Tiraamp dhimma Kurdoota Sooriyaa ilaalchisee dinagdeeshee miidhuu akka danda'an Tarkii akeekkachiisan

Humnootni Tarkiin deeggaraman Kaaba Sooriyaatti Kurdoota irratti haleellaa taasisuuf yommuu deeman Image copyright EPA
Goodayyaa suuraa Humnootni Tarkiin deeggaraman Kaaba Sooriyaatti Kurdoota irratti haleellaa taasisuuf yommuu deeman

Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp yoo Tarkiin Kurdoota Sooriyaa jiran irrati waraana bante dinagdee ishee akka malee miidhuuf qophii tahuu isaanii himan.

Tiraampi karaa toora tiwwitarii isaanii kaleessa akka ibsanitti warri Kurdis akkasuma Tarkii akka tuttuqan hin barbaadu jedhan.

Loltootni Ameerikaa hidhattoota Kurdi waliin tahuun Kaaba Sooriyaa keessatti Islaamik Isteet waraanaa turan.

Tarkiin garuu tokkummaa uummata ittisu kana gochaa shororkeessaa jechuun waamaa turte.

Pirezidaanti Reesib Xaayib Erdoohaan garuu deeggarsa Ameerikaa kana ilaalchisee aariin yommuu dubbatan hidhattota Kurdi nan balleesa jedhani ture.

Tiraampi ammoo loltoota Ameerikaa Sooriyaatii baasuu isaaf waan ceepha'amaa tureef sodaa Kurdootni qaban ilaalchisee yaada kana barreesse.

Qondaalli olaanaan maatii mootota Sawud Arabiyaa, Tarki Fayisal jedhamu inumaa Amerikaan loltoota ishee baasuun Iraan, Raashiyaa fi pirezidaanti Bashar al Asaadiif faayidaa guddaa qaba jedhan.

Barreessaan Dhimma Alaa Ameerikaa Maayik Poompeen biyyoota Baha Gidduugaleessaa daawwataa kan jiran yoo tahu deeggarsi Ameerikaa akka isaan waliin jirus ibsaa jiru.

Yoo tarkiin humna Kurdish rukutte haala akkamiin dinagdee ishee miidhuuf akka qophaa'an ibsuu baatanis Tiraampi hidhattotni IS garuu mo'amanii jiru jedhan.

Dabalataan humni xiqqaan IS haftes yoo jiraatte buufata waraanaa dhiyoo jiru tokko irraa ka'uun ukutuun ni danda'ama jedhan.

Ameerikaan loltoota ishee Sooriyaatii baasuu hordofee Ministira Humna Ittisaa Ameerikaa Jiim Maatis dabalatee qondaaltotni olaanaoon kaanis aangoo gadlakkisaniiru.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata