Qorataan ''dandeettiin gurraachotaa kan adiin gadi'' jedhan badhaasota isaanii mulqaman

Jeemsi Waatson bara 2009'tti Image copyright EPA
Goodayyaa suuraa Jeemsi Waatson bara 2009'tti erga yaada walfakkaatu kennanii booda

Saayintistiin beekamaan Ameeerikaa Jeems Waatson, badhaasaalee kabajaa argatan sababa yaada sanyii fi dandeettiirratti kennaniin mulqaman.

Qorataan qacccee saanyii(DNA) jalqabaa kun sagantaa Teelevizhiinii irratti dhiyaachuun jiiniin madda garaagarummaa dandeettii(IQ) gurraachootaafi warra adii gidduu jiruuti yaada jedhu kennaniiru.

Dhaabbatni qorannoo 'Cold Spring Harbor Laboratory' jedhamu isaan keessatti qorataa turan yaadni maanguddoo waggaa 90 kennan kun ''ragaa fi itti gaafatamummaan kan hanqatuunii'' ittiin jedheera.

Dr. Waatson bara 2007'ttis yaaduma wal fakkaatuu kennniin boodas dhiifama gaafatanii turan.

Manguddoon kun qaccee sanyiirratti qoratanii bu'aa argataniin nama kan biraa tokko waliin bara 1962'tti badhaasa Noobelii argataniiru.

Dr. Waatson bara 2014tti meedaliyaa warqee badhaafamanii turan sababa yaada isaanii kanaan balaaleffatamuu isaaniif jecha gurgurataniiru.

Bara 2007'tti yaada barruu Times'f kennaniin Afrikaa akki itti ilaalan jalqabumaa qabee gadaanaa akka ta'e dubbatanii, '' imaammatootni hawaasummaa keenya hunduu hubannoo dandeettiin isaanii kan keenyaan qixxeedha jedhu qaba, haata'u malee qorannoon kun sirrii akka hin taane agarsiisa.''

Osoo hunduu walqixa ta'ee abdii jedhu qabaataniis, ''namootni gurraachota waliin hojjetan kun dhugaa akka hin taane beeku'' jedhan.

Yaadota kunniin erga kennanii booda maanguddoon kun hojiilee bulchiinsaa irra turan hundarraa ari'amaniiru. Dhiifama gaafatanii badhaasota kabajaa isaanii deebifataniis dookumeentarii tokko irratti yaadni isaanii kan hin jijjiiramne ta'uu ibsuun isaani gidduu galli qorannoo keessatti hojjetan akka isaan adabu taasiseera.

Yaadni isaanii Saayinsiin kan hin mirkaneessinedha jechuun dhiifama gaafatanii turaniis fudhatama dhabsiiseera.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata