dubbachuuf taanaan angaa'onni jijjiiramni kuni akka fiixaan bahuuf aarsaan kaffalan, gaheefi gumaata dhugaatti galata qabudha.

Kunis wayita falmiin Oromoo fi warra aangoo ofharkaa qabaa turan gidduutti sadarkaa murteessarra gaheetti, jiraachuun isaanii aangoo sana harkaa micciiranii baasuuf gargaareera.

Dhaabni kamiyyuu ummata damaksineerra, kakkaasneerra jechuu danda'a. Garuu daqiiqaa dhumaa sanarratti paartiin kaan dhufnee aangoo battalaan harkaa fudhanna ture kan jedhu waan dhugaa hin fakkaannedha.

Anis egaa kanaafiidha warra aangoon kuni harka Oromootti akka galuuf falmaniif galata galchuu qabna kanan jedhuuf.

BBC: Waldhabdee ABO fi OPD jirruurri maal jettu?

Obbo Galaasaa: Jalqabumarraa jechi ODP fi ABO shanee gidduutti waldhabdee jira jedhu kuni sirrii natti hin fakkaatu. Kan jedhamuu malu waldhabdee ABO shanee fi mootummaa Itoophiyaa gidduu jiru jedhamu qaba.

Sababnisaas ODP'n paartii biyya bulchaa jiru waan ta'eefu. Paartiin nagaanan qabsaa'a jedhee biyya gale, nageenyi eegamee akka qabsaa'uu qabuttiin yaada.

Haalli amma ta'aa jiru akeekisaa naaf hin galu. Warri amma waraana banu kunis kaayyoonsaanii kutaa sana bilisoomsuuf immoo, Oromiyaa bilisoomsuuf, yookis fedhii dhuunfaatu jiramoo kan jedhu naaf hin galu.

Kana wanniin jedhuuf sababii hogganoonni bakka gaarii jiru, gaafa hammaates irraa hiiqanii jiraatu. Garuu kan wareegama kanfalu ijoollee qotee bulaa waan ta'eefiidha.

Yoo kaayyoon isaanii saba kanaaf bu'aa waan kana caalu fida ta'e ammoo hawaasaa haa beeksisanin jedha. Nutis itti yaa hirmaannu. Kanaan alattimmoo biyya balleessituu dhaabbadhaa jechuutu dhufa jechuudha.

Naannoo lixaa amma ummanni buna yeroo itti maxaree qopheefatu ture. Garuu amma san hin goone taanaan ammoo bona ummanni kuni maal taha? ggaafiin jedhu dhimma murteessaa qaama ummataaf yaadu tokkoon yaadamu qabaatudha.

Kana malees manneen barumsaa dhaabbataniiru. Namni bahee galuu dadhabeera.

Gareen lamaanuu kanarratti waliigallee turre garuu kuni nuuf raawatamuu dide hin jenne. Daawud mataansaa dhimma kana ifatti tokko lama jedhee waan raawwatamuufii dide hin ibsine.

Ani akkan hubadhutti gareen lamaan jecha afaanirraan kan hafe waan qabatamaa tahe irratti kan waliigalan natti hin fakkaatu. Dhugaan jiru ammoo wanti amma Oromiyaa bakka garagaraatti ta'aa jiru, garuu ijoollee Oromoo qaqqaalii wareegama saba kanaaf kanfalan gatii dhabsiisa.

Kanaafuu, warri dhimmi ilaalu hunduu nagaa ummatichaatiif jecha waan itti jiran kana dhaabuu qabuun jedha.

BBC: Dhuguma ABO'n adda cicciteera moo tokkuma?

Obbo Galaasaa: ABO'n dhaaba seenaa guddaa qabudha. Namni waanuma argurraa ka'uun dhaabni kuni caccabeera; qoqqoodameera jechaa jiru. Warri ammoo lakkii 'ABO'n hin caccabne, kan caccabe warra ebeluutii,' jedhanis jiru.

Dhugaan lafa jiru garuu dhaabichi caccabee bakka meeqa jiraachuu isaatii fi maqaan meeqas jiraachuusaati.

Wanti fala ta'u waan mul'ataa jiruu walsobuurra, akkamittiin dhaaba umurii ijoollummaa keenya itti dhabne kana walitti qabnee itti fufsiisna kan jedhu ta'uu qaba jedhe amana.

Wanti dhaaba kana akkanatti adda dhodhoose maaliidha? jennee tokko taanee mari'achuutu nurra jiraata. Amma kan fala ta'u sababa bu'uuraasaa baruudha.

ABOn akka dhaaba ummata kanaaf dhaabateetti waan hedduurraa fayyuu qaba. Kana gochuufimmoo jaarmiyoota siyaasaa kanneen dhaabichaatiin olitti, wareegama dhaaba kanaaf uummanni Oromoo kanfale, hayyoota kaayyoo kanaaf wareegama, qotee bulaa lubbusaa dabarsanii kennaa ture ilaaluun furmaata akka argataniif hojjechuun warra dhaaba kana hogganurraa eegama.

Kana gochuufis warri maqaa ABO tiin bakka adda addaa jiru dhugaa 'ABOn cicciteera' jedhu kana amannee fudhachuu qaba.

Gama keenyaan kuni akka ta'uuf duriis laafnee hin beeknu; kana boodaas hin laafnu. Gandummaa, naannummaa fi amantiin rakkoo hamaa dhaabni ABO akka faffaca'u taasise keessaa isaan ijoodha.

Dogonggora umamee tooftaa dogongoraatiin furuuf kanneen yaalaniitu dhaabichi akka faca'u taasiseera. Naannummaa fi amanitin walqooduun dogoongora ta'uu osoo beekamuu, rakkoo kana furuuf immoo hunduu ganda fi amantaa ofiitiin walqoodee furuuf yaale. Kanatu dhabicha dadhabsiise.

BBC: ABO Obbo Daawud Ibsaa hogganaa keessaa attamiin baatan?

Obbo Galaasaa: Dhaaba ABO Jaal Daawud Ibsaatiin hogganamu keessaa bara 1998 nan bahe. Sababni itti bahees hedduudha. Kanas seenaan fuulduratti akka isa ifa godhuun barbaada.

Ammatti dhaaba ABO Jaal Daawud Ibsaatiin hogganamu waliin hariiroo tokkoyyuu hin qabnu.

BBC: ABOn tokkoomee paartii Oromoo cimaa ta'u danda'aa?

Obbo Galaasaa: Amma biyya keenyatti gallee jirra. Haalli siyaasaa yoo biyya namaa jirtuu fi hawaasa keessa yoo jirtu tokko miti. Kana jechuun asitti haala qabatamaa ta'e keessa jirta jechuudha.

Ummanni waan ati jettuu fi qabatamaan gootu si laalee si madaaluu dandaha.

Ummanni keenya ABO ni jaallata, akka inni fayyus ni fedha. Kanaafuu, eeyyeen dhiibbaa uummanni godhu dabalamee waa'een tokkoomuu ABO fala ni argata jedheetiin yaada.

BBC: Paartiin siyaasaa Oromoo heddummachuun dhiibbaa qabaa?

Obbo Galaasaa: Heddumminni paartii rakkoo guddaadha jedhee hin yaadu ani. Sababnisaas biyyootni Afrikaa kuun cunqursaa jala bahuuf paartii hedduutu hundeefama.

Booda ofumaa osoo labsiin tokko itti hin bahiin gaafa filannoo jala gahu of diigee, wal diigee tokko ykn lamatti gala. Paartiidha jedhanii hundaa'uun salphaa ta'uu danda'a. Garuu, hojii apaartichaa guyya guyyaan hojjetanii paartii sana jiraachisuun hojii cimaa waan gaafatuuf ofumaan diigamaa deema jechuudha.

Dorgommii keessa galanii gaafa humna ofii baraa deeman kaan isa biraatti dabalamaa, kaanimmoo diigamaa lakkoofsi paartilee ofumaan xiqqaachaa deema.

BBC: Xalayaa Obbo Leencoo Lataatti barreessitaniirtu jedhama. Mee waa'ee isaa maal jettu?

Obbo Galaasaa: Yeroo sana obbo Leencoo Lataa itti aanaa hayyu durummaa ABO irraa akka ittifaman xalayaa barreessera. Sababni isaas yeroo sanatti obbo Leencoon marii malee ykn beekamtii dhaabaatiin alatti mootummaa Itoophiyaa waliin araara barbaacha gara biyyaa deebi'uu isaanitiif ture.

Yeroo sanatti Obbo Ibsaa Guutamaa jila ABO bakka bu'anii gara biyyaa dhufnaan mootummaan hidhamanii waan turaniif, isaaniin hiiksisa jedheeti gara biyyaatti kan deebii'e.

Mootummaa Itoophiyaa waliin wallollee walbiraa deemne. Jaal Ibsaa hiiksisuufis yoo ta'e ammoo dhimmi Jaal Ibsaa hunda keenya ilaala malee addatti itti aanaa hayyu duree qofa hin ilaalu ture.

Kanaaf qajelfama dhaabaatiin ala sochii waan taasisaniif tarkaanfiin suni fudhatame.

BBC: Mee waa'ee wareegama Shiniggaa waan yaadatan nuuf qoodaa.

Obbo Galaasaa: Bara 1980 jaalleewwan qabsoo fi hoggantootni ABO dirqamaaf gara Somaalee deemaa turan. Achittis shiftoota Somaaleetiin bakka tokkotti wareegaman.

Gaafas namoota jajjaboo dhabichaa 13'tu guyyaa tokkotti wareegame. Isaan keessaayis Magarsaa Barii, Yiggazuu Bantii, Abboomaa Mitikkuu, Gadaa Gammadaa, Muhee Abdoo, Caccabsaa, fi Irra aanaa Qaxaleefaa keessatti argamu.

BBC: Guddaa galatoomaa

Obbo Galaasaa: Isiinis galatoomaa!

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata