Ibidda Paarkii Garreewwan Biyyaalessaa Arsii to'achuuf maaliif hangana fudhate?

Paarkii Biyyaalessaa Gaarrewwan Arsii gubate agarsiisu

Bosonni Paarkii Biyyaalessa Garreewwan Arsii gaara Cilaaloo gubbaa jiruufi guyyoota muraasa darbanif gubachaa ture to'atamuu isaa dhaabbanni paarkicha bulchu beeksise.

Dhaabbata Bosonaa fi Bineensa Bosonaa Oromiyaatti Daarektarri Misoomaafi Itti-fayyadama Bineensa Bosonaa Obbo Cammara Zawudee guyyaa kaleessa to'atamuu himaniiru.

''Yeroo ammaa ibiddi tokkoyyuu hin jiru. Kaleessa kan ibiddicha to'achuu dandeenye. Kana mirkaneessee dubbachuu nan danda'a akka ogeessa tokkootti,'' jedhaniiru.

Haa ta'u malee, guyyoota darbanitti to'atama erga jedhamee irra deebi'e ka'aa waan turef qondaaltonni deebi'ee ka'uu danda'a jedhani yaaddoo qabu.

Balaan ibiddaa kuni Aanaawwan 5fi 6 keessatti jechuunis Aanaa Muneessaa, Digaluufi Xijjoo, Anaa Shirkaa, Aanaa Xannaa akkasums Aanaa Hoxeessatti mudatu ogeessi kuni ni dubbatu.

Attamin ka'e?

Bosonni paarkii kuni yero gubatu kun haaraa miti. Waggoota saddeet keessatti si'a afur balaan ibiddaa mudateera.

Balaa isa Kamisa eegalen qonnaan bulaan shakkame tokko yeroo to'annoo jala oolan lama miliquu isaanii poolisiin beeksiseera.

Bineensonni bosonaa horii nurraa nyaatan sababa jedhuun bosona gubu isaanii shakkamaan qabaman tokko akka himan Hogganaa Qajeelcha Poolisii Godina Arsii Komaandar Asaffaa Nagaashuu BBC'tti himaiiru.

Shakkamtoota miliqan lama to'achuun seeratti dhiheessuuf hojjataa akka jiran beeksisaniiru.

Ibdidda kana dhaamsuuf jiraattonni magaalaa Asallaa, barattoonni Yunivarsiitii Arsii, poolisiiniifi raayyaan ittisa biyyaa buufata isaa Asallaa godhate hirmaachuu poolisin godinaa ni hima.

Balaa ibiddaa kana dhaamsuuf duulli guyyaa sadii taasifameera.

Maaliif to'achuf yeroo fudhate

Ibiddi parkii kana keessa qabachuu kan dhagahame gaafa Kamisa ganamaadha. Kan guutummaatti to'atamuun kan dhagahame garuu guyyaa kaleessaati.

''Guyyaa dhuma lama sadii fudhate malee isa caalaa fudhate miti,'' kan jedhan Obbo Cammareen tekinolojiin addaa ibidda dhaamsuuf itti dhimmi bahan jiraatuu dhabuu akka rakkootti kaasu.

Ibiddi kuni harka namaan sanuu ummanni gaara yaabe kan dhaamsaa ture ta'us haalli qilleensaa mijatuu dhabuu, bona ta'un isaa, gaara gubbaa bishaan dhibuu akkasumas gosti bosonichaa rakkoowwan ka'an kessaati.

''Kan gubatu saatoodha, saatoon immooo ibiddi isaa dafee hin badu, yennaa balleessanis bakka biraa deebi'e hin ka'a. kana to'achuutu yeroo fudhate malee xiyyeeffannoon itti kennamu dhabee miti ,'' jedhu.

Qondaaltoni Godina Arsiifi Aanaalee godinichaa garuu, ''humna ummataa ol waan ta'ef,'' to'achuuf rakkisaa ta'u himu.

Badii geessise

Badii balaa ibiddaa kanaan gahe qorataa jirra kan jedhan qondaaltonni ''Kan waggoota darbanirra iinni baranaa lafa xiqqaadha,'' jedhaniiru Obbo Cammaran.

Bineensonni kanneen akka Gadamsaa, Borofaa, Jeedala Diimtuu ibidda jalaa baqatanii bahuu waan danda'anif akka hin miidhamne ogeessonni amanu.

Goodayyaa suuraa Paarkii kun bineensota Itoophiyaa keessatti qofa argaman kanneen akka Gadamsa Baddaa, Jeedala Diimtuuf dahoodha

Haa ta'u malee, ibiddi akkanaa qabeenya uumamaa bakka sana jiru irratti miidhaa guddaa gessiseeraadha.

Qondaalli mootummaa Godina Arsiifi Bulchaan Aanaa balaan irratti dhaqqabe tokko lafi ibidda kanaan hubame hektaara 300'tti akka siqu dubbatu.

Obbo Cammaran garuu qoratamaa akka jiruufi heddu akka ta'u danda'u eerun ''Kan miidhame akka wallaalaattillee yoon tilmaame hektaara 300 ol taha malee isaa gadi hin ta'u,'' jedhaniiru.

''Badii kanaan caalmaatti kan miidhamee Aanaa Xiyyoodha,'' jedhaniiru Bulchaan Aanichaa Obbo Urgeessaa Eda'oo.

Paarkii Gaarreewwan Arsii

Paarkiin kuni garreen Cilaaloo Gaalamaa, Kaakaa, Honqoolloo, Dheeraa Dilfaqaar dabalatee bara 2003 Paarkiin Gaarreewwan Biyyaalessaa Arsii jedhameee hundaa'e.

Bosona kana keessa Gadamsi Baddaa jedhamuufi addunyaa irratti Oromiyaa keessatti qofaa argamu akkasumas bineensi kun argamuu isaalle dursa saayinsiin kan beeke paarkii kanattidha.

Dabalataanis, jeedalli Diimtuu Itoophiyaa qofaatti argamu paarkii Gaarreewwan Baaleetti aanuun baay'inaan paarkii kana keessa jiraata.

Borofni Minilik jedhaniifi Itoophiyaa qofa keenya qofatti argamullee paarkii kana keessa jira.

''Hundaa'ol garuu faayidaan isaa madda bishaaniiti'' Kanaaf kan eegamuf , kan kununfamuuf jechun dubbataniiru.

Haa ta'u malee, balaan ibiddaa ammas ammas isa mudata. Erguma hundaa'e isa baranaan alatti si'a afur jechuunis bara 2004, 2007 akkasumas 2010 balaan ibiddaa qaqqabeera.

Paarkiin kuni Aanaalee 14 ni daangessa.

Ummanni maaliif ibidda qabsiisa

Ibiddi paarkii Garreewwan Biyyaalessaa Arsii irra deddeebi'uun isaaf, ''Inni guddaan hanqina hubannooti,'' jedhu qondaaltonni.

Qonnaan bultonni naannoo paarkichaa jiraatan margaaf, qonna babal'isuuf, bineensa daggala keessa jiraatu ifirraa fageessuufi qoraanif jecha bosona gubu.

Kana furuufis hojjetaa akka jiran qondaaltonni BBC'n dubbise himaniiru.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata