HRW: Jijjiiramni Itoophiyaa keessatti dhufe hanqina dhaabbiilee walabaan danqamuu mala

Human Rights Watch Image copyright JOHN MACDOUGALL

Itoophiyaa keessa jijjiiramni dhufus dhaabbilee kana itti fufsiisan yoo jiraachuu baatan jijjiiramni kuni karaa hanqachuu mala jedhe gareen mirga namoomaa waggootaa dheeraaf Itoophiyaa qeequun beekamu.

Dhaabbanni mirga namoomaa Human Rights Watch jedhamuun beekamu gabaasa waggaa kan bara 2019 dhihoo baasen Itoophiyaan biyyoota Bahaa Afrikaa keessaa fooyya'iinsa keessa jirti jedheera.

Dhaabbati kuni tarkaanfiiwwan Ministirri Muummee Abiy Ahimad erga gara aangootti dhufani fudhatan hedduu jijjiirama fide jedheera.

Kanneen hidhaa turan hiikamuu, seeroota hacuuccaa qabu jedhaman keessa deebiin ilaalamuu, dhaabbileen shororkeessuummaadhaan himatan akkasumas kanneen baqatani ala turan biyyatti akka deebi'an ta'uun isaanii jijjiirama guddo jedheera.

Dabalataanis, marsariitiiwwan cufamanii turan banamuu, miidiyaaleen buufata isaanii ala godhamanii turaniifi mootummaan cufaa ture biyyatti deebi'uun isaanii jijjiiirama guddaadha jedheera.

Haa ta'u malee, jijjiirama amma dhufe kana itti fufsiisuuf dhaabbileen walaba ta'an waan hin jirreef rakkoo godhachuu mala jechuun ibsa.

Rakkoowwan danqaa ta'an

''Hiraara waggaa dheeraa ture itti gaafatamummaa tolchuu akkasumas dhababilee siyaasaa fi dhaabbiilee siiviiliif dirree siyaasaa bal'isuun,'' bulchiinsa amma jiruuf kanneen qormaata tahan kessaati kan jedhu.

Dhaabbata Mirga namoomaa Human Rights Watch jedhamu jalatti dhimma Itoophiyaa fi Ertiraa kan qoratan Feeliks Hoorn, kanaaf kuni yaaddoo ta'uu ibsu.

Dur lammiileen yaada ibsachuu rakkatan amma garuu ''eegumsi gahaa bakka hin jirretti yaada ofii ibsachaa jiru,'' kan jedhan Feeliks bakkeewwan kanneen keessaa bulchiinsi mootummaa cimaa ta'e hin jiru jedhu.

Goodayyaa suuraa Feeliks Horn, Qorataa olaanaa garee mirga namoomaa Human Rights Watch

Dabalataanis, sochiin meeshaa waraanaa biyyattii keessa bakka hedduutti mul'atu, walitit bu'insi sabaa akkasumas qe'eerraa buqqa'uun filannoo waggaa dhufu dura yaaddoo ta'uu danda'u jechuun ibsa.

''Walakkaa duraa bara 2018 lammiileen miil 1.4 qe'ee irraa buqqa'aan. Kun addunyaa irratti eessayyuu hinjiru.''

Kan kanammoo hammessu jijjiiramni kuni bu'uura yoo hin qabaannedha jechuun ibsu.

''Dhaabbileen mufii ummata kanaa furuuf jedhan ammallee walaba miti. Walabummaa dhaabbilee kanatti ce'un yeroo fudhata,'' jedhan.

Eenyutu duuba jira?

Hoggantoonni mootummaa waldhabdee bifa jijjiirratte bakkaa bakkatti mudatuf kanneen jijjiirama hin feenetu raawwataa jira jechuun himatu.

Kanaafis hoggantoota duraanii kan dhaabbata tikaa dabalatee kan jijjiirama dhufen ''hin gammannetu'' kana godha isa jedhanif garee mirga namoomaa qoratu hangam quba qaba.

Qorataan olaanaa garee kanaa Feeliks Hoorn qorannoo gadi fageenyaa barbaadus kanneen mufii ummataa keessa harka galchatan ni jiraatu jedhu.

''Qaamoleen riformii morman yoo illee akka babal'atu gochuu baatan meeshaa waraanaa kaan ummataaf kennuun qooda qabaachuuf kan socho'an jiru.''

Gaaffii HRW

Gabaasa gareen kuni baasen manneen murtii walaba miti ammallee murtee qaama seera raawwachiisu raawwata jiru jechuun qeeqa.

Qaamni seera hiiku dhiibbaa jalaa bahe seera bu'uura godhachuun walabaan hojjechuuf yeroo gaafata jechuun ibsu.

''Namoonni baay'ee hiikamanis karaa mana murtii osoo hintaane murtee siyaasaan hiikaman. Ammallee walabummaa qaama seera hiiku irratti gaaffii qabaannuus wanti gaarii hojjetameera.''

Nami siyaasarraa walaba ta'an mana murtii waliigalaa hogganuuf filatamu isaanii akka gaariitti kan kaasu gareen kuni ammas wanti hafu baay'eetu jira jedha.

'Himannaa siyaasa bu'uureeffate'

Feeliks Hoorn akka jedhanitti hoggantoonni duraanii sarbama mirga namoomaan shakkaman hidhamuun isaanii gaarii ta'e osoo jiru, ''adeemsi seeraan isaan gaafachuu yoo siyaasa makate waan barbaachise fiduun hin dhiba''.

''Waan itti himataman waan hin beekneef, badii kanaan dura raawwateef gaafatamuu isaanii ykn immoo waldhabdee dhaaba ABUT waliin qabanif wanta tahe ta'u adda baafachuuf ifa miti.''

Kanaaf kanneen to'annoo seeraa jala seenan dhiibbaa siyaasaani jettani shakkitu?

''Adeemsi seeraa siyaasa makatu isaaf mallattooleen jiru. Garuu, baay'ee hinbeeknu. Dura namoonni himanni maali akka irratti baname baruu qabna,'' jedhaniiru.

Akka fakkeenyaattis pirezidantiin duraanii Somaalee bara hogganaa tikaa naannichaa ta'anirraa jalqabe yeroo pirezidantii turanitti wanti isaan himachiisu danda'au ni jira.

Kanaafuu, ''hookkara Jigjgaatti dhalateen qofa tahu hin qabu jedheen abdadha,'' jedhaniiru.

Gareen kuni ammallee namoonni himatamuu qaban hedduu akka to'annoo seeraa jala hin oolle kaasa.

''Pirezidantii naannoo Somaalee qofaatu hidhaa seene. Hogganaa LiyyuuPoolisii dabalatee hoggantoonni kaan hin himatamne,'' jechuun gaafata.

Walitti dhufeenya fooyya'e

Gareen kuni yeroo dheeraaf hoggantoota Itophiyaa waliin walitti dhufeenya gaarii hin qabu ture. Qorataan kunis erga bara 2011 Itoophiyaa seenu dhorkamaniiru. Amma garuu fooyyeen jiraachuu himu.

''Walitti dhufeenyi mootummaa waliin qabnu fooyya'eera. Dur qondaaltota mootummaa dubbisuun rakkoo ture. Amma afuura nagaatu urgaa'a,'' jedhaniiru.

Odeessa kana irratti dabalata