Miidhama saalaa: Shamarree waggaa shaniif 'obboleessa isheen gudeedamte'

Dubartii duubnishee mula'atu

Finfinnee, naannoo Magganaanyaa qe'ee jiru kana callisi dhuunfateera. Ijoolleen daa'ima baatan torba yookiin saddeet tahan mooraa guddaa tokko keessaa bahaa turan. Hunduu ijoollee tahuu isaaniif haadhummaaf kan hin qaqqabne tahuun isaanii qalbii namaa harkisa.

Isaaniin darbinee ol seenne. Shamarree waggaa 23ti. Fuula isheerraa waa dubbisuu hin dandeenye.

Waggoottan duraa gara iddoo kanaa yoo dhuftu iyyata hojii galchuuf yookiin hojii jalqabuuf hin turre.

Inumaayyuu obboleessa isheetiin gudeedamtee miidhamni qaamaafi xiin-sammuu waan irra gaheef, bayyannachuuf lafa baqaa barbaadeetti.

Waan irra gahe sodaaf namallee ija guutuun akka hin ilaalle, dubbachuun akka ishee dhibu yaadatti.

''Jireenya ulfaataafi gaddisiisaa dabarseera,'' jetti. Garuu har'a iddoo garaashee gahuufi abjuushee jiraachuu akka feetu dubbatti.

Har'a yeroos yeroo gudeedamte iddootti dahatte, dhaabbata dubartoota dirqiin gudeedamaniif gargaarasa kennu Waldaa Boqonna Dubartootaafi Ijoollee keessaa hojjetti.

Yeroo dabarsite yaadachuun kan ishee dhukkubsu yoo taheyyuu dubartoonnii haleellaa saalaaf akka hin saaxilamne ni barsiisa jettee ijaa yaaddeef seenaashee nuuf qooddee jirti.

Obboleessi ishee poolisii ishee barsiisuuf gara Finfinnee ishee fide. Yeroos umriinshee 16 ture. Mana kiraa keessa jiraatu ture.

''Ijoollee waanin tureef dubbatachuuyyuu nan sodaadhan ture. Nama gaafan argus waan wal-fakkaataa kan narraan gahu natti fakkaata.'' jechuun eelaashee dubbatti.

Namni ishee argee icciitiishee waan beeku ijaa itti fakkaatuuf mana barumsaa deemuu dhaabde.

Obboleessi ishee waggaa shaniif yeroo waliin jiraatan dirqiin ishee gudeedeera. Ulfas al sadii akka baastu ishee taasisuu dubbatti.

Ijoollummaan, miidhamniifi doorsisni obboleessashee ustee akka teessu ishee gochuu dubbatti. Mana geeddarachuun isaanii carraa seenaashee itti dubbattu baneef.

Warri mana haaraa kireessaniif haalashee arguun, ''maaliif namatti hin dhiyaattu? Fira isaati moo?'' jedhanii ishee gaafatu.

Gaaffiin lamaanuu isheef ulfaataa ture. Garuu gidiraa keessa jirtu keessaa bahuu waan barbaadduuf deebii kennuu hin barbaanne. Gama biraan dhugaa jiru dubbachuun rakkoo itti tahe.

Akka taate taatee waan irra gahe warra mana kireessanitti himte. Isaanis dubbichaan nahanii, buufata poolisii ishee dhaqatan.

Ergasii dhaabbata dubartoota leenjisuufi tajaajila seeraa kennu, Waldaa Boqonnnaa Dubartootaa (Association for Women's Sanctuary and Development) jedhamutti geeffamte.

'Maatiin natti farade'

Dubbiin kun gara seeraa akka deeme kan dhagahan maatiinshee, 'inni kana hin godhu isheen ijoollee ijaa taateefi'' jechuun ishee amanuu hin dandeenye.

Image copyright Zelalem Abera (AWSAD)
Goodayyaa suuraa Dubartoota leenjii fudhatan keessaa tokko

Keessumaa obboleettiinshee angafti ''maqaa obboleeyyan ishee balleessuufi kana goote jechuun ishee morkachuu dubbatti.

''Haadha kootii alatti maatiin hundi ana balfe,'' jetti

Gama biraan yeroo buufata poolisii deemteetti dubartoonni sodaatanii akka hin dubbanne akka godhaman dubbatti.

Qooqa namaa gaddu hin qabneen ''as koottu'' ''achi deemi'' hanga har'aa maal hojjetta ture? akka jedhamtes dubbatti.

Kuni seenaa dubartoota baayyeeti. Hawaasni akkas waan gooteefi, akka sana otoo gooteetta tahee jechuun balleessummaan boquu akka cabsan dubartoonni godhaman lakkoofsa hin qaban.

Dur iddootti baqattee amma immoo iddoo hojiishee kan tahe kanattii dubartoonni obboleessa, abbaafi akaakayyuun gudeedamanii daa'ima godhatan ishee mudataniiru.

Hundinuu maatiif hawaasaan gudeedamuu isaaniif balleessummaan komatamaniiru.

''Ani waa'ee seeraa hin beeku garuu akkan argetti yoo taheef waan jiru namatti hin tolu.''

Carraa garaagaraan warri gudeedan bilisa tahanii adeemu. Haaluma wal fakkaataan dhimma isheerrattillee himannaan banamee kan ture yoo taheyyuu, obboleessishee otoo hin gaafatamiin hafuu dubbatti.

''Gargaaruuf hayyamoo tahuu qabna''

Irra deddeebiin ulfa waan buusteef miidhama irra gaheef yaalii hordofaa turteetti. Sababuma kannaan dhukkuba dugdaa waan godhatteef saqqii hakiimaan ajajame godhattee ture kan nu dubbistu.

Kuni hunduu tahee garuu ''xiin-sammuun koo baayyee miidhameera. Keessumaa waa'een maatii koo baayyee na miidheera,'' jetti.

Fedhiinshee tokko ture, addunyaa kanarraa godaanuuf of ajjeessuu ture.

Dhumarratti kanarraa kan ishee baraare gara dhaabbata kanaa dhufuu akka tahe dubbatti.

Dhiintee/dandamattee ofiitti erga deebiteen booda leenjii ogummaa garaagaraa fudhattee jirti.

Dhaabbatichi leenjii ogummaan dabalata dubartoota gudeedaman kunneniif leenjii qaamaaf ittisaaf gargaaru ni kenna, isas fudhatteetti.

Namoonni yeroo miidhaman waan baayyee hin barbaadan. Homaa dhagahuus gargaaruu barbaaduu dhiisu malu.''

Haa tahu malee namoonni nama gargaaru barbaadan baayyee ijaa jiran kanaaf nuti gara fuulduraa tarkaanfachuuf hayyamamoo tahuu qabna,'' jetti.

Miidhama isheerra gahee keessaa bahuuf jabina kan argatte ofii isheerraa ture. ''Of amanuun koo jireenya koo bade sirreessuu akkan danda'u amanuun koo na gargaareera'' jetti

Yoo dubbachuu baataniyuu seenaa wal-fakkaataa dubartoonni qaban akka jiran yaaddi. Hawaasni seenaa isaanii dhagahee quba itti qabuufi madaa isaanii dhiigsuu mannaa irra barachuu akka danda'u dubbatti.

''Dubartoota guftaa mataatti maratanii deeman yeroon argu seenaa koo waan qaban natti fakkaata'' jetti homaa yoo gochuufi baattellee akka isaan dubbistuufi itti haasoftu himti.

Hawaasni waa'een dubartootaa kan isa yaaddessu yoo barteefi yoo amane dha. Yoo akkas tahe karaatti dubartoota gargaaru hin dhabu jetti.

Maatiin ijoollee isaanii nyaatanii, dhuganiifi mana barumsaa dhaqanii kan jedhuun dabalata haleellaa manaafi manaa alatti akka raawwatamu yoo baran of eeggannoo akka taasisan isaan gargaara jetti.

''Eenyu na barbaada?''

Dhaabbatni amma keessa hojjettu kun dubartoota ''eenyu na barbaada?' jedhanii of ajjeessuu barbaadan gargaaruuf yaala. Dubartoota kunneeniif deeggarsa ogummaa kennunis waggaa 15 hojjeteera.

Hundeessituun dhaabbatichaa aadde Maariyaa Muniir dubartoonni isaan gargaaran amma jireenyi isaanii geeddaramee yoo arguun waan guddaa akka tahe fuula feesbuukii seenaa dubartoota milkaa'oo maxxansu irratti dubbataniiru.

Dhaabbatichi Finfinnee,Daseefi iddoo gargaagaraatti dubartoota injinaariingii,maanejimantii baratan hammatee jira.Shamarreen seenaashee nuuf qooddees Finfinnee keessatti leenjisummaan tajaajilaa jirti.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata