Haayilasillaasee 1ffaa: Gamtaan Afrikaa maaliif siidaa dhaabeef?

Siidaa Hayilasillaasee
Goodayyaa suuraa Siidaa Hayilasillaasee Gamtaa Afrikaa

Mootiin Itoophiyaa isaan dhumaa, Haayilesillaaseen shoora hundeeffama Gamtaa Afrikaaf bahaniif siidaan yaadannoo mooraa waajjira olaanaa gamtichaa Finfinneetti argamu keessatti dhaabateef.

Wayita maqaan isaanii dhagahamu dhaabbatni kun yaadatamuus, irra caalaa garuu weellisaa biyya Jaamayikaa Boob Maarleey fi amantaa Raastaafaariyaan waliin ka'a.

Haayilasillaaseen enyu, namoota kiiloometira kuma hedduu Itoophiyaarraa fagaatanii jiraniinoo maaliif akka waaqaatti waaqeffatamu?

Dursa garuu siidaan maaliif dhaabateef?

Dhaabbatni Tokkummaa Afrikaa akka hundaa'uu wayita shoora bahan mootii Itoophiyaa waggaa 30'f aangoorraa jiraniidha. Mareen inni jalqabaas Caamsaa bara 1963 Finfiinneetti taa'ame.

Baroota kolonii Afrikaa san keessa Itoophiyaan waggoota shaniif waraanni Mosoloonii keessa qubatee jiraatus biyya hin koloneefatamne ta'uun mallattoo bilisummaa Afrikaa turte.

Biyyoonnii Afrikaa erga birmaduu argatanii booda tokkummaa biyyootaa cimsuu, sirna kolonii fi bittaa warra adiirratti duuluufi jireenya uummatootaa foyyessuuf hundaa'e dhaabatichi.

Guyyaa jalqabaa hooggantoota Afrikaa Finfinneetti walitti qabe irratti ''walitti qabamni gamtaa kana osoo waggaa 1,000'f itti fufee'' ergaa jedhu dabarsan mootiin Haayilasillaasee.

Goodayyaa suuraa Haayilasillaaseen mootii Itoophiyaa isa dhumaati

Bara 2002'ttis moggaasa maqaa isaa Dhaabbata Tokkummaa Afrikaarraa gara Gamtaa Afrikaatti jjijjiirate.

Kanaaf gaheen isaan dhaabbata kana hundeessuu keessattii bahan yaadatameeti siidaan yaadannoo kun kan dhaabateef.

Bocaan siidaa kanaa maal jedhu?

Siidaa Mootii Haayilasillaasee kana kan bocanii midhaassan gargaaraa piroofeesaraa Baqqalaa Makkonnin waan jedhan, siidaa kana tolchuuf suuraalee mootiichaa 300 ol ilaallee keessaa filanne.

Yaada namoonni siidichi isaan hin fakkatu jedhuuf wayita deebii kennan, ''Ani mooticha irraa daabboo fudhee nyaadhee jira. Kanaaf isaan sirriitti ni beeka. Koomiin namootaa guutummatti sirrii miti. Maatiin mootichaas siidaa kana irraa koomi hin qaban,'' jedhaniiru.

Siidaa kana bocanii xumuruuf ji'oota ja'a kan fudhate yemmuu tahu, kan tolfames sibiila boorrajjii yookan nahaasarraa akka tahes BBCtti himaniiru.

Siidichi guutummatti meetira sadi kan dheeratu wayita tahu, kunis hojjaa isaanii si'a lama ta'a. Ulfaatinni isaas kiiloogiraama 650-680 taha.

Siidaa kana bocanii xumuruuf meeshaalee qofaaf birriin miiliyoona 1.5 akka itti bahe ni dubbatu.

Akkamiin akka waaqaatti waaqeffatamuun isaanii jalqabe?

Dubbiin akka waaqaatti ilaalamuu Hayilasillaasee kan eegalu wayita falmaan mirga gurraachotaa Jaamaayikaa Maarkas Gaarveey waa raaju ture.

Gaarveey bara 1920tti hordoftoota isaan ''ija keessan gara Afrikaattii kaasaa, yeroo gurraachii mootii ta'u guyyaan faayyinaa dhiyaachuu baraa'' jedhee ture.

Image copyright AFP
Goodayyaa suuraa Warri Rastafariyaan Hayilasillaaseen fayyisaadha jedhanii amanu

Bara Raas Tafariin Itoophiyaatti mootii ta'u, namoonni hedduun raajiin Gaarveey akka dhugoomeetti fudhatan.

Itoophiyaarraa fageenya km 12,000 olitti biiyya Jamaayikaa jedhamutti mootiin Haayilasilaasee Waaqa ( jah) ta'an- qulqulleesaafii fayyisaa, Itoophiyaanis biyya kakuu taate.

Hayilasillaaseen kanatti ni amanuu? Bara 1966'tti Jamaayikaa wayita daawwatani turetti dhimma kanarratti wanti jedhan hin turre. Uummata kumoota hedduun lakkaawamaniinis simannaa ho'aatu isaan eeggate.

Daawwanaan isaanii dadammaqina amantaa kanaa fidee boodas daranuu cime.

Daawwannaa isaanii waggaa sadii dura warri Raastafariiyaan gara Itoophiyaatti imaluu eegalan. Daawwannaan booda lakkoofsi kun dabalee amma lakkoofsi hawaasa kanaa 300 olitti tilmaamama.

Haayilasillaaseen bara 1975 erga du'anii booda hawaasni kun rakkoo keessa turan. Waqni hin du'u yaadi jedhuus ilaacha isaaniitti mudaa ta'eera.

Garveey mataan isaa hordofaa amantaa kanaa hin turre. Hayilasillaase namoota qeeqan keessaas tokko ture.

Haayilasillaaseen nama akkamii turan?

Hayilasillaaseen Itoophiyaaf nama gaarii moo badaa turan yaadni jedhu ilaalcha walfaallessu lama keessummeessa.

Gabaasni Hiyumaan Raayits waach beela bara 1970'oota keessa dhalatee, lubbuu namoota 200,000 olitti tilmaamamu gaaga'eef Hayilasillaasee ni qeeqa.

Bara aangoorra turanitti yaada mormii namoota kaasan dararuunis komatamu.

Siidaan Hayilasillaasee siidaa Pireezidantii Gaanaa yeroo sanii Kwaamee Nikruumaatti ida'amee ilaalama.

Image copyright AFP
Goodayyaa suuraa Siidaan Hayilasillaasee siidaa Pireezidantii Gaanaa yeroo sanii Kwaamee Nikruumaatti ida'amee ilaalama

Dr. Yohaannis Waldamaariyaam nama dhaabbilee barnoota keessatti barsiisu dha, Haayilasillaaseen akka abbaa irree tokkootti yaadatamuu qabu jedha.

Yakkoota sukkanneessoo Oromiyaa keessatti ajaja isaaniin raawwataman irraa kan ka'e Oromoo hedduuniis ni balaaleffatamu.

Deggartootni isaanii garuu nama biyya hammayyeesse fi hoogganaa cimaadha jedhuun.

Itoophiyaan waraana Mosoloniin wayita weeraramte dhaabbata 'League of Nations'tti dhiyaatanii dubbiin taasisan namoota hedduun yaadatama.

Welluu Boob Maarleey bara 1976 bahe ''War'' jedhuufis ka'umsadha.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata