Hookkara Veenzuweelaa: Loltoonni Veenzuweelaa maatii keenyaaf sodaanne jedhan

Loltoonni Humna Waraanaa Veenzuweelaa keessaa gadi dhiisanii ba'an BBCTti dubbatan
Sanbata darbe gara Kolombiyaatti kan baqatan loltoonni Veenzuweelaa mootummaa Pirezidaaanti Nikolaas Maaduuroo irraa shakkii waan qabnuuf maatii keenyaaf sodaanneerra jedhan.
Gara Kolombiyaatti dararaa mootummaa jalaa baqachuu isaatiin murtii sirrii fudhachuusaa kan dubbatu loltuun umurii waggaa 23 tokko mootummaan Veenzuweelaa maatii keenya dararuu danda'u jedha.
Walitti bu'iinsa guyyaa sanbataa Veenzuweelaa keessatti uumameen loltoonni 100 caalan baqataniiru.
Erga Pirezidaanti Maaduuroon loltoota erganii daandii fi riqicha daangaa Biraaziil fi Kolombiyaa irratti cufsiisaniimmoo dhiphuun daranuu hammaate.
Fulaa loltoonni ittiin baqatan maratti iyyuu humnoonni nageenyaa mootummaa Veenzuweelaa gaazii imimmaanessu gadi dhiisuu turan.
Madda suuraa, EPA
Mormii daangaa Kolombiyaa fi Biraaziil irratti
Ajjeechaa suukanneessaa gaafa Sanbataa Veenzuweelaa keessatti raawwate booda, guyyaa kaleessaa Ministirri Dhimma Alaa Yuunaayitid Isteetis Maayik Poompeewoon Pirezidaanti Maaduuroof guyyaan dhumatteetti jedhan.
''Yeroo sirrii himuun rakkisaa ta'us garuu Maaduroodhaaf guyyaan dhumaa lakkaawamaa akka jirtu uummanni Veenzuweelaa ni mirkaneessa'' jechuun CNNtti himan.
Sanbata darbe walitti bu'iinsa uummataa fi loltoota mootummaa gidduutti uumameen namoonni lama ajjeefamanii hedduun madaa'aniiru.
Ofumaan of muudanii yeroo ammaa biyyattii keessatti yeroof pirezidaantii ta'uunsaanii biyyoota 50 caalan biratti kan beekamu Juan Guaido Aab Maaduuroo aangoorraa fonqolchuuf hojjechaa jira.
Kunis kan ta'e erga mormiin mootummaa biyyattiirratti eegalameeti.
Madda suuraa, EPA
Poolisoonni Veenzuweelaa daangaarratti daandii cufanii
Gara biyya alaa akka hin imalleef uggurri kan irra kaa'amee jiru Juan Guaido walga'ii biyyoota Laatiin Ameerkaa irratti akka hirmaachuuf jiru beeksiseera.
Kolombiyaa fi Biraazil gamasaaniitiin Aab Maaduuroon akka aangoo gadi dhiisaniif dhiibbaa gochaa jiraachuu ibsaniiru.
Mootummaan Veenzuweelaa Doonii gargaarsa feetee Yuunaaytid Isteetis irraa gara Veenzuweelaa imalaa turtes karaatti danqeera.
Dooniin kun konteenaroota sagal kan nayaataa fi qoricha fe'anii deeman baatti turte.
Madda suuraa, Getty Images
Doonii karaatti danqamte
Pirezidaantii seera qabeessa kan biyyoota akka Raashiyaa, Kuubaa fi Chaayinaatiin deggeraman ta'uusaaniitiin kan boonan Aab Maaduuroon, deggersi biyya alaarraa gara Veenzuweelaa galu Yuunaaytid Isteetis akka dhimma keenya keessa harka galfattuuf haala mijeessa waan ta'eef hin eyyamnu jedhan.