Barattoota Yunivarsiitii Walqixxee: 'Alarraa ergama fudhattanii mooraa jeeqxu jechuun nu ari'an'

Karra seensaa Yunivarsiitii Walqixxee Image copyright Peace Forum News - Wolkite University

Barattoonni Yunvarsiitii Walqixxee 200 ta'an baatii kana keessa barnoota irraa ari'aman, akka hin taaneen waan ari'amneef qaamni ilaallatu fala akka nuuf barbaaduuf iyyachaa jirra jedhu.

Barataan muummee 'Governance' waggaa tokkoffaa Jiisaa Tamaam barattoonni Oromoo Yunivarsiitii Walqixxee keessa baratan gaaffii adda addaa karaa seera qabeessa ta'een gaafataa turan.

Barattoonni Oromoo tokko tokko Afaan Amhaaraatiin sirriitti waliigaluu waan hin dandeenyeef, hawaasa Yunvarsiitichaa waliin walitti bu'insi ni jira jedha barataa Jiisaa.

"Kanaaf, gaaffiin tokko sababa afaan hin beekneef dhiibbaan nurra gahu haa dhaabbatu kan jedhudha. Gaaffiin lammaffaa ammoo Gumiin Dagaagina Afaaniifi Aadaa Oromoo akkuma yunvarsiitota biraa yunvarsiitii kana keessatti nuuf yaa hundaa'u jedhanii gaafatanii turan."

Yeroo gaaffii kana karaa seera qabeessa ta'een gaafachaa jiranitti dhimmi qormaata dandeettii Afaan Ingliffaa madaaluu akka jiraatu beeksisni bahee barattoota saboota biroo dabalatee mormii kaasise jedha barataan kun.

Qormaata dandeettii afaan Ingliffaa madaalu barattoota waggaa jalqabaaf qophaa'e kana barattoonni waggaa tokkoffaa hundu wayita mormaa jiranitti bulchiinsi yunvarsiitii ammoo gaaffii ijoolleen Oromoo duraan gaafachaa turaniin walqabsiisanii mormii kana isaanitu kaase jechuun nu ari'an jedha.

"Ajandaa siyaasaa fakkeessuun, akka waa qaama alaa irraa ergama fudhachuun mooraa jeeqneetti, taappellaa akkasii nutti maxxansanii waan hin beekneen barattoota 31 waraqaa kennaniif ari'anii, barattoota 200 ol ammoo waraqaas osoo hin kenniiniif, waraqaa eenyummaa barataa irraa fudhatanii mooraa irraa dhorkan."

Barattoonni kunneen osoo addaan hin ba'iin Finfinnee dhufanii Ministeera Dhaabileen Barnoota Ol-aanaa yeroo gaafatan akka quba hin qabnetti itti himanii, booda irratti ammoo dhimma isaa qoradheen akka irra deebiyanii isiniif ilaalan nan taasisa jedhaniis hanga ammaatti garuu fala waan hin arganneef Finfinnee keessatti akka rakkachaa jiran ibsa.

''Waan Oromummaa mullisu uffatanii achi keessa deddeebiyuu hin danda'an''

Akka amantaa barataa Jiisaatti rakkoon kun akka addaatti kan isaanirra ga'eef, jibbinsa Oromootu mooraa sana keessa bal'inaan jira.

"Hooggansi mooraa sanaa ijoollee Oromoo irratti dhiibbaa addaa addaa ni godha. Keessattuu yeroo baayyee ijoolleen Afaan Amhaariffaa hin beekne ni rakkatu. Uffata aadaa ykn waan Oromummaa mullisu uffatanii achi keessa deddeebiyuu hin danda'ani."

Barataa Fayyisaa Qana'ii ammoo barataa Makaanikaal Injiinarignii waggaa 4ffaadha. ALI 2008 yeroo Yunivarsiiti sana seenerraa kaasee ijoolleen Oromoo waggaa waggaan akka ari'aman dubbata.

"Bara ani jalqaba Yunvarsiitii sana seene barattoota 43 ta'an ari'amanii turan. Isaan keessaa barattoonni 27 mana hidhaa Walqixxeetti hidhamanii wabii qarshii 5,000'n gadhiifaman.

ALI 2009 ammoo barattoonni 15 ta'an ari'amaniiru. Yeroo kana hunda yoo iyyatanis namni iyyannaa isaanii kana dhaga'u hin jiru."

Image copyright Fuula feesbuukii Yunvarsiitii Walqixxee
Goodayyaa suuraa Hasxaa Yunvarsiitii Walqixxee

Pirezidaantiin Yunvarsiitii Walqixxee Piroofeser Dajanee Ayyalaa rakkoo barattoonni nurra ga'eera jedhan ka'umsa rakko kanaa irraa ka'anii ibsu.

Barattoonni lama doormii keessatti wal-lolanii ijoolleen kunneen warra Oromoo ta'an deggeruun ka'anii qabata isaatiin gaaffiiwwan biroollee kaasan jedhan.

Gaaffilee kaasan kanaafis pirezedaantiin dhufee nu haa dubbisu yeroo jedhaniii gaafatan, walga'ii Hawaasaatti itti jiran dhiisanii dhufanii akka barattoota kana dubbisan ibsu Prof. Dajanee.

"Yerooon isaan dubbisetti gaaffiin isaanii dhimma baruufi barsiisuun ala kan ta'aniifi siyaasadha," jedhan.

Profeesar Dajaneen gaaffilee barattoota kanaa hanga isaan ilaallatu deebisuun kan hafanillee yeroo beellamanii jiranitti dhimmi qormaata dandeettii afaan Ingliffaa madaalu akka barattootaaf kennamu yeroo beeksisni bahu jeequmsa biraa uuman jedhan.

Qormaanni ture sun akka qormaata madaallii gahumsaa (COC) ta'etti fudhatanii okkara uuman, jedhan Pirezedaantichi.

Qormaanni afaan Ingiliffaa sun isaan fayyaduuf jedhamee karoorfamullee, waan isaan mormaniif akka hafu taasifameera jedhan. Jeequmsa kana barattoonni qindeessan akka jiran himanii, oduu dharaa barattoonni lama ajjeefamaniiru jedhu ololuudhaan dubbii hameessuuf yaalamaa akka ture ibsu Prof. Dajanee.

"Warreen adda durummaadhaan qindeessan poolisoonniifi waardiyyoonni mooraa keessaa kan adda baafatanii koree naamusaatiin himanni irratti baname.

Warreen ol aantummaatiin kakaasan akka guutummaan guutuutti Yunvarsiiticha irraa akka ariyaman, hanga tokko gahee qaban akka waggaa lamaaf adabaman, kanneen biroo digdama ta'an ammoo akeekkachiisaan akka bira darbamu murtaa'eera."

Warra koree naamusaan adabaman kana malees ofuma isaanii shaanxaa isaanii qabatanii mooraa gadhiisanii kan deeman akka jira dubbatanii, kanaan booda deddeebiyuun hin dada'amu jennee karra keenya cufanne jedhu Pirezedaantichi.

Warra koreen adabaman malee barattoonni fedhii isaaniitiin mooraa gadhiisanii deeman 167 ni ta'us jedhan.

Yeroo hedduu yaalii gorsuufi tasgabbeessuun akka barumsa dhiisanii hin deemne taasisan akka hin milkaa'iin kaasanii, humni nageenyaa mooraa seenee akka dubbii hin hammeessine hojjechaa turre jedhan.

''Siyaasa mooraa alatti godhadhaa jenneeerra''

"Ijoolleen sun hedduu kan nama sodaachisan ture. Rakkoo tokko uumanii ykn barataan tokko du'ee yookaan ammoo balaan guddaan tokko dhalatee akka sabni tokko saba biraa irratti ka'u kan taasisu ture osoo loltuu mooraa seensifneerra ta'e ijoolleen kun dubbii kakaasuu danda'u."

"Barattoonni kun bara kana gonkumaa barumsatti hin deebiyan. Ijoolleen kun ciree nyaatanii laaqan akka bela'an kan hin beeknedha. Ani barattoota akkasii gaggeessuudhaaf hin dhufne.

Balaan tokko dhalatee reeffa barataa fe'ee hin deemu jedheen maaloo obsaa, tasgabbaa'aa.

Gaaffii tajaajila waliin walqabatu kamiyyu na gaafadhaa, siyaasa garuu mooraa alatti godhadhaa jenneerra."

Bara kana qormaata xumuraa kenninee waan xummurreef ijoolleen kunneen gara maatii isaaniitti galuu qabu kan jedhan Prof. Dajaneen yeroo ji'a lama ta'u keessatti seeneetii walitti qabnee murteessinee fuula Yunvarsiitichaa irratti akka labsan himaniiru.

"Ana baran yunvarsiitii kana hoogganu keessatti du'aatii ykn miidhamuu barattootaa arguu hin barbaadu."

Gaaffii Gumii Afaaniifi Aadaa Oromoo hundeeffachuuf gaafataniin walqabatee komee jirus akka barattoonni barbaadaniin keessummeessuuf fedhii akka qabanillee kaasaniiru.

Garuu, "Gumii kana hundeeffachuun kaayyoo isaanii isa hangafa hin turre.

Koree hundeessaatii waa'ee gumii kanaa yaa dubbannuu isaaniin jedhee jennaan guyyaa tokko afur ta'anii ana bira dhufaniiru. Waldaa Barattoota Oromoo yoo ta'ee hin danda'amu.

Waldaan barattootaa yunvarsiitii tokko keessa kan jiraachuu danda'u tokko qofaadha. Gumii afaaniifi aadaa ofii guddifachuuf jedhuuf ammoo nuunillee waamtanii, nu afeertanii hirmaachisaa guddisuu ni dandeessu jedheen ture.

Ani ofii koo warra Tiyaatirikaal Artiifi Waldaa Barattootaa isiniif waamee akka isin gargaaran gochuu nan danda'a jedheera," jedhan.

Barataan Istaatiksii barana eebbifamuu male Ahimada Jabal sababii ittiin ari'amellee qabatamaa miti jedha. Yunvarsiitichi si'a meeqa akkeekkachiisaafi gorsa kenneef of sirreessuu mallatteessifnee ariine jedhan. Garuu ani qaamni tokkollee kana goote ykn balleessaan kee kana jedhee kan na gorse ykn natti dubbate hin jiru jedha.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata