Pirezedaanti Lammaa Magarsaa: Qabsoo ABO buleeyyii taasisan nu biratti galata guddaa qaba

Pirezedaanti Lammaa Magarsaa Jila ABO QC waliin yeroo mariyatan Image copyright Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Oromiyaa

Pirezedaantiiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaa hoggantoota Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) buleeyyii waliin har'a mariyataniin 'qabsoo ABO buleeyyii taasisan nu biratti galata guddaa qaba' jedhan.

Akka Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Oromiyaatti Preezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaa jila hoggansa ABO buleeyyii Obbo Galaasaa Dilbootiin durfamu waliin mari'ataniiru.

Pireezidaant Lammaa Magarsaa gara biyya keessa galuu jiilli ABO kana sababeeffachuun baga nagaan dhftanii jechuun marii taasisaniiru.

Sirna kanarratti Pireezidaant Lammaa akka jedhanitti qabsoon ABO buleeyyii taasisan nu biratti galata guddaa kan qabuudh.

"Jijjiirama dhfeefis hunduu gahee qaba."

Jijjiirama dhufee kana ammoo ceesisuuf hundi keenyaa gahee mataa keenya bahuu qabna jedhaniiru.

Obbo Galaasaa Dilboon gamasaanitiin kan nuti qabnu muuxannoodha, jijjiram amma dhufee ceesisuuf muuxannoo qabnuun ni hojjenna jedhaniiru.

Jiilli ABO Qaama Cee'msaa JObbo Galaasaa Dilbootiin durfamu waamicha mootummaan taasiseef fudhachuun karaa nagaatiin qabsa'uuf tibba kana gara biyya keessatti galuun isaani yaadatama.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata