Gumaata Kaampaasii 14: Dawaa aadaa ammayyeessuun beeksisuun fedha

Barataa Odaa Booramaa Image copyright FB Odaa Booramaa

Waan hunda dura kaayyoo qabaachuudha. Kaayyoo sana bakkaan ga'uuf ammoo galma kaa'achuun barbaachisaadha. Addunyaan barnootaa bakka itti sammuu keenya fayyadamuun waan ture fooyyessinee ka dhibiillee haaraa uumnuudha jedha Odaa Booramaa Nageessaa, keessummaan keenya Gumaata Kaampaasii torbee kanaa.

Odaan seenaasaa haala armaan gadiitiin nuuf qoodeera. Dhiyaadhaa...

Odaa Booramaa Nageessaan jedhama. Godina Gujii Bahaa Aanaa Gooroo Doolaattin dhaladhe. Barnoota koo sadarkaa jalqabaarraa eegalee hanga kutaa 12ffaatti achumattin baradhe.

Barnoota koo kutaa tokkoffaarraa eegalee sadarkaa gaariirra ture. Keessattuu wayita barsiisonni qabxii an argadherratti hundaa'uun na badhaasan baayyeen gammadan ture. Manneen barnootaa keessatti baradhe keessatti badhaafamuun koo akkan daranuu barataa collee ta'u na gargaareera.

Gorsi barsiisonni nuuf dabarsaa turan keessattuu kutaa 9ffaarraa ka'ee hedduu na gargaare. Barsiisaan fakkeenya ta'ee akkan gosa barnoota herregaa jaalladhu na taasisellee ni jira.

''Barnoota Herregaa baayyeen jaalladha''

Akkaataa barsiisaan herregaa itti barsiisaa ture barnoota biraa caalaa herregarratti akkan xiyyeeffadhu na taasise.

Herrega hedduu hojjechaa waanan tureef kutaa 10ffaattillee qabxii gaariin fide.

Kutaa 11ffaattis barnoota herregaarratti daranuu cimeen foormulaawwan jiran bifa haaraan fooyyessuuf yaaleera.

Barsiisaanillee akkan herrega baradhuuf na jajjabeessaa ture.

Saayinsiin isaa waan naaf galeef foormulaa duraan turerraa foormulaa biraa baafadheen yeroo qormaataa itti fayyadamaa ture.

Waa'ee foormulaa haaraa ''Simplification of Rational Functions''

Image copyright Odaa Booramaa

Wayitan barnoota baradhu yeroo maraa gaaffii maaliif jedhutu na keessatti uumama.

Gaafachuu baayyeen jaalladha, ofis nan gaafadha, barsiisaas nan gaafadha, gaafadhees deebii hin dhabu.

Kutaa 11 wayitan baradhu kitaaba barataarra mata duree 'simplification of rational expression' jedhu jalatti, yoo ilaallu gubbbaa fi jalaan polynomial function ta'eetu jira.

Wayita kana simplify godhu waan addaa tokkotu jira. Innis x2-a2 fi x3-a3 kan jedhutu jira. Kun Special function jedhama.

x2-a2, x3-a3 lameeniifuu waan ta'e lafa kaa'aniiru.

Animmoo maaliif x2+a2 akkasumallee x3+a3 dhaaf waa lafa hin kaa'amne jedheen gaaffii eegale.

Akkasumallee exponentiin maaliif 3 ol hin taane jedheen gaafachuu itti fufe.

Haaluma kanaan haga power 10,20, darbees haga dhibbaa deemee ergan mirkaneessee foormulaa walii galaa isaa lafa kee'e.

Gama poozatiiva maaliif hin taane kan jedhuutiin waggaa sadan darbaniif irratti hojjedheera.

Utuma kana yaalaa jiruu Yuuniversitii gale.

Yuuniversitiitti ergan foormulaa karaa poozatiivaa argadheellee namatti mul'isiisa eegale.

Yeroo jalqabaatiif manuma barumsaa jalqaba itti baradhe kan Aanaa Gooroo Doolaa jiruttin barsiisaa Herregaa kiyya nama turetti mul'ise.

Isaan ilaalanii gara Godinaatti naaf barreessan ,duuba godinni gara Yuuniversitii Adaamaa naaf barreesse, Yuuniversitiin kun garuu akkan abdii kutadhu na godheera.

Imala Yuuniversitii Gondar irraa gara Yuuniversitii Hawaasaa

Durumarraa kaasee muummee barnoota Fayyaa (medical doctor) barachuun barbaadan ture.

Qabxiin seensa Yuuniversitii kiyya garuu naaf hin eeyyamne.

Kanaaf jecha kan isatti dhiyaatu Muummee Barnootaa Fayyaa Beelladootaa (Veterinary medicine) guuteen Yuuniversitii Gondar seene.

Bara 2009 Yuuniversitii Gondar kanan seeneef barnoota fayyaa barsiisuudhaan Yuuniversitichi seenaa waan qabuuf ture.

Achi seenee garuu waa lama dhabeera.

Tokkoffaa haalan eegee yuuniversiticha hin arganne, lammaffaammoo barnoota fayyaa (medicine) barachuuf carraa hin arganne.

Kanaafan gara Yuuniversitii Hawaasaatti jijjiirradhe.

Muummee Barnootaa lama altakkaatti hordofuun hin cimuu?

Yuuniversitii Hawaasaatti waan na deebise keessaa tokko hojii herregarratti hojjechaa turedha.

Wayitan foormulaa herregaarratti waan haaraa uumee turetti Yuuniversitiin Hawaasaa naaf ilaalaa ture.

Akkan barnoota herregaa hordofullee na jajjabeessaa turan.

Anillee herregarraa fagaachuu waanan hin barbaanneef yuuniversitii kanaan dura na beekutti jijjiirradhe.

Yuuniversitiin Hawaasaallee Muummee Barnootaa an hordofu cinaatti herrega akkan baradhu yaadaan gurra na buusaniiru.

Amma gosa barnootaa laman wal faana hordofaa jira.

Gosa barnootaa lama dhiisii tokkollee hordofuun ni cimata.

Fakkeenyaaf an gosti barnootaa an barachaa jiru, fayyaan beelladootaa(veterinary medicine) qofaansaayyuu baayyee cimata.

Wanti guddaan garuu kaayyoo fi jaalala barnoota sanaaf qabaannaan ni milkoofta.

Anillee barnoota fayyaa fi herregaa durumarraa eegalee jaalachaa waan tureef hedduu natti hin ulfaanne.

''Namni na jajjabeessu dhibuun qormaata natti ta'aa jira.''

Ijoollummaa koorraa eegalee wayitan barnoota kiyya barachaa ture waan haaraa argachuuf baayyeen hawwaa ture, ifaajaan turellee.

Keessumaammoo gosa barnoota herregaa keessatti foormulaa duraan turerraa fooyyessee haaraa uumuun hawwii kiyya guddaa ture.

Ergan hamma humna kiyyaa waan haaraatti ba'ee garuu namni hamilee na jabeessu hin turre.

Maal yoo natti hafe jettee hanga gaabbitutti si jibbisiisa.

Dhaabbileen barnoota olaanoos ta'e mootummaan haga afaaniin dubbatan gochaan hin agarsiisan.

Ana qormaata jabaa na mudate keessaa tokko hojii kiyya maxxansiisuudha.

Foormulaa kiyya ergan dhiyeessee akka naaf ilaaluuf Yuuniversitii Adaamaatti hoji-maneen isaa kenname.

Yuuniversitii Adaamaa yeroo hedduu deddeebi'ullee hamilee kiyya na buusuurraan kan hafe homaa nan gargaarre.

Kanaafan gara Yuuniversitii hawaasaatti jijjiirradhe.

Amma yuuniversitiin hawaasaa na gargaaree beekamtii naaf kenneera.

Hojii kiyya akkan maxxansiisuuf na deggeraa jira.

Anilllee barreeffamna waan kanaaf barbaachisu barreessee xumuraan jira.

Yeroo dhiyoo keessatti nan maxxansiisa.

''Kaampaasiin nama kaayyoo na taasise.''

Jireenya barnootaa koo keesatti gaaffii maaliif jedhu kaasuun jaalladha.

Kunimmoo akkan ofitti amanamummaan waan haaraatti bahu na gargaareera.

Amalli kun ammallee na faana jira.

Cireessa beelladootaa ta'uu koorraan kan ka'e waa'ee dawaa beelladootaa mala aadaatiin kennamanii qo'achaan jira.

Haga daawaa alaa galchinu maaliif kanuma hawaasi keenya mala aadaan fayyadamu hin ammayyeessine jedhee gaaffii koo eegaleera.

Qorannoon kiyyallee kanumarratti xiyyeeffata.

Kana cinaattimmoo herregaanis sadarkaa beekamuurra ga'uun barbaada.

''Carraan harkaa qaban wayita harkaa dhaban namaaf gala''

Mooraan yuuniversitii carraa hedduu baatti.

Hawaasa aadaa adda addaa waliin jiraatta, keellee qooddee ka ormaas qooddatta.

Bifa kanaan beekumsa balbala keetiin alaa horatta.

Gama biraan walabummaalleen hedduu jirti.

Bilisa taatee qo'annoo yoo cimsite daranuu milkiin ba'uu dandeessa.

Teetullee carraan harkaa qaban kun yoo itti hin fayyadamin qilee nama buusa.

Carraan kunillee gaafa harkarraa si dhabame deebiyee si gaabbisiisa.

Barattoonni hedduun kan hiriyaa dubaraa baafatanii bashannananii jiraatuu fedhanidha.

Kunimmoo yoo tolchanii of hin to'atin kaayyoo ofii nama dagachiisa.

Hedduun shamarranii fi dargaggoota keenyaa sababa jaalala keessa seenaniif kaayyoosaanii dagatanii hin milkaa'in hafu.

Kanneen sababa akkanaan mooraa keessaa geggeeffamanillee nan beeka.

Erga mooraa Yuuniversitii galanii kaayyoo ganamaatti cichuu qabu, barattoonni.

Yeroon nuti har'a waan hin mallerratti ykn bu'aa malee dabarsinu kisaaraa nurratti lakkaawaa akka jiru hubachuu qabna.

Wayita mooraa Yuuniversitii jirtu waan egeree ittiin jiraattu murteeffattee bahuu qabda.

Dorgomeen hojii mootummaatiin jiraadha jedhanii yaaduun milkaa'ina miti.

Barnoota kiyyatti fayyadamee akkamiinan hojii uummadhee ufitti amanamummaadhaan jiraadhaa jennee karoorfachuu qabna.


*Odeessi Gumaata Kaampaasii, jiruufi jireenya barattoota yunivarsiitii hirmaachisuun BBC Afaan Oromoo irraa torbaniin altokko kan isinii dhiyaatudha.

Odeessaalee dabran:

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata