Ibraahim Hajii: Guca isaan qabsiisan ibsachaa seenaa itti fufsiisuun labata ammaarraa eegama

Miseensonni Baandii Afran Qalloo wayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booleetti simataman. Image copyright Feesbuukii Hamzaa Booranaa

ALA bara 1962 hacuuccaa fi cunqursaa mootii biyya bulchuun irratti haggaamamaa ture dhiibee bahuun hundeeffame, Baandiin Afran Qalloo.

Seenaa ofiin boonuu, bilisummaa ofii leellisuu, tokkummaan jiraachuu, afaan ofiitti dhimma bahuu, duudhaa ofiin buluufi barnooti oromoofis ni mala jechuun walgurmeessanii qabsaa'onni karaa aartiitiin qabsoo eegalan.

Hangaftichi aartii oromoo xurree bilsummaa walleesaatiin ummata oromoof saaqe jedhamu Alii Shabboo dandeettii gitaaraa isaa agarsiisuun sagalee kiiloleen wallee eegale, kaanifis fakkeenya ta'e.

Ayyuub Abubakar, Yuunis Abdullaahii, Alii Birraa, Usmaa'el Mohammad , Muhammad Yuusuf, Saalaa Mahmuud, Shantam Shubbisaafaa, ''xurii kee dhiigaan sirraa dhiqnee, lafee keenyaan si tikfanna jechuun oromiyaaf of kennan'' jedhu namoonni baandii kana keessa turan.

Hundeessitoonni baandii Afran Qalloo hedduunsaanii wareegamaniiru, kuun ni hidhaman, kanneen biroon ammoo biyyoota ambaatti baqatan.

Hundeessitoonnii fi miseensonni baandii Afran Qalloo hagamillee cunqurfaman kutannoodhaan aartii altokko ummata oromoo dhandhamachiisan osoo addaan hin kunne inumaa hanga sadarkaa addunyaattillee beeksisaniiru. Dr.Kabajaa Artistii Alii birraa kanaaf fakkeenya guddaadha.

Yeroo ammaa kana gara biyyaa deebi'anii jiru. Mahammad Qophee koree simannaa keessaa tokkodha.

''Namoonni kunneen ka gaafa Afran Qalloo bara bulchiinsa Haayilesillaasee tiin diigamu baqatanii bahan jiru, akkanumaan ugguramaa hanga dhiyoo tanaattillee roorroo dheessuuf gara biyyoota ambaa baqachaa turan. Hundeessitoonni kanneen akka Ismaa'el Muummad,turee leencoo ,Mahamuud SheekMahammad faa warra bara qabsoo Elemoo qilxuufaan geggeessaa turan karaa baandii kanaa deggeraa turaniidha.''

Miseensonni Baandii Afran Qalloo Gameeyyiin kunneen weellistoota qofa hin taane qabsaa'ota adda dureellee turan kan jedhan Obbo Mahammad Qophee hundeessitoota baandii kanaa keessaa ka yeroo duraaf waltajjiirratti ba'ee wallise Alii Shabboo fakkeenyi aartistoota Oromoo fi michuuwwan isaa simachuun kabaja Oromummaa nutti hora jedhan.

''Aartistoota bebbeekamoo qofaa osoo hin taane beektonni Oromoo hedduun Baandii kana deggeraa turan waggoota dheeraa booda gara biyyaa deebi'aniiru. Isaan kana simachuu jechuun eenyummaa keenyaaf kabaja kennuu jechuudha.''

''Artistoonni Buleeyyiin kunneen simatamanii erga boqotanii booda hojiisaanii itti fufu, muuziqaa shaakaluu eegalu, seenaa bu'uuressan sana uummatasaanii 'Anaa Dhufu' jedheen biraan ga'uuf karoora qabu'' jedhan Obbo Mahammad Qophee.

''Torban itti aanu ALI Amajjii 18 konsartii Afran Qallootu geggeeffama. Kanarratti aartistoonni Oromoo Buleeyyii fi qacaleewwan ni hirmaatu, qabsaa'onnii fi beektonni Oromoo argamuun seenaa kaleessaa keessatti hunduu of ilaaluuf jira. Konsartii guddaa akkanaa magaalaa Finfinneetti qophaa'uuf waamichi Oromoo hin barbaachisu, kansaa waan ta'eef kan danda'e hunduu argamuu qaba'' jedhan

Miseensi koree simannaa miseensota baandii Afran Qalloo ka dhibiin Ibraahim Hajii kaayyoon simannaa aartistoota gameeyyii kanneenii seenaa yaadachuu akka ta'e dubbatan.

''Waanuma namoonni kunneen hojjetanii darban beekuunoo waan tokko. Seenaa kaleessaa yoo hin beekne kan har'aatiis hin beektu. Ammoo har'arra teesseeti kan boruullee tilmaamtu. Namoonni kunneen warra maallaqaaf osoo hin taane sabasaaniitiif jecha waan guddoo hojjetaniidha. Kabajatu isaaniif mala. Dhaloota ammaafi walumaa galattimmoo uummata Oromoofillee hamilee guddaa ta'a.''

''Wallistoonni wayita Baandiin Afran Qalloo ture eelaa hundaa baadhatanii sagaleesaanii kiiloleedhaan dhaamsa Oromummaa dabarsaa turan hedduunsaanii umuriidhaan jaaraniiru, muraasni garuu kan sagaleensaanii akkuma sanatti jirullee ni jiru. Fakkeenyaaf ka akka Alii Shabboo, Alii Birraa, Ismaa'el Muummad, Mahmuud Sheekh Mahammad,ammallee wallisuuf humna qabu. Kanaafuu, hojiin jalqabaa isaan kanneen jajjabeessuudha. Guca isaan qabsiisan sanaan daandii ibsachaa seenaasaan kaa'an harkaa fuuchuun garuu labata ammaarraa eegama.'' jedhan.

Image copyright Feesbuukii Najaat Hamzaa

Magaalaa Dirre Dhawaatti kan bu'uureffame hawwisoon afran qalloo maddishee gosoota qalloo afran kanneen akka Aalaa, Baabbilee, Daagaa fi Obodha jedhu namoonni dubbisne kunneen.

Wayita mootii Haile Sillaasee sana afaan amaaraatiin ala afaan biraan dubbachuun keessattuu afaan oromootti dhimmi bahuun akka yakkaatti kan ilaalamuudha kan jedhan namoonni kunneen ummanni Oromoo dandeettii afaansaatiin seenaasaa dubbachuu fi dagaagfachuu utuu qabuu ukkaamamaa ture baandii afran qalloo hundeessuun bu'uura jabaa kaa'eera jedhu.

Ta'us garuu baandiin afran qalloo waggoota afur caalaa hin turre, bulchiinsi Haayile sillaasee utuma hacuucuu baandii kana cabseera, isa boodas miseensonni baandichaa dhuunfaa dhuunfaadhaan ga'eesaanii ba'achaa turaniiru.

Gahee baandiin kun aartiifi qabsoo Oromoo keessatti bahe yaadachuufi galateeffachuuf jecha ALI Amajjii 18-25tti torbee Afran Qalloo akka ta'uufi yaadannoowanii fi seenaa baandichaa kaasaa yaadachuuf miidiyaa hawaasummarrattis duulli eegalameera.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata