Xiinxala: Afrikaa keessatti dimookraasiin duubatti deebi'aa jiraa?

Ejentoota filanooo Dimokiraatika Rippablika Koongoo Image copyright AFP
Goodayyaa suuraa Ejentoota filanooo Dimokiraatika Rippablika Koongoo

Filannoowwan hedduun Afriikaa keessattti gaggeeffamaa jiru, haata'u malee xiinxaltoonni hedduun filannoowwan kana "seera qabeessadha garuu fudhatama kan hin qabnedha" jechuun qeequ.

Qorannoon akka agarsiisutti Afrikaanonni garri caalan sirna dimokiraasiin buluu kan barbaadan ta'ellee, moodeliin sirna bulchiinsaa abbaa hirree akka filannootti gaggeessitootaan ilaallamaa akka jiru gabaasaan BBC Dickens Olewe ni dubbata.

Waggoota sadan darban keessa biyyoonni Afriika hirmaannaa siyaasaa gaarii irraa gadi kan bu'aniifi ol aantummaan seeraas akka gadi bu'e xiinxaltoonni ni dubbatu.

Yunivarsiitii Barmingihaamitti Piroofesera Dimokiraasii kan ta'an Nik Cheeseman xinxala waggaa sadii taasisan keessatti, "yeroo ammaa biyyoota Afriika 54 keessaa, biyyoonni dimokiraasii fakkeessan (15) abbootii irree hamoo (16) ta'anitu jiru."

Naayijeeriyaan, filannoo yeroo darbe guyyaa isaa jijjiirtee Sambata gaggeeffatte tarree warra "dimokiraasii fakkeessan" keessatti argamti.

Akka qorannoo dhiiyeenya kana Afrobarometer dhiyeenya kaan biyyootta 34 keessatti gaggeesseen rakkoon jiraatullee, yoo xiqqaate Afrikaanonni %68 hawwaasa banaafi bilisa ta'e keessa jiraachuu filatu.

Lakkoofsi kun garuu bara 2012 %72 irraa gadi bu'eera.

Image copyright AFP
Goodayyaa suuraa Muuziqaadhaan beekamaa kan ta'e Saliif Keyitaa dimokiraasiin Afrikaa keessatti kufeera jedha

"[Afrikaanonni] dimokiraasii irraa bu'aa caalaa barbaadu. Malaammaltummaa gadi xiqqaate, iftoomina dabale, ajjeechaafi ukkaamsaa gadi xiqqaate, carraaawan dinagdee caalaa barbaaadu," jedha Daarekterri Ol-aanaafi hundeessaa Afrobarometer keessaa tokko kan ta'e Emmanuel Gyimah-Boadi.

"Fedhii kana dhiibuufi barbaacha kana deggeruudhaaf fedhii michoota alaati-ta'uu baannaan guddinni biyyaalessaa moodeloota dimokiraasii walabaawaa hin taane kan caalaatti hawwatamu ta'aa dhufa," jedha itti dabaluun.

Lammiin Maalii Muuziqaadhaan beekamaa kan ta'e Saliif Keyitaa dimokiraasiin Afrikaa keessatti kufeera jedha.

Artistiin beekamaa kun garuu dimokiraasii irraa garaa kutateera. Dhiyeenya kana akka yaada kennetti, ardittiin "mootii abbaa hirree gara laafessa kan Chaayinaa fakkaatu" ishee barbaachisa jedhe.

"Dimokiraasii qabaachuudhaaf, namoonni dimokiraasii hubachuu qabu.

Kanaaf, yeroo uummanni biyyattii keessa jiran %85 ta'an dubbisuufi barreessuu hin dandeenyetti namoonni akkamiin hubatuudha," jechuun gaafata.

'Ani Tiraampiin nan jaalladha'

US, kan dur irraa kaastee Afrikaa keessatti dimokiraasiin akka guddattuuf dhiibbaa gochaa kan turte, erga Doonaald Tiraamp bara 2017 gara aangootti dhufee adeemsa harka keessaa fudhachuu kan hordofaa jirtu fakkaatti.

Yeroo imaammanni bulchiinsi isaa Afrikaa irratti qabu hedduu turee dhuma irratti bara 2018 mullatetti, warreen waa'ee arditti taajjaban akka imaammatichi kan Ameerikaan yeroo hedduu leellistu: dimokirasii dagaagsuu, filannoowwan bilisaafi haqaa, mirgoota siyaasaafi namoomaa hin hammanne jechuudhaan yaada kennuuf yeroo isaanitti hin fudhanne.

Isaan kunneen dhimmoota qabiyyee imaammataa ijoo bulchiinsota Ameerikaa darbaniiti.

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Karoorri imaammata Doonaald Tirump afrikaa irratti qabdu kan dimokiraasii leellisu miti

Dhimma dimokiraasii caalaa imaammanni US waraana shorokkeessitoota irratti taasifamu, baasii Ergama Biyyoota Gamtoomanii ardittii keessatti qabu gadi xiqqeessuufi sochiiwwan Raashiyaafi Chaayinaa gaarerfachuudha.

"Yoo [gaggeessitoonni Afriikaa] gaggeessitoota akka Tiraampiin ilaalanitti hin na'an. Inni yeroo mootota abbaa hirree kana yeroo harka fuudhutti kan baayyee gammadu fakkaata, kun ammoo akka isaan waanti tokko nurra ga'a osoo hin jedhiin sodaa tokko malee akka filannoo waliin dha'uu danda'an mallattoo isaaniif kenna," jedha Obbo Cheeseman.

Marsaa ja'affaadhaaf bara 2021 keessa filannoodhaaf dorgomuudhaaf karoorfataa kan jiru Pirezedaantiin Yugaandaa Yoweri Musevenii, akka addaatti Pirezedaantii Ameerikaatiin cimsee jaja. Yeroo tokko ammoo keessa baasee, "Ani Tiraampiin nan jaalladha" jechuun Pirezedaantii Ameerikaan hanga ammaatti qabaattee keessaa hunda caalaa filatamadha jedhe.

Bara 1991 keessa, Beeniin fi Zaambiyaan biyyoota duraan paartii tokkeedhaan turanii seenaa keessatti Afrikaa keeessatti filannoowwan paartii hedduu ta'aniiru - filannoo turan sunis paartilee mormitootaatiin mo'ataman.

Waggaaa 30 booda, biyyi Afrikaa Lixaatti argamtu kun biyyooota Afriikaa 54 keeessaa sagal warra "bilisa" jedhaman keessa tokko yommuu taatu, Zaambiyaa ammoo gara biyya "gar-tokkeen bilisa" taateetti deebiteetti jedha gabaasni Firiidem Hawus kan bara 2019.

Biyyoonni bilisa jedhaman lkakkoofsi isaanii waggaa kudhan darban keessatti hin jijjiiramne.

Biyyoonni sadet - Senegaal, Gahaanaa, Beeniin, Namibiyaa, Botiswaanaa, Afriikaa Kibbaa, Lesoottoofi Moriishes - bakka isaanii eeggataniiru. Tuniiziyaan garuu bakka Maalii kan yeroo ammaa akka biyya "gariin bilisa taatetti" deebitee qabateetti.

Angoolaafi Itoophiyaan "akka warra bilisa hin taaneetti" tarreeffamaniyyu, erga waggaa darbe keessa gaggeessitoonni haarawaa gara aangootti dhufanii booda "jijjiirama ajaai'baa" argamsiisaniru.

Tekinooloojiifi filannoowwan

Karaa sagantaa filannoo dhaabbataa ta'een aangoo dabarsuun biyyi tokko dimokiraatawadha ykn dimokiraatawaa miti jedhanii murteessuuf ulaagaa tokkodha.

Biyyoonni tokko tokko filannoon amanamaafi kan itti gaafatama qabu taasisuudhaaf tekinooloojii hojiirra oolchaniiru garuu baayyinaan yaaddoo gama kanaan jiru hambisuudhaaf kan hojjetame xiqqaadha.

"Biyyoonni Afriikaa hedduun filannoowwan amanamoo taasisuudhaaf tekinooloojii fayyadamuudhaaf yaalaa jiru, sun ammoo hojjechaa hin jiru," akkabarreessaan barreessaan Digital Democracy, Analogue Politics, Nanjala Nyabola BBC 'tti himetetti.

Barreessituun kun filannoo Keeeniyaa bara 2017 tekinooloojiiwwan akka baayoomeetirii fayyadamuudhaan filattoota sobaa adda baafataniifi bu'aawwan filannoo ammoo meeshaa elektirooniksii fayyadamuun dabarsuu fayyadamtus filattoota irraa amanaa hin arganne akka fakkeenyaati kaasti.

"Rakkoon inni biraan filannoowwan seera qabeessa garuu amantaa ummataafi fudhatama hin qabne biyyoota gaggeessanidha," jechuun BBC'tti himeera barsiisaa Yunvarsiitii oof Naayiroobii Godwin Murunga.

Akka hayyuun kun biyyoota tokko tokko kan akka Dimokiraatika Rippabilika Koongoo kaasuun jedhutti dimokiraasiin kan Afrikaa kun bifa kan ofii isaa qaba.

Image copyright AFP
Goodayyaa suuraa Keeniyaanota filachuuf galmaa'an

Filannoon Dimokiraatika Rippabilika Koongoo keessatti taasifame akka ardittiitti isa baayyee walfalmiisisadha jedhamedha. Namoonni tokko tokko filannoo sanaan hannadha jedhu.

Martin Fayulu, namni filannoo pirezedaantummaatiin lammaffaa ta'ee filatame filannicha, "Fobqolcha mootummaadha" jechuun BBC'tti himeera.

Moodelii Ruwaandaa?

Bara kana keessa, biyyoonni 15 filannoowwan bakka gara garaatti gaggeessaa jiru, garuu filannoowwan kunneen ammallee Dimokiraasiin Afrikaadhaaf ni hojjetaa laata kan jedhu gaaffii kaasaa jiru.

Image copyright AFP
Goodayyaa suuraa Beeniitti filattoonni yeroo hiriiranii jiran

Imaammanni US Afrikaa irratti qabdu dhuubbaa guddaa ni qabaata garuu dimokiraasiin ardittii keessa jiru akka gadi bu'uuf sababa guddaa miti, jedha Daarekterri Firiidem Hawuus Ton Temin yeroo BBC'tti himu.

Gabaasni dhaabbatichaa dhiyeenya bahe akka agarsiisutti dimokiraasiin waggoota 13 darbaniif akka addunyaatti gadi bu'aa dhufeera. Biyyoonni Afrikaa tokko tokko ammoo baayyee sadarkaa hin taanetti gadi bu'aniiru.

Pirezedaantiin Ruwaandaa Paul Kagame akka fakkeenya gaggeessaa mootummaa milkaa'aafi bu'a qabeessa tooftaa dimokiraasii uumuutiin taasifamudha. Tooftaan kun ammoo suutaafi rincicaa ta'uu danda'a.

Image copyright AFP
Goodayyaa suuraa Pirezedaantii Ruwaandaa Paul Kagame

Haata'u malee, paartiin biyya bulchu akka aangoorra turu gochuun ammoo dinagdee biyyattii jajjabeessuu caalaa malaammaltummaan akka babal'atu taasisa jedha Obbo Cheeseman.

"Kana jechuun biyyoonni Afriikaa biroon yoo moodela Ruwaandaa kana hojiirra oolchuudhaaf yaalan, bu'aa muraasaaf jecha gatii inni baasisu hundatu isaan qunnamuu mala," jedha.

Piroofessar Qorannoo Siyaasaa Yunvarsiitii Johaannisbard Steven Friedman akka jedhutti tokkoo tokkoo caasaalee bulchiinsa biyyoota Afrikaa kanneen biyyoota dimokiraasii biyyoota guddatanii (warra Lixaa) waliin waldorgomsiisuu caalaa namoonni dhommoota gara garaa irratti bilisaan dubbachuufi qooda fudhachuu isaanii mirkaneessuu irratti xiyyeeffatamuutu faladha.

Oduun gammachiisaan jiru, deggersi dimokiraasiidhaaf ta'u ammallee akkuma guddaa ta'eetti jira. Kan nama yaaddessu garuu Afrikaannoonn bu'aa bilisaan jiraachuufi hawwaasa walabummaa gonfate ta'anii bu'aa isaa dhamdhamaa deemuu, akkasumas filannoowwan amanamoofi itti-gaafatamummaa dhugoomsu keessatti qooda fudhachuu baannaan wabii hin qabu.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata