Filannoo Naayijeriyaa 2019: Muhaammaduu Buhaarii jalqabaan dursaa jiru

Madda suuraa, Reuters/AFP
Nigerian president Muhammadu Buhari (L) and his opponent Atiku Abubakar cast their ballots
Filannoo waliigalaa Naayijeeriyaatiin alanaa kanarratti sagalee lakkaa'amuu eegaleen Pirezidaanti Muhaammaduu Buhaarii dursaa akka jiran kan dubbatame yoo ta'u, komii kaasaa jira.
Mr Buhaarii naannoolee biyyattii 36 keessaa torba keesstti kan mo'atan yoo ta'u, dorgomaan isaa Atiiku Abubaakaar naannoolee lamaa fi Magaalaa gudditti biyyattii Abujaatti mo'ataniiru.
Akkuma qabxiin filannichaa dhufaa jiruun paartiin Mr Abubaakaar keenninsa sagalee irratti walfakkeenya dhabiinsi ni mul'ataa jechaa jiru.
Dura ta'aan paartichaa Uche Sekonduus haala lakkoofichaa ''sirrii kan hintaanee fi kfudhatam kan hinqabne''dha jedhaniiru.
Akkasumas motummaa fi eejansiiwwan gara biraatii ''qabxii filannichaa hatuuf yaaliiwwan taasifamaa turan'' jechuun garuu ragaa omaa hin kenniin hafaniiru.
Gamtaan Awuroppaa, Ameerikaa fi Gamtaan Afriikaa hundinuu turmaataa fi rakkoolee lojiistikaa filannichaan walqabatee tureef yaaddoo isaanii Sanbata darbe kan ibsan kan turan yoo ta'u, garuu taajabaa bilisaa qamni ta'ee kamuu dogongorri hojjatamu kan mirkanneesse hin jiru.
Madda suuraa, Reuters
Mr Buhaaii miseensii Paartii biyya bulchaa jiruu Kongrasii Progresii Hundaa (APC0 kan ta'anis, irra deebiin filatamu kan barbaadan yoo ta'u, garuu Mr Abubaakaar irraa dorgommii cimaan mudataa jira.
Mr Buhaariin sochii isaanii kan hanga ammaa irratti hojii cimaa hojjachu akka danda'an waadaa kan galan yoo ta'u, Mr Abubaakaar daldalaa beekamaan ammoo pirezidaantichi waan akka yeroo isaan balleessaa jiruutti ibsaniiru.
Madda suuraa, Reuters
Naayijeriyaanotii bu'aa filannichaa dhagahuu baayyee eegataa jiru
Karaa gara biraatiin ammoo motummaan paartiin PDP filannichi adda cituun akka jeequmsii heeraa umamuu yaalaa jira jechuun himata.
Filannoon jalqabaas Guraandha 16 yeroo itti eegalamu qabu irraa sa'aatii shaniin gara boodeetti akka harkifatu taasifamuun isaa ni yaadatama. TFilattoonis miseensoota bakka bu'oota fi seeneetis ni filatu turan.
Irra jireessi biyyattii kan tasgabbaa'ee yoo ta'u, garuu gara kaabaatti aleellaan garee Boku Haaraamiin raawwatamusaa, filattoonni miidhamuu fi keessatuu naannoo Kibba Riivarii, Leegoosii fi Anambraatti, saanduqa sagalee hatuuf yaaliin taasifamu gabaasoonni ni mul'isu.