Iraanitti bombiin dhohe lubbuu humna eegdotaa Warraaqsa jedhaman 27 galaafate

Suraa Baasii loltotni waliin haleelamuun gubate miidiyaan Fars kaase Image copyright AFP
Goodayyaa suuraa Suraa Baasii loltotni waliin haleelamuun gubate miidiyaan Fars kaase

Dhohinsa boombii du'anii ajjeesuu Kibba Baha Iraanitti raawwateen miseensotni humna eegdota Warraaqsaa jedhaman 27 du'an.

Namtichi boombii dhoosee waliin du'e baasii loltoota deddebisu naannoo Sistan Baluchestan jedhamu haleeluuf jedheet ture.

Gareen hidhattota Suunii Jaish al-Adl (Army of Justice) ykn 'humna waraanaa haqaa' ofiin jedhan halaallicha duduuba akka jiran himaniiru.

Humni Eegdota Warraaqsaa Iraan bara 1979 yeroo warraqsa Islaamummaa kan hundaa'e yoo tahu Iraan keessatti humna waraanaa, siyaasaa fi dianagdee cimaa tahe qabu.

Image copyright AFP
Goodayyaa suuraa Humna Eegdota Warraaqsaa Iraan

Dameen Humna warraaqsichaa damee Kibba Bahaa loltootni isaanii naannoo daangaa Paakistaanii osoo deebi'aa jiranii konkolaataa boombiin guutamtee cina baasii isaaniitti dhooteen lubbuun loltoota isaanii 27 darbuu beeksise.

Ibsa isaanii keessattis garee ''takfiri'' jedhaman balaaleffataniiru. Takfrii gareen jedhaman musiliimota Suunii yoo tahan Musiliimonni kaan akka amantoota sirrii hin taanetti kannen amananidha.

Haa tahu malee Ministirri Haajaa Alaa Iraan haleellicha konfirensii dhimma Baha Gidduugaleessaa irratti Ameerikaan Poolaanditti gaggeessaa jirtu waliin wal qabsiisu.

Dhimmi Iraan konfiransicha irratti akka mari'atames himaniiru.

Humna Eegdota Warraaqsaa Iraan

Humna Eegdota Warraaqsaa Iran

  • Sirna Islaamummaa biyyittii eeguuf kan hundaa'eefi gama waraananis madaala barbaachisaa tahe kennuuf kan hundaa'edha.
  • Loltoota lafoo, galaana irraa, qilleensaa, humna addaa fi tikaa dabalatee walumaa gala 125,000 qabu jedhama.
  • Qaraxaa fi fandii garaagaraan dinagdee Iraan harka caalaa isaa qabatanii jiru.
  • Imbaasota adunyaa garaagaraa keessaa hojjetoota akka qaban amanama. Isaanis hojii basaastummaa hojjechuun humna hidhattotaa biyyota garaagaraaf leenjii waraanaa kennu jedhama.

Gareen hidhattota Suunii warra musiliimota Shiyaadhaan akka dhiibaman kan himataman yoo tahu irra deddebiin humna waraanaa mootummaa irrattis haleellaa geessisaa turaniiru.

Erga bara 2012 asis qabsootti jiru.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata