Daawwannaa MM Abiyyiifi Obbo Lammaa Begiitti taasisaniin ummanni gammadu hime

Marii MM Abiy Ahimadiifi Obbo Lammaa Magarsaa gaafa Dilbataa jiraattota Aanaa Begii waliin taasisan, Guraandhala 17, 2019

Madda suuraa, Office of the Prime Minister

Daawwannaan Ministira Mummee Abiy Ahimadiifi Pirezidantii bulchiina mootummaa naannoo Oromiyaa gaafa Dilbataa gara Wallagga Lixaatti imaluun jiraattota Aanaa Begii waliin mari'ataniiru.

Dhimmi ijoo daawwannaa isaanii nageenyaafi bu'uraalee misoomaa irratti kan xiyyeeffatedha.

Dubbii isaaniin hawaasni duudhaa nageenyaatiin beekamu har'a sababa rakkoo nageenyaatiin raafamuunsaa, hiyyummaa keessatti kufuunsaa qaaniidha jechuun MM Abiy Ahimad dubbataniiru

''Oromoon bara baraan gowwomaa jiraataa, wal nyaachaa jiraataa? Seenaan aadaan keenyi odaa jalatti taa'ani mari'achuudha. Wal qeequu wal ceepha'un hin danda'ama. Wal ajjeesuun sirrii miti,'' jedhaniiru.

Lixi Oromiyaa erga Ministirri Muummee Abiy Ahimad gara aangootti dhufani as bakkeewwan rakkoon nageenyaa irraa hin dhibnedha. Keessumaa wal shakkiin mootummaafi ABO gidduutti uumame ummata rakkoo keessa galcheera.

Lafi naannoon Oromiyaa biyyaa ollaatti wal qunnamu keessaa Lixi Oromiyaa tokko. Kanaafis, yoo nageenyi dhibe misooma babal'isun akka hin danda'amne Obbo Lammaan dhaamaniiru.

''Wallagga keessa nagaa haa finnuuti hojii misoomaa hojjetamu agartu. Eessa dhaabate hojjeta namni. Nutu rakkina kana ofitti fidaa jira,'' jedhaniiru Obbo Lammaan.

Dhimmi nageenyaa Wallagga keessaa rakkoo ijoo akka ta'e hoggantoonni lamaan waggaa darbe yeroo gara Dambi Dollootti imalanii ummata waliin mari'atanillee himanii turani.

MM Abiy karoora mootummaa ummanni hubachuu dhabuun isaa rakkoo akka fides dubbataniiru.

Kanaan dura yeroo rakkoon nageenyaa Lixatti hammaate achi imaluun ''lubbuu isaaniif akka sodaachisu'' MM dubbatani turani.

Waltajjii hoggantoonni jiraattota Aanaa Begii waliin taasisan kan hirmaatan jiraattonni Aanaa Beegi dubbisne gammachuu akka qaban himaniiru.

''Haalli dhufaatii isaanii akkaataa kanaan hin yaadamne. Isaan dhiisiiti bulchaan godinaallee erga dhufu dhiisani turaniiru. Abdii akkasii irraa hin qabnu turre garuu dhufaatii isaanitti gamachuu guddaatu nutti dhagahame,'' jedhaniiru dubartiin mariirra turan.

Kan walgahii sana hirmaatan biraa immoo inni kanaan dura lubbuu isaaniif sodaachisa jedhan sirrii akka hin turreefi marii taasifamen ''komiin dhibbaa dhibbatti hin deebine,'' nuun jedhaniiru.

Waggaa darbe hiriirri deeggarsaa MM Abiyyif Tongoo, magaalaa ollaa Aanaa Begii, taasifame irratti lubbuun dhabamuun hedduun gara Begittii baqachuun isaanii ni yaadatama.