Xaafiin kan eenyuti? Itoophiyaa moo Neezarlaand?

Namicha xaafii calleechaa jiru Image copyright AFP

Xaafiin midhaan Itoophiyaa keessatti omishaman keessaa kan duraafi kan jireenyi qonnaan bultoota miliyoonotaa irratti hundaa'eedha. Iddoon itti argama midhaan xaafii Itoophiyaa akka ta'e hedduun ragaalee eeruun dubbatu.

Jaalala buddeena xaafitiif qaban irraa ka'uunis, isa malee eenyutu quufee bula kanneen jedhan heddudha.

Kun haa jedhamu malee, oduun gama kubbaaniyaa biyya Dachi (Neezarlaand) biraa dhagahame tokko ammoo, dhugaa kana hunda kan faalleessu fakkaata.

Innis heyyama oomishaalee xaafii irraa hojjataman biyya alaatti erguu, erga motummaa Itoophiyaa waliin mallatteesseen booda, waliigaltichi abbummaa xaafii irratti gaaffii kan kaasu ta'uun argameera.

Kanaan walqabatees mootummaa Itoophiyaafi dhaabbaticha jidduutti waldhabdeen umame.

Kanumaan kan ka'ees motummaan Itoophiyaas dhaabbata kana mana murtii idil addunyaatti himate.

Waggoota torban darbaniif wal mormiidhuma kana irra tuusaanii ragaaleen ni mul'isu.

Waliigaltichi kan raawwatame bara 2005tti yoo ta'u, mootummaanis akka abbummaafi heeyyamni dhaabbatichaaf kenname haqamuuf gaafataa jira.

Abbummaan kubaaniyyichi argate kunis biyyoota akka Awustiraaliyaa, Beeljiiyem, Biritaaniyaa, Xaaliyaanii fi Nezerlaandiitti fudhatama qaba.

Qonnaan bultoota Itoophiyaa fi xaafii

Manguddoo ganna 65 ka tahan Abba Fayyisaa Tiksee, ilma isaanii waliin lafa qonnaa isaanii bakka xaafii oomishan keessa turan yoo rippoortarri BBC dubbiseetti.

Akkuma obbo Fayyisaa waggoota hedduuf qonnaan bultootni Itoophiyaa xaafii oomishaa turan. Obbo Fayyisaan 'xaafiin kennaa waaqayyoo nuu kennedha,' jedhan.

Meeshaan kee Miidiyaa taphachiisuu hin danda'u
Magaalaa Finfinneefi carraa qonnaan bulaa naannooshee

"Lafa qonnaa keenyaa yeroo bonaa qopheessuun, ganna ammoo yeroo roobni roobu facaasna. Maallaqnii argadhuu maatii kiyya hundaaf gahaadha. Xaafiidhuma omishuudhaan ofii keenyaaf soorannee, ijoollees barsiifanna. Xaafiin midhaan gaariidha.'' jedhu.

Dhaabbanni biyya keessatti xaaffiirraa waan heddu omishus hojii eegale. Xaafiirraa daabboo, paastaa, biskutii fi pizzaan ni hojjatama. Egaan omishawwan xaafii kanneentu waldhabdee seeraa Itoophiyaa fi kubbaaniyaa Dachi gidduutti uume.

Waggoota 14 darbaniif Itoophiyaan eeyyama Awurooppaa keessatti xaafi oomishuu fi rabsuu kubaaniyaa kanaaf kennitee turte deebistee haqsiisuuf yaalaa turte.

Image copyright Getty Images

A.L.A'tti Jalqaba baroota 2000'tti yeroo Itoophiyaan waliigalticha mallatteessitu, hamma xaafii gara biyya alaatti ergamu dabaluu qofa osoo hin taane, ce'umsa teknolojii cimsuun omisha guddisa jechuun amanuun ture.

Haa tahu malee, mirgi abbummaa Itoophiyaan kubbaaniyichaaf kennite deebisee Itoophiyaa mataashee akka biyyoota kanneen jedhaman keessatti omisha xaafii hingurgurreef daangeesse.

Ittigaafatamaa Waajjira Mirga Abbummaa Qabeenyaa Abba Ermiyaas Yemaanabirhaan waan jedhan, ''Karaa Embaasii Nezerlaand kubbaaniyicha walin mari'achuu yaallee ture. Garuu nama dhuunfaa waan ta'eef isaan ni didan. Kanaafuu wanti nuti hanga ammaatti hojjachaa turrees mirgi abbummaa sun gaarii akka hintaane itti agarsiisuudha,'' jedhan.

Dhaabbanni jalqaba gama fayyaa fi sadarkaa idil addunyaatti nyaata hojjachuun mirga abbummaa qabus, mormicha keessatti argamuu hin dandeenye.

Namni Jaans Roosjen, eeyyamicha irratti akka nama daaakuu xaafii fi omishoota isaa kalaqeetti ibsames amma akka daarektara kubbaaniyaa biraatti ibsameera. Kubbaaniyaan sunis dhimma kana irratti akka deebii hin qabne ibse.

Image copyright Getty Images

Namootni mana nyaataa tokko keessaa osoo nyaata gosa garagaraa nyaatanii arginee dubbisne akkas jedhan:

"Buddeenni akka Itoophiyaa qofaatti argamu nan beka. Yoo asii gara alaatti ergame malee biyya alaatti hin argattu. Kubbaaniyaan biyya Dachi ammo omisha biyya kiyyaafi kanan ani bara jireenyaa kiyya guutuu nyaachaa gudadheetti, akka waan kan isaatti mirga abbummaa argachuun fudhatama hin qabaatu.''

Namni biraa yaadasaa nuuf qoodees, "kun dhimma akaakilee keenyaan walqabatuudha. Buddeenni nyaata guyyuu keenyadha. Waaggoottan dura saayintistiin tokko protiinii homaa hinqabu yoo jedhu dhagaheen ture. Garuu amma sababii bu'aawwan isaa hubataniif itti garagalaniiru. Abbummaan kubbaaniyaa Dachis baayyee rakkina qaba. Gonkumaa hinfudhadhu.''

Falmiin kun hanqinoota seeraa fi wal mormisiisan hedduu qabaatus Itoophiyaan dhimma kana irratti abdii kutachuun dhiisuu hin barbaaddu.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata