Artiistoonni Itoophiyaa miidhagiinaaf qarshii meeqa baasu?

Fayyaa Fikiirin kan hojjatame Image copyright Aman Asrat

Itoophiyaatti artiistoota bebbeekamoo waltajjiiwwanii fi sagantaalee irratti arguun alattis midiyaalee hawaasaa irraatti haala jireenyaa isaaniifi keessattu waa'ee uffannaafi attamiin akka bareedina isaanii eeggatan ilaaluun baramaa dhufeera.

Sababiiwwan artistoonni gara indastiriiwwan faashiin akka ilaalan isaan tasisan keessaayis, sagantaalee badhaasaa filmii, gaaffii fi deebiiwwan, eebbawwan filmii ykn sirbaa akkasumas suuraawwan midiyaalee hawaasummaa irratti mul'atanii ta'u ni eerama.

Image copyright Yisakal Entertainment

WeellistuunTsadaniyaa Gabramaarqoos xiyyeeffannaa uffannaaf kennitu yoo dubbatu, ''muziiqaan dhiyeessuun alattis attamiin akka mul'adhuuf qophaa'uun qaba. Beekamtuu yoo ta'aa adeemtu ammoo namoonni si arguuf baayyee barbaadu. Kanaafu sirriitti bareeddee bahu qabda,'' jetti.

Artistoonni baayyeenis sagantaawwan gurguddaa irratti yoo dhiyaatan uffata isaanif hin kaffalan. Maaliif yoo jedhame, osoo kan kanfalan ta'ee hangam baasu akka danda'an yaaddanii beektuu?

"Dameen faashiinii ganaa guddataa kan jiru waan ta'eef artisitoota akka beeksiisaniif itti fayadamna. Uffata tokko erga isaani uffachuun mul'atanii booda, namoonni baayyeen ni ajajatu,'' jechuun oggeettiin dizaayinara Yordaanoos Abarraa dubbatti.

Image copyright Yared Tesfaye

Oggeettiin dizaayinaraa kan biraa Lilii akka jettuutti ammoo, uffannaan sagantaawwan garaa garaatii artiistoota dubartootaaf qophaa'uuf yoo xinnaate qarshii 20,000 kan ga'uudha. Yoo dabalaa adeemu ammoo 40,000 tii hanga 60,000 gahu akka danda'u dubbatti.

Gatiin uffata dhiiraa kan dubartootaa waliin wal biratti yoo ilaalamu garaa garummaa guddaa akka qabu dubbatti. Yeroo baayyeessi uffannaan warra dhiiraa sagantaale addaatiif dizaaniinni hojjatamuuf yoo baayyate qarshii 15,000 hanga 18,000 akka hincaallee himti.

Oggeettiin dizaayinara kan biraa Inquxaaxash Kibirat gama isheetiin, ''uffatan ani dizaayin godhee artiistoota uffachiisuun anaaf kaayyoo fiixaan bahee isa godha,'' jetti.

Dameen faashinii kunis dursa kan kennuuf dubartootaaf jechuun dhiiroonni komii dhiyeessan jiraachuu isaaniilleen ni himti.

Image copyright Yo pictures

Abbaan qabeenyaa Maarzeel kan taate Yemaariyaam Warqi Alamaayyoo waa'ee dibatawwan bareedina fuulaa yoo dubbattu, ''Har'a keessa dibatiiwwan bareedina fuulaa damee faashinii keessatti baramaa dhufeera. Namoonni bebbeekamoon hedduunis wayita qophii qabaniitti bareedanii mul'achuuf ni dhufu,'' jetti.

Artistoonni baayyenis dibatawwan bareedinaa kan bareedina umamaa ifatti baasuun mul'isu akka gaafatan kan dubbattu Yamaariyaam Warqi, '' Lammiileen Itoophiyaa baayyenis dibata fuula irratti isa baayyatu hinbarbaadan,'' jechuuN ibsiti.

Dibatii fuula dubartoota biratti kan baramee yoo ta'u, amma garuu dhiiroonnis cidhaaf fula isaanii hojjachiisuu eegalaniiru. Dibatii fuulaas kan riifeensaa, qeensaa fi dibatawwan kan biraa caalaa ni qalaa'a.

Image copyright MIKYAS Photo

Dibatii bareedinaa fuulaa inni gatii gadaanaa kuma shanii kan ka'u yoo ta'u, gatiin isaas haaluma waqtii fayyadamtooti barbaadaniitti kan geeddaramu ta'u dubbatama. Fakkenyaaf tibba cidhaa gatiin ni dabala.

Tibba cidhaatti haaluma dibata misirrooni fayyadamtuutiin gatiinsaa qarshii kuma torbaa hanga kuma 15 ni kafalu.

Oggeettiin tun akka jettuuttis, waqxii cidhaatti namoonni hedduun tajaajila waliigalaa barbaadu. Kunis guyyaa cidhaatiin dura, guyyaa cidhaa fi guyyaa deebii (millaashii) kan dabalatuudha. Tajaajilli bareedinaa akkanaa kunis qarshii kuma 25 hanga kuma 30 ni kanfalchiisa jetti.

Image copyright Yemariamwork Alemayehu

Dubartoonni baayyeenis miidhagiina fuula isaanii wayita hojjachiifatan rifeensa isaanii ni hojjachiifatu. Riifeensii nam-tolcheenis akkuma sadarkaa qulqullina isaatti qarshii kuma 7 hanga kuma 20 ni gurgurama.

Biyyoota riifeensi nam-tolcheen keessatti omishamu keessaa Biraaziilii fi Xaaliyaaniin dursaan eeramu.

''Itti fayyadamni bareedina gogaa qaamaa Itoophiyaa keessatti akka faashiniitti osoo dhufee natti tole ture. Namoonni baayyenis miidhagina fuulaa kan uumama fakkaatu barbaadu. Gogaan kunuunsa qabu yoo miidhagiinni fuulaa itt dabalame kan umamaa fakkaata,'' jechuun ture Yemaariyaawarqi itti-fayyadama miidhagiina fuulaa dabalaa jiru dubbatti.

Meeshaan kee Miidiyaa taphachiisuu hin danda'u
Agarsiisa faashinii 'Hab Afriikaa' magaalaa Finfinneetti qophaa'e

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata