Kaaba Baha Maaliitti loltootni mootummaa dogogoraan kantiibaa ajjeesan

Loltoota Maalii magaalaa Menaakaatti eegumsa irra turan Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Loltoota Maalii magaalaa Menaakaatti eegumsa irra turan

Kaaba Bahaa Maaliitti loltootni mootummaa dogogoraan kantiibaa magaalaa ajjeesan.

Bakka sakatta'insaa Kaaba Baha Maaliitti loltootni dogogoraan kantiibaa ajjeesan.

Hamid Ahimed Ag Mohaammad, kantiibaan Anderabukaanee, osoo gara buufata dirree xiyyaaraa UNtti imalaa jiruu ture kan rukutame.

Dubbii himaan poolisii akka jedhetti yeroo gara bakka sakatta'insaatti dhiyaatu konkolaataan isaa waan dhaabbachuu dideef rukutame jedhe.

Namoonni isa waliin turan biroon sadiis madaa'aniiru jedhama. Kantiibaan isa dura ture ammoo jihaadistootaan ture kan ajjeefame.

Kantiibaan amma ajjeefame kun waliigaltee nageenyaa bara 2015 mootummaa fi garee finciltootaa gara Kaabaa bulchiinsa of danda'e hundeessuu barbaadan gidduutti uumame raawwachuuf nama gahee olaanaa bahate ture.

Kaaba biyyittitti jihaadistoota dabalatee fincilli humna mootummaa waliin yeroo dheeraaf gaggeefamaa tureera.

Oduu Afrikaa biraan ammoo Burkina Faasootti humni nageenyaa miseensota garee hidhattota 146 ajjeesuu beeksise.

Gareen hidhattotaa kunneen Dilbata galgala ganda Kaayin jedhamtu keessatti lammiilee nagaa 14 ajjeesanii ture.

Sakatta'insa gaggeefameenis hidhattota 146 ajjeesuu himan.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata