Artiist Umar Suleemaan: Osoo rasaasaanuu nadura dhaabbatanii yaada kiyya hin jijjiiru

Artiist Umaar Suleeman
Goodayyaa suuraa Sirba qabsootiin kan beekamu artiist Umaar Suleemaan waaggaa 18 booda biyyatti deebi'e

Turtii waggoota 18 booda gara biyyaatti kan deebi'e Artist Umar Suleeymaan hojiilee isaa fi dhimmoota biro hedduu irratti BBC waliin turtiin taasise kunooti.

Artiist Umaar Suleemaan yeroo hedduu haasa'aan isaa bifa walaloo qaba. Walaloon kennaadhaamoo itti qophoofteeti?

Walaloon lafumaa kaatee yerosuma hin dhuftu itti yaaduu sibarbaachisa. waan dubbachuu barbaaddu sana itti yaaddee akka ishiin walaloon walitti qindooftee mijooftee baatu situ godha malee ishiin ofumaan hin dubbatamtu.

Garuu ani akkanumatti dubbachuu irra walaloon yoon dubbadhe irra naaf taha. Akkastu irra naaf mijata.

Qabsoof bosona seentee turtee?

Ani gaafuma dhaladhuyyuu lafa qabsoottin dhaladhe. Qabsoo ani karaarraa itti hin dhufne keessattin dhaladhe, keessattin guddadhe.

Ummata qabsaahaa keessaan dhaladhe durumayyuu.

Kanaaf lafumti ani itti dhaladheyyuu lafa qabsooti, ummanni ani irraa dhaladhes uummata qabsaahaadha.

Sirboonni ati sirbite yeroo sana sirnaan hawaasaa bira siif gahaniiruu?

Sirbootin ani sirbe kan seeran qindaa'ee naaf gurgurame kaasetan jalqaba baase qofadha.

Kanaan alatti warra hafan anatu walaloo, yeedaloo posteraa itti baasee maxxanse, ummataan gahe malee kan mana muuziqaatti maxxanfame hin jiru.

Namootni ani ergan maxxanseen booda naaf rabsaa jedhee itti kennellee borumtaasaa ni hidhamu ture.

Sababa kanaaf ummanni kaaseta kiyya sana walumarraa waraabbateeti dhoksaan kan dhageefataa ture.

Obbo Mallas waa'eekee dubbateera jedhama kuni dhugaadhaa?

Kana ummatatu jedha ani gaafa sana bakka sana hin turre. Ummata gaafa sana Obbo Mallas Zeenaawiin waan sana itti dubbatetu hima malee ani kallattiin hin dhageenye, kana ummatatu beeka.

Sirbootni kiyya dhaamsa cimaa waan qabuuf qotee bulaan, daldalaan, hundi namaa ittiin dammaqeera.

Gaafa kuni hundi mootummatti gaaffii kaase, Mallas waa'ee kiyya dubbachuu danda'e.

Yeroo ati sirbaan WBO faarsaa turte sana ODP'n nuuf sirbi siin jedhanii turanii?

Kun amma miti gaafa duriiti. Gaafas ijoollee walitti qabanii anas nagaafatanii ture.

Gaafa isaan akkas jedhanii nagaafatan, "lakkii ani aartistii ummmataati, aartiinis kan ummataati, ani kan dhaabaa miti, hojii dhaabaas hin dalagu, waan isin jettan kuni waan amma tahaa jiru waliin hin deemu" jedheen deebiseef namoota yeroo sana nagaafataniif.

"Hojiin amma ani dubbadhuu fi bakki amma ati itti na affeertu kuni waliin hin deemu. Kanaafuu affeerraa kee kanaaf galatoomi garuu, akkasitti hojjechuu hin danda'un" jedheen.

'Gadab jechuun Hasaasa, Umar jechuun rasaasa' kan jedhu maalirraa ka'ameeti?

"Gadab jechuun Hasaasa

Umar jechuun rasaasa

Geerarsisaa dhukaasa

Bakka dhaheen fullaasa

Hamilee saba tiyyaa baaruda onnee ta'ee olkaasa

Diina hamilee cabsee dhukkee isarraa kaasa,biyya tiyyarraa baasa" jedha hiikansaa guutuun.

Hasaasa jechuun lafa dirree diriiraadha.

Umar jechuun rasaasa jechuun' jechi ani jedhu suni ilaamee ija gurraattii dhaha. Osoo sodaa tokko irraa hin qabaatin. Osoo mamaa hin godhin.

Wanti ani dubbadhu suni kan irraa hin hir'anne kan irrallee hin darbine, haqaratti kan hirkatte.

Waanin ani geerarsaan himus waan ija kiyyaan arge waan gurra kiyyaan dhagahe kan onnee tiyyaan itti amane qofadha.

Kanaaf ani dursa nama onnee hidhate, lammeessoo nama surrii hidhate, sadaffaan nama tokkummaa Oromoo hidhatee uummata kiyyas hidhachiisu.

Ummanni kiyya qawwee hidhachuun dura onnee akka hidhatu, waan godhu itti yaadee akka godhu, dhumaratti akka tokkummaa isaa cimsuufin hojjechaa ture.

Waan ani hojjedhu rasaasa, bakkan ani dhahe sanammoo dandamatuun hin jiru kanumaafi kan akkas jedhamu.

Yeroo namni dubbachuu sodaatu sana ati akkamitti sirboota warraaqsaa sirbaa turte?

Warrii keenya, akaakileewwan keenya warra osoo namni hirriibaa hin ka'in hirriibaa ka'anidha.

Warra gaafa lola dhombir, lola sobraa fi lola soochoo keessa ture. Ummanni keenya bara sana dura hidhatee wagga torbaaf ofiin ofbulche.

Ani ummata akkanaa keessatti dhaladhee guddadhee waa'ee Oromummaa, waa'ee mirga ofii falmachuu isaanirraan baradhe.

Yeroo sana Oromoon tokkummaan isaa cimee walitti dhufnee turre. Gaafa dhaabni biyyaa bahe ajajni tokkollee hin turre namni garana deemaa garas deemaa jedhu hin turre.

Bitaa mirga laalee gaafa ofbiraa homaa dhabun anumti mataan kiyya of hogganee, qabsaahee, lolee lolchiisuu nan dandaha jedheen murteefadhe.

Gaafan kana murteessu nan jiraadha jedhee yaadeen miti.

Hamman du'utti saba kanaaf waa gumaachuun qaba jedheeni. Wagga tookkotti kaaseeta lama fi sadifaan baasaa ture.

Ofitti murteesseen hojechaa ture waan ta'eef sodaa hin qabu yeros.

Akkamitti warri mootummaa siqabuu dide?

Tokkoffaa ani oliif gadi hin deemu, namas baayyee hin qunnamu nama sadi afur caalaadhaan walitti waan hin dhufneef kuni nabaraare.

Sababa Kanaan namni baayyeenillee nan beeku. Umar jechuu maqaa beeku, nama guddaa wayiifaa sehanii nayaadu.

Kanaaf osoon diinuma birallee dhaabadhee namni anaan akkas godha jedhee yaadu hin jiru.

Kan biraammoo ani yeros karaan amma irra darbe booda irra hin deebi'u. sa'aatiin harra irra darbe borummoo saatii biratin deema.

Yeroo baayyee Manuma taa'ee waanin hojjedhuuf osoon bakka tokkoo hin deemne yeroon torbee lamafaa turutu jira.

warri tika mootummaa siqabuuf mana keessan dhufnaan uffata aayyoo keetii uffatee jalaa miliqxe jedhama kuni dhugaadhaa?

Lakkii kuni dhugaa miti. namootatu haasa'e malee ani takkaa qamisii hin uffadhu.

Osoo natti dhufaniis lubbuuf jedhee qamisii hin uffadhu. Kuni haasaa namoonni taphaaf haasa'an dubbii kolfaati.

Osoo rasaasaanuu nadura dhaabbatanii ani yaada kiyya hin jijjiiru.

Osoon lubbuu tiyyaaf sodaadha tahee jalqabuma qabsoo kanatti maalifin galaayyu?

Hojiinkee gara fuulduraa maal taha?

Wanni kaleessa irraa dubbataa turre bakka kaleessaa dhaabadheen akka kaleessaatti dubbadhe.

Har'ammoo akka amma jirrurraa, waan amma tahaa jirurraa ka'een hojjedha.

Kaleessa akkaataa itti qabsoofnee bilisummaa teenya harkatti galfannu ture. Kaayyoon isaas loltee, lolchiiftee, ajjeestee duutee bilisummaan akka dhuftuufi.

Har'ammoo wayita dhufnu kana waamicha nagaatu nuuf godhameeti kan dhufne. Waamicha nagaatiin as jirra jechuudha.

Amma lola kan jedhamu bakka kana hin jiru. Osoo yeroo lola barbaadu ta'ee har'a qotee bulaan keenya Finfinnee dhufee hin dhiichisu ture. As dhufee akkanatti nasimachuun yaa hafuutii namni Oromoo lama wal-arguunuu rakkoo ture.

Akkuma nagana affeeramnee dhufne ummata keenya tasgabbeesinee, nagaa keenyas eegannee, waan arganne sirnaan qabannee tokkumaa keneya cimsuu qabna.

Ummanni keenya bilisoomeera garuu akkatti bilisummaa eeggatu hin arganne. Biilsoome yoon jedhu kaleessa akkanatti baayyatee Finfinnee hin dhufu ture kunumtuu bilisummaa tokko.

Ani namni kaleessa dhokadhee saba kiyyaaf qabsaahaa ture har'a bilisaan galma barkumeetti dhufee haasa'uunuu bilisummaa kiyya.

Kanaaf bilisummaa keenya tikfannee waan nuharka jirullee jabeefannee waan nuhafus fuldura ittuma adeemna.

Hojiin kiyya kana boodaas nagaa jaalattoota hunda cinaa dhaabbachuudha kanin dhufes kanumaafi.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata