Gumaata Kaampaasii 10: Kaayyoo ofii dagannaan, soogidda bishaan waraabuu dhaqxe ta'uudha

Barataa Guutuu Addunyaa

Jechoota ofii isaatiin yeroo ibsu bu'a ba'ii keessa darbe keessatti hangam akka qaramee darbe agarsiisa. 'Rakkoon miyeessituu jireenyaadha', 'kufuu osoo hin taane kufee hafuun sodaadha, kan jedhaniif kan biroon qaaccessee dubbata.

Mul'ata isaa dabalatee mudannoo isaa qophii Gumaata Kaampaasii BBC Afaan Oromoo irratti gumaacheera.

Ani Guutuu Addunyaa Dhugaasan jedhama. Yunivarsiitii Saayinsiifi Teeknoolojii Finfinnee (AASTU) irraa bara 2018 Muummee Barnoota Eleektirikaaliifi Eleektirooniksii Injineeringidhaan ebbifamee.

Godina Wallaga Bahaa aanaa Waayyuu Tuqaa magaalaa Guuteettan dhaladhe. Maatii koof ilmaa hangafaati. Barnoota koo sadarkaa tokkoffaa Mana Barumsaa Guutee sadarkaa tokkoffattan baradhee.

Abbaan koo baran kutaa 2ffaa baradhu, jechuun bitootessa 17, 2003 umurii koo waggaa saddeetitti dhibeedhaan tasa lubbuun isaa dabarte.

Anis itti gaafatamummaa guddaa ijoolummaadhan narratti dhufee kana baachuudhan barumsaa koo sadarkaa tokkoffaa qabxii olaanaadhan xumureera.

Barumsa koo sadarkaa lammaffaa achuma mana barumsaa Guutee sadarkaa lammaffatti barachuudhan qabxii 4.0 fiduu danda'eera.

Qorumsa kutaa 10ffaa qabxii olaanaadhan xumuree osoon jiru ariitiidhaan rakkinaa maatii akkan furuuf namoonni akkan koolleejjii barsiisotaa seenu ykn immoo pooliisitti makamuudhaan barnoota koo suuta suuta akkan guddifadhu naa gorsni turan.

Ani garuu yunivarsiitii seenudhaan abjuu koo galmaan ga'uun hawwii koo waan tureef diidudhan Mana Barumsaa Qopha'iina Naqamtee seenee barachuu eegale.

Mana barumsaa qophaa'ina naqamtee seene qabxii olaana galmeessisun karoora koo guddaa yeroo sana ta'uus garuu rakkolee garagaraaf dhibee naa mudateen akkan yaade hin ta'iin haafe.

Haata'uu malee, qabxii foyya'aadhan Yunivarsiitii Saayinsiifi Teeknoolojii Finfinneetti makamuu danda'eera.

Image copyright Guutuu Addunyaa

Barumsii meeshaa jijjirama rakkinaa addunyaa kana furuu danda'uu ta'uu isaa waanan amanuuf rakkinaa jireenyaa keessatti naa mudatan furudhaan gargarsaa Waaqayyootiin ofii koos ta'ee obbolonnii koo Gammachuufi Hawwiin barumsaa akka addaa hin kutnee gochuu danda'eera.

Maatiin koo harkaa qalessaa waan ta'aniif kutaa 3ffaa hangaa kutaa 12ffaa tti rakkinaa kara dinaagdee jiruu hiikuudhaf yeroo barnootan alatti hojiilee kanneen akka:

•Shonkoora (alaa) gurguruu

•Dalagaa guyyaa (hojii humnaa) dalaguu(day labour)

•Barumsaa kaffaltiin qo'achiisuu

•Saanbuusaa bilchessanii gurguruu hojjechaan ture.

Yeroon yunivarsiitii baradhuu ganna gannaafi yeroo boqonnaa hojiiwwan kanneen hojjechudhaan rakkinaaf osoon hin jilbeenfatiin injifannoodhan golaabuu danda'era. Maati koof, akkasummas fakkenyummaa gaariis agarsiisera.

Bu'aa ba'ii yunivarsitii keessaa

Namni abdii tokkoyyuu hin qabnee qabeenya, beekumsa, angoofi beekamtii hagam yoo qabaateyyuu jirachuu hin danda'uu.

Namoonni hedduun kan of ajjessaan(suicide) abdii fiixanitu malee waan itti jirataan dhabani miti.

Anis guyyaa borii keessatti waan gaarii arguu kootu yunivarsitii seenee akkan baradhu haamilee natti horee.

Bara 2014 yommuun yunivarsitii seenu barumsaa kootti cimuudhan qabxii gaariin xumurudhaan ofii koos ta'ee hawaasa koos tumsuun abjuu koo ture.

Akkumman yaades seemistera jalqabaa tuqa 3.9 fidudhan filannoo kootini muummee barnoota Eleektiriikaliifi Eleektirooniksi Injinneriingii seene.

Sababni isaas barnoota Herregaafi Fiiziksii baay'een jaaladhan waan ta'eefidha. Onnee guutuudhaan abjuu koo dhugoomsuuf kaadhuus, rakkoon siyaasa biyyii keenyaa yeroo sana keessa turte karaa koo na jala mucucessera.

Hiriira diidda Maaster Piilaanii ji'aa Guraandhala bara 2014 mooraa yunivarsitii keenyaa keessattii adeemsifame keessatti hirmachuufi qindeessuu keessa qooda qabda jechuudhan humnonni tikaa mootummaa yeroo sana qaamaafi bilbilaa naa doorsisuu eegalan. Hirriyoottan koo murasaa immoo ni hidhaan.

Barattoota mooraa keenyaa hundaa waliin walitti dhufeenya mishaan qaban ture.

Haata'uu malee, eenyuuyyuu mul'ataa koo irratti akka dhiibbaa uumuuf hin hayyamne. Barumsaan idillee baradhee caalaatti jireenyaa hawaasummaa mooraa keessa irraa waan guddaa boriif naa onnachisan argadhera.

Akka soogidda bishaan waraabuu dhaqee kayyoo ofii dagatani akka hafan kan nama taasisuu jaalala kaampasiiti.

Kanas mo'ichaan keessaa ba'uudhan barnootaa koo sadarkaa (distinction) dhan xumuruu danda'eera. Kufuu hin sodaadhu kufanii hafuu malee.

Mul'anni koo

Yoommuu ijoollummaa koo paayileetii ta'uun hawwa ture. Kana dhugoomsuuf yunivarsiitii waggaa lammaffatti dorgoomeen ture, hin milkoofne malee.

Sababni isaa dheerinni kiyyaa seentimeetira tokkoo waan hir'ateefidha. Durumayyuu kaffaltiin isaa gaarii ta'uusa dhaga'een malee haala hojiicha baay'ee hin beekun ture.

Ammaa immoo mul'ata keessa ture tokko rawwachuu haalli dalagichaa waan hin eeyyamneef deebi'ee dorgommuudhaaf fedhii koo hin taane.

Kunis yunivarsiitii waggaa lammaffa xumura irratti ani ofii koo qofaaf jireechun hin qabu jechuudhaan osoon yaaduu naa keessaa bule.

Mul'anni koos dhabbataa KIT(KUSHITIC INSTITAUTE OF TECHNOLOGY) jedhamuu hundeessudhan, dargagoota Ardii Afriikaa teeknoolojii kalaqaan oomishuudhan rakkoo Afriikaa akka furaan tumsudha.

KIT jechuun afaan Ingilliiziin meeshalee gargarsa laaboratoorii jechuu akkumma ta'e dhabbanni kunis meeshaa gargarsa rakkoo ardii Afriika akka ta'uudha.

Dabalataanis, gara fuula duratti barnoota koompiiteeran barachuuf qorannoo teeknoolojii keessatti qooda fudhadhee ga'ee koo ba'udha.

Johon F Keenediin naman fakkenyaa naaf ta'udha. Sababni isaa yommuu innii waa'ee ji'a irra qubachuu karorsee yaadichi hin fakkatu waan tureef.

Har'a garuu mul'annii isaa sun iccitti waltajjiiti. Karan irra adeeme dhufee immoo abjuu koo kana dhugoomsuuf haamilee naaf ta'a.

Ammaaf garuu hojii mul'ataa koo waliin adeemu barbaduuchuttan jira. Kitaabolee garagaraas gara Afaan Oromootti hiikuutan jira.

Wantootan ittii gammadu

Waantonni naa bohaarsan fiilmi seenaa(documentary) ,hasaa nama onnachisaan(motivational speech) dawwachuufi muuziqaa dhageeffachudha. Hundaan ol garuu hangaa humna kootti waan qabun nama gargaruudha.

Dhaamsa koo

Namni kamiyyu kayyoo qabatee hojjenan lafa yaade ni qaqabaa. Rakkinii immoo mi'eessitu jireenyati. Addunyaa kanarra hamma isaatu wal caala malee namni rakkina hin qabne waan hin jirreef akka abdii hin kutanen sitti hima.

Qabeenyii uumaan walqixaa nuuf kenne yeroodha. Mooraa yunivarsiitii keesatti waantonni yeroo nama nyaatan kanneen akka filmii, geemiii falmii garagara baay'isuu irra of qusachuun dansadha.

Image copyright Guutuu Addunyaa

Gorsa haarmee koon addee Dammituu Fuufaan isiinif qooda: Nama saba keessan arrabsiisu hin ta'ina ijoollee koo jetti, atis akkas hin ta'in. Kufaatin sirratti hin eegallee, kanaaf maaltu akka si kuffiisee adda baasuun irratti hojjedhu.

Nama hubanna gam-tokkee(single minded) hin ta'in. Hanga si fayyaduu waan hundarra beekumsa guduunfadhu.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata