Buna: Balaa badiinsa bunaafi yaaddoo qonnaan bultootaa Itoophiyaa

Nama buna dhugu Image copyright Godong

Goosoota bunaa addunyaarra jiru jedhaman 124 keessaa 75 baalaan baduu isaan mudateera, kanneen 35 ta'an yaaddoo kan hin qabne yommuu ta'u, haala goosota bunaa 14 hafanii adda baasuun rakkisaa ta'eera jedha qorannoon idil-addunyaa tokko.

Itoophiyaan bakka aragama bunaa gosa buna Arabikaa jedhamuufi Afrikaa keessaas biyya baay'inaan buna alatti ergaa jirtudha.

Balaan baduu bunaa kun qonnaan bultoota Itoophiyaa buna omishanittis yaaddoo uumuu hin oolle.

Kutaalee Oromiyaa oomisha bunaan beekaman keessaa Godina Qellem Wollaggaatti kan argamtu Aanaan Anfilloo ishee tokkodha.

Qonnaan bulaan aanaa kanaa jiruu fi jireenyi isaanii bunarratti hundaa'e Obbo Boloo Qajeelaa ''Buna jechuun nuyiif jireenya jechuudha" jedhu.

"Jireenyi qonnaan bulaa bu'uurri isaa buna. Diinagdeen biyyaallee bunaan utubamee jira. Bunaa ala jiraachuu hin dandeenyu. Qabeenya keenya isa olaanaadha bunni" jedhu.

''Namni tokko buna dhaabee kunuunsee irraa ciratee gabaatti gurguree maatii isaa ittiin jiraachisa. Kan ittiin gabaa bahan, nyaata ittiin bitan, ijoollee ittiin barsiisan bunadha."

"Kana qofa miti, namni keenya hedduun ganama hirribaa ka'ee buna malee manaa hin ba'u. Akka cireetti kan fayyadamnu buna. Yoo buna hin dhugne hojiin hin jiru.'' jedhu Obbo Boloon.

Dur dur abbootiin keenya buna bosonaa fayyadamaa turan kan jedhan Obbo Boloon sun dadhabbii waan qabuuf amma hafaa dhufuu dubbatu.

''Kunuunsi bunaa sanyii filachuurraa eegala. Oomisha erga sassaabdeellee seeraan qoorsuutu sirra jiraata, bunni jiidhaatti waan ta'eef kan funaanamu. Qoorsuu qofa osoo hin taane seeraan kuusuunis barbaachisaadha" jedhu.

Dhamdhamni bunaa jijjiirameeraa?

Bunni amala dafee samuu waan qabuuf wayita kuusan of eeggannoodhaan qulqullinaan akka kuusan dubbatu.

"Amala foolii hin taane fiduu waan qabuuf idoo qooraa fi qulqullina qabu kaa'uu qabna. Meeshaa qilleensa galchuu danda'utti kuusuu qabna. Kana yoo ta'uu baate gabaa gaariittis hin gurgurattu, dhandhamni bunaallee badaa deema'' jedhu.

Dhandhama bunaarratti qabatamaan jijjiiramni jira kan jedhan qonnaan bulaan buna oomishan kan biraan, kunis rakkoo lamarraa ka'a jedhu.

Tokko rakkoo harka namaatiin uumamuu wayita ta'u lammaffaan ammoo uumamaan jijjiirama qilleensaan kan dhufudha jedhu.

Wantoota dhandhama bunaa balleessaa jiran keessa kan biraan itti fayyadama xaa'ooti jedhu qonnaan bulaan kun.

''Keemikaala garaagaraa darbee naannoo bunaatti fayyadamuunis ni mul'ata. Kunis dhiibbaa mataasaa qaba."

Dhandhamni bunaa haala kanaan yoo badaa deeme ammoo oomishni bunaa yaaddoo keessa galaa deema jedhu.

"Bunni keenya dhandhama isaa gadi dhiise jechuun jiruun keenyas dhandhama dhabeera jechudha, jiruun nutti bushaayuu isaati.'' jedhan.

Akka yaada qonnaan bultoota kanneeniitti xiyyeeffannaan mootummaan bunaaf kenne gadi aanaadha. Gatiin bunaa lafa waggaa digdama har'aa jira jedhu.

''Addunyaan akka keenya buna oomishu tarkaanfii fagoo deemeera. Addunyaa kanaa wajjiin dorgomuu hin dandeenye nuti. Gabaan bunaa hamilee qonnaan bulaa buusaa jira."

"Buna utubaa diinagdee jechuurraa kan hafe xiyyeeffannaa kennee hin beeku mootummaan'' jedhanii komatu.

''Gabaabaadhumatti bunni yaaddoo keessa jira jechuun ni danda'ama. Sadarkaa baduutti deemaa jira. Sababni isaa qonnaan bulaan buna bakkumanni jirutti waggaa eegee deemee firiisaa irraa funaannata malee kunuunsaa hin jiru" jedhu.

Image copyright Eric LAFFORGUE

Bosona kunuunsuun babal'isanii, ooyiruu bunaa misoomsaa, babal'isaa deemuun hafeera. Kunimmoo diinagde biyyattiis kufaatiif saaxiluu mala.'' jedhu qonnaan bultoonni kunneen.

Inumaa iddoo tokko tokkotti buna ciranii midhaan biraa qotuun eegalamuus ni dubbatu.

Kana jechuun ummanni bosona ciree faayidaa adda addaaf oolchaa jiraachuu waliinis wal qabata. Gatiin bunaa bara baraan gadi ta'uunsaa qonnaan bulaan bunarraa akka abdii kutatu taasisaa jira jedhu.

''An yeroo hunda guyyaa guyyaatti buna nan dhuga. Waan na si'eessuuf hedduu natti tola. Shiinii tokko fudhee gaafan manaa ba'u hojiillee si'oominaanin hojjedha. Yoo buna hin dhugne guyyaanillee naaf hin sifaawu'' jedhu qonnaan bulaan kun.

Namni biraan buna fayyadamu kan nuti dubbisne "dhandahama bunaa kutaalee Oromiyaa adda addaa keessatti oomishamanii nan beeka. Kan buna bosonaa fi buna namaan kunuunfamuullee sirriittan beeka" jedha.

"Yeroo ammaa dhandhamni bunaa badaa jira. Warri buna danfisanis waldorgomuuf jedhanii bunatti mi'eessituuwwan waan dabalaniif dhandhama bunaa balleessaa jiru'' jedha.

Qorannoon waa'ee bunaa maal agarsiisa?

Waggoota hedduuf misoomaa fi oomisha bunaa Itoophiyaa keessatti qorannoo qorachaa kan turan Obbo Haayilee Fufaa bunni kutaalee Oromiyaa Kibbaa fi Lixaa akkasumas uummattoota kibbaa keessatti baay'inaan kan oomishamuudha jedhan. Bunni kunis haala afuriin oomishama jedhan.

''Tokko buna bosonaati. Bakka namuu hin geenyetti bosona keessatti ofiisaa biqila. Qorattoonni of eeggannoodhaan gara buna kanaa deemanii sanyiidhaaf itti fayyadamu" jedhu.

"Inni lammaffaan ammoo buna bosona keessatti namni kunuunsudha. Namni kunuunsee kan faayidaa irraa argatuudha."

"Kaanimmoo buna boroo kan jedhamuudha. Oomisha bunaa biyyattii dhibbeentaa 51 caalaa kan qabate buna isa kanadha" jedhu.

Inni kaanimmo buna haala ammayyaatiin mootummaadhaan deggeramee omishamu ta'uu dubbatu. "As keessatti investeroota adda addaatu buna misoomsuu keessatti hirmaatu'' jedhan.

Dhandhamni buna Arabikaa badaa jiraa?

Image copyright Eric Lafforgue/Art in All of Us
Goodayyaa suuraa Dubartii buna qoorsaa jirtu

Itoophiyaa keessatti bunni oomishamu baay'een 'organic' warra ta'aniidha kan jedhan Obbo Haayileen naannoo Oromiyaa keessa qofa buna hektaara kuma 380 oltu jira jedhu.

"Bunni 'organic' ta'e kun amma dhandhamasaa duraa sana qabatee hin jiru. Bunni gara gabaa giddu galeessaatti dhiyaachuuf daldaltoota baayyee bira darbaa, lammaffaammoo akkaataadhumti oomishtoonni bunaa buna itti kunuunsanillee rakkoo guddoo qaba" jedhu.

"Bunnimmoo dafee baduuf saaxilamaa waan ta'eef qulqullina yoo dhabe dhandhamni isaa ni bada.''

Misoomni biyyoo kan haphatu yookiin biyyoon gabbataan kan dhiqamu yoo ta'e akkasumallee yoo qotee bulaan sirriitti hin eegu ta'e xaa'oo uumamaa yoo hin fayyadaman ta'e bunni badiif saaxilamuu danda'a jedhu.

"Keemikaalli adda addaa kan itti gadi dhiifamu yoo ta'e akkasumallee eegumsi biyyoo fi bishaanii naannoo oomisha bunaatti hin geggeeffamu yoo ta'e bunni yaaddoo keessa gala."

Bunni nyaata gahaa ta'e hin argatu taanaan dhandhama gaarii hin qabaatu. Sababni isaas ija guutuu waan hin godhanneef coolligee bada'' jedhu.

''Bunni midhaan kunuunsuu sirrii barbaaduudha''

Image copyright Eric Lafforgue/Art in All of Us

''Bunni uumamaan midhaan kunuunsa guddaa barbaaduudha, kunuunsi bunaammoo hubannoo qotee bulaa buna oomishuutiin walqabata" jehdu.

"Hubannoon qotee bulaa hin cimu yoo ta'e, waan saayinsiidhaan wal qabatu barnoota qonnaan bulaa buna oomishu yoo hin arganne ta'e egereen bunaa yaaddoo keessa jira" jedhu.

Akka addunyaatti qonni keessattuu oomishni bunaa tarkaanfii fooyya'aatti ce'eera. Keenya garuu achuma jira. Kanaafuu dorgomaa miti jedhu.

Iddoon addunyaan geesse har'aa yoo ilaalle oomishii fi oomishtummaan bunaa dabaleera jechuun hin danda'amu jedhan Obbo Haayileen.

''Har'a biyya Biraaziil, Veetnaam, Kolombiyaa yoo fudhanne hektaara tokkorraa kuntaala 24 ol argataa jiru, keenya garuu hektaararraa kuntaala 5 caalaa hin argamu, sanuu kan kunuunfamerraa jedhu.

Oromiyaa keessatti godinaaleen sagal buna bal'inaan oomishan, Wallaggaa Lixaa, Qellem Wallaggaa, Jimmaa, Iluu Abbaa Boor, Gujiifi Guji Lixaa, Hararghee Bahaa fi Lixaa, Arsii maddi mallaqaa isaanii bunadha.

Maattiiwwan godinaalee kanneen keessatti argaman hundinuu buna oomishuudhaan maallaqa argatu. Ta'us garuu akka baayyinasaa qulqullina waan hin qabneef bu'aan argamu abdachiisaa miti.

Bunni baay'inaan biyyattii keessatti oomishamullee, gabaa addunyaarratti ga'een Itoophiyaan dhiyeessii bunaatiin qabdu dhibbeentaa sadi hin caalu. Kun hundumtuu xiyyeeffannaa dhabuu damee kanaarraa dhufa jedhu Obbo Hayileen.

Kan biraan ammoo yeroo baay'ee adunyaarratti gatiin bunaa takka ol ka'aa takkammoo gadi bu'aa waan deemuuf kun deemee qonnaan bulaa hamilee buuseera. Kanneen buna ciranii waan biraa oomishaa jiranillee jiru jedhan.

Kanaafuu qabeenyi uumaa hin egamu taanaan, biyyeen hin kunuunfamu taanaan, bunaaf misoomni ga'aan hin taasifamu taanaan bunni Itoophiyaan ittiin boontu kun baduuf jedha jedhu.

Bunni inni daka bosona keessa jiru bosonumasaa walin kunuunfamuu qaba. Asiidii fi keemikaalonni bunarraa fagaachuu qabu jechuunis gorsu.

Bosonni naannoo bunaa yoo hin eegamu ta'e bunni waggoota dhibba tokko itti aanan keessatti bunni arabikaa lafa kanarraa baduu danda'a jedhu.

Uummannis kana beekee bunasaa kunuunsuu qaba, bosona kunuunsuu fi dhaabuu qaba jedhu.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata