Gumaata Kaampaasii 15: "Nama murteessuun isa dhibuuf yuuniversitiin qormaata"

Eebbaa Abarraa

Eebbaa Abarraan jedhama. Godina Wallagga Lixaa Aanaa Gullisoo Magaalaa Calliyaa jedhamtuttin dhaladhe.

Barnoota koo hanga kutaa 9ffattis achumattin baradhe. Kutaa 10ffaa Mana Barumsaa Boojjii Dirmajjiittin baradhe. Kutaa 11 fi 12 ammoo Gimbiittin baradhe.

ALI bara 2000ttin Yuuniversitii Haramayaaa Muummee Fayyaattin gale. Fayyaa jalatti barnoota Miidwaayiferiin baradhe. Barnoota Fayyaa keessaa 'medicine' barachuun hawwan ture. Qabxiin an argadhe fayyaa akkan baradhuuf naaf eyyamullee filannoo koo jalqabaa kan ta'e argachuu hin dandeenye.

Jiruu kaampaasii fi waan hunda ofiin murteessuu

Sadarkaa gadiirra yeroon ture akkan Yuuniversitii seenu of ammansiiseen ture. Qabxiin an galmeessaa tures jabina naaf ta'e.

Manneen barnootaa an keessa darbee dhuferraa adda godhee kan mooraa Yuuniversitii wallaansoo taasise waan hunda ofiin murteessuu kooti.

Ofiima kootii ba'ee galuu ,yeroon nyaadhu yeroon dhugu, yeroon bashannanu, sagantaaleen hundinuu anaan hoogganamuu eegaluun anaaf waan addaa ture.

Yeroo jalqabaaf maatii koorraa adda bahee bulchiinsa mataa kootii jalatti kufuun waan salphaa hin turre, ofiin waa murteessuun yoo sirriitti itti hin beekne nama fudhatee bada.

Yeroon itti gaafatamummaa guddaa fudhadhu ture.

''Nama murteessuun isa dhibuuf yuuniversitiin qormaata''

ALI bara 2000 carraan fuudhee Harar na buuse. Barattoonni doormii tokkotti waliin ramadamnes heddumminaan hiriyoota keenya naannoo Hararidha.

Isaanimmoo jimaa qama'uudhaan qo'atu, jimaa malee hin oolan. Bakkan dhaladhee itti guddadhettimmoo jimaa qama'uun akka amala badaatti ilaalama.

Amala badaa irraa of eeggachuu qabnu akka ta'etti barachaa guddanne. Kuni anaaf akka qorumsa guddaa tokko ture.

Hiriyoonni koo namoonni sadan tokko na waliin Yuuniversitii Haramayyaatti ramadaman jimaa qama'uu eegalan.

Akka carraa ta'ee garuu utuun amala kana hin barin keessa darbeera.

Harargee keessa turtii koo yuuniversitii waggaa ja'aa irratti dabalataan ergan eebbifamees waggaa lamaaf jiraadheera.

Wayita waliin mooraadhaa ala baanufaa hiriyoonni koo ni dhugna naan jedhu.

Halkan sirbaa bulu, bashannanaa fi paartii keessa bulu, barnoota dhiisanii.

Barattoonni hiriyoota koo ta'an kana raawwachaa bulanii sanuu doormiitti wayita deebi'an akka gootummaatti dubbatu.

Oduu jimaa, dhugaatii, paartii galgalaa fi hiriyaa shamarranii qabachuutiin gurra nu duuchu, waa'ee barnootaa ni dagatu.

Kun hundumtuu sagalee nama waaman turan. Anaaf qormaata turan.

Hiriyaa baafachuun maaliif hari'amuu barattootaaf sababa ta'a?

Waa'een jaalallee ofii qabaachuu yuuniversitii keessatti qofa osoo hin taane barataama sadarkaa garagaraarraa irra jiruufiyyuu dhimma ijoodha.

Namoonni kanarratti gorsa kennanis yeroo hedduu kan isaan filatan itti hin seenin kan jedhuudha.

Hiriyaa dubaraa hin qabatin kan jedhu si gorsu. Hunduu akka qoraattiitti ilaala.

Araada kanneen biroo caalaa barattoonni gaafa mooraa Yuuniversitii seenan kanaaf jaalala keessatti kufu.

Sababa kanaan hireen barnootaa wayita isaan miliqufaa argina.

Kaayyoosaanii isa gooroo, barnootaaf jedhanii isa manaa bahan, dagatanii kufaatiif saaxilamu.

''Nama sirrii yeroo sirriitti yoo argatte wayya''

Nama sirrii kan siif ta'u yeroo sirrii keeessatti yoo argatte hiriyummaan bareedaa ta'a.

Yeroo tokko tokko garuu kun wal duukaa siif hin dhufu.

Nama sirrii aragatteetu yeroo sirriimmoo dhabda.

Yeroo ati barataa taatee jirtutti namni sirriin dhufa, atimmoo yeroo sana qophii miti.

Utuu yeroo eegduummoo namni sirriin si darba.

Dhugumayyuu barattoota barnootarra jiran egereensaanii maal akka ta'e hin beekneef utuu of qusatanii gaariidha.

Hammuma barnootasaanii xumuranii mooraa yuuniversitii keessaa ba'anitti utuu itti seenuu baatanii ,

wal'aansoo jaalalaatti utuu seenuu baatanii sammuu walaban barnootasaanii utuu xumuratanii gaariidha.

Garuummoo dubbiin jaalalaa kun dhimma ati yeroo isaa eegdee akkuman facaasettin haammadha jettummoo miti.

Takka takka yeroo ati hin eegnetti tasa keessa seentee argamta.

Yeroo akkasii kana guutummaatti dogoggareera jechuu caalaa akkamiin akka qaban irratti xiyyeeffachuu barbaachisa.

An barataa waggaa lammaffaa ta'ee utuun jiruu mucayyoo muummee saayinsii uumamaa birkii baayooloojii barattu waliin wal bare.

Naman sammuu koo keessatti utuun argadhee jedhee hawwaa ture waliin wal simte.

Isa booda gaaffii hedduun of gaafadhe, Ani akkamiinan to'achuu danda'a, isheenis akkaataa barnootashee hin miineen akkamiin itti fufti?kanneen jedhan of gaafachaan ture.

Gama barnootaa, duudhaa keenyaa fi waan amantaan koo jedhullee baayyisee ergan yaadee booddee mucayyoo kana dhuunfachuuf murteesse.

Anis fedhii kootiif itti fayyadamuu qofa osoo hin taane akkasheen barattuu cimtuu taatuu fi ofitti amanamummaa qabaattuuf gorsaan ture.

Muummeen barnootaa lamaan keenyayyuu hordofnu yeroo bal'aa fudhannee dubbisuu gaafata.

Kanaafiyyuu bakka hin taanee fi waan hin mallerratti yeroo dabarsuun akka hin taane waliif galle.

Yeroo barnoota keenyaa fi qayyabannaa keenyaa gubuu akka hin qabnee fi sa'atii hojii harkaa hin qabne akka wal arginu waltaane.

Yeroo boqonnaa keenyarratti qofa walargaa turre.

''Barnoota gaa'ilaa barsiisaan ture''

Hojii dargaggoota leenjisuu kana yeroon Mana barumsaa qophaa'inaa Gimbii turen eegalee ballinaan hojjechaa ture.

Yeroo sana leenjii addaa qabaadhee osoo hin taane, dheebuu garaa kootii dargaggootni akkamitti milkaa'uu danda'u yaada jedhu irraa ka'een.

Sadarkaa sanatti barattoonni barumsa isaaniif dursa akka kennan gorsa jedhu irratti xiyyeeffadheen ture.

Yaadni kun erga Yuunivarsitii Haramayaa seenee immoo hedduu baballate.

Mooraa Yuniversitii keessatti barattoonni carraa nama isaan gorsuu hedduu waan hin arganneef, waanuma namni biroon godhu ilaalanii gochuutu baay'ata.

Yeroo kana leenjiin kennaa ture bifa barruu gabaabaatti fooyyessuun barattoota Yuuniversitii Baha Itoophiyaa kan mooraa Haramaayaa guddicha, mooraa Harar, Dirree Dhawwaa fi Jigjiigaa deemuun mata duree garaa garaa irratti leenjisaa tureera.

Yeroo hedduu barumsa koo idileetti aansee hojii guddaan ani qabu ijoollee dhuunfaadhaanis ta'ee gareen gorsuu, jajjabeessuu waan tureef ijoollee hedduun "Eebbaa" jedhanii na waamuu irra utuma umrii wal fakkaataa irra jirruu "Abbaa ykn father" jedhanii na waamu turan.

Haalli barumsakoo jireenya dargaggootaa fi milkaa'ina isaanii giddu galeessa kan godhate yommuu ta'u;

-Jaalalli kan waliin ba'aa baatan malee kan ittiin ba'aa wal baachisan akka hin taane

-Waaqayyo miira nuti to'achuu hin dandeenye akka nuuf hin laanne

-Hiriyummaan qabiinsa yoo bade akka humna ibsaa (Electric power) qabachuu akka ta'e,

-Afaanota jaalalaa shanan (the 5 love language/kan dubbise irraa dabalee),

-Akkaataa hiriyummaa gaa'ila duraa,

-Dargaggummaan sadarkaa jireenya kam irra iyyuu barbaachisaa fi yeroo murtoo gurguddoo itti murteessinu akka ta'efaa irratti xiyyeeffata ture.

Gaa'ela boodas barumsi kun jabaatee itti fufee jira.

Inni gaa'ila boodaa immoo caalaattuu muuxannoo jireenyaa dabalatee itti caaluu danda'eera.

Leenjii dabalataa ji'a ja'aaf karaa dhaabbata amantii haadha manaakoo wajjin leenjinee Waraqaa ragaa itti arganne immoo waan duraan nu keessa jiru akka caalaatti gadi baafnee ittiin hojjennu nu gargaareera.

- Gorsaa fi barumsakoo irraa gargaaramanii sadarkaa gaarii irra ga'anii kan gargaaramneerra jedhanii dubbatan ijoollota hedduu waanan argadheef guddaan gammada.

Nuti yeroo ammaa jireenya gaa'ilaa milkaawaa fi gammachuu jaalalaa keessa guute hoogganaa jirra.

Jaalalli dhugaadhaan kunuunfamee jennaan jireenya keenya isa hafe hundaafuu humna ta'a malee nu harkatti hin burjaajessu

''Akkaataa barnoota keenya hin miineen waan fayyadamneef milkoofneerra''

Hiriyoonni keenya jaalala keessa galanii barnootasaanii wayita dagatan argaan ture.

Haala kanaan kanneen nu biraa hariyaman hedduun jiru. To'achuu dadhabanii kan miidhaman hedduu argineerra.

Jaalala daangaa eegee deemu qabaachaa turre. Hiriyaa taaneerra jennee walqunnamtii biraa keessa hin galle.

Haala kanaan mooraa keessatti waliin turree, achiillee baanee hanga hojii qabannee gaa'ila keenya raawwannutti walquunnamtii saalaa osoo hin raawwanne kaayyoo keenyarratti wal eegaa turre.

Gaafa cidha keenyaas gammachuudhaan waan hunda raawwanne.

Waan hundumaa Yuuniversitii keessatti xumurree harka dhadhahannee hin baane.

Ijoollee baayyeen jaalala jalqabanii achuma mooraa yuuniversitii keessatti xumuranii ba'u.

Kanaafuu wanti hundinuu gammachuu guutuu ta'e kan qabaatu yoo of qabuu dandeenyeedha, yoo itti karoorsineedha.

Ta'uu baannaan galaanni mooraa yuuniversitii keessa gamaa gamanaa bubbisu nu fudhatee baduu danda'a.

*Odeessi Gumaata Kaampaasii, jiruufi jireenya barattoota yunivarsiitii ammaafi kan keessa darban hirmaachisuun BBC Afaan Oromoo irraa torbaniin altokko kan isinii dhiyaata.

Odeessaalee dabran: