Asaffaa Shaaroo Lammii dhukkubsatanii hospitaala jiru

Asaffaa Shaaroo Lammii Image copyright MARSAALEE HAWAASAA

Roorroo qonnaan bultoota hiyyeesotarra ga'u mormuudhaan kan beekamu Asaffaa Shaaroo Lammii, yeroo ammaa dhibamee Godina Shawaa Kaabaa Hospitaala Kuyyuu keessatti yaalamaa jira.

Ilmi isaanii Balaay Asaffaa yeroo amma dhibamanii baayyee akka dhukkubanii fi nyaatallee nyaachuu akka hin dandeenye, deemuu akka hin dandeenye dubbata.

Dullumaa fi dhukkubaan qabamanii dadhabbii keessaa turan kan jedhu Balaay kan itti cime garuu guyyoota shanan darban jedha.

Jaarsi Umurii waggaa 85 Asaffaa Shaaroo Lammii, hospitaala ciisuusaani dura utuu harka hin kennatin naannoo mana isaaniirra deemanii qe'eesaani eeggataa turan .

''Abbaan kiyya goota hiyyeessaaf dhalate jedhama''

'Asaffaa Shaaroo lammii keessa namaa hin beektu namnii'. Namni waa'ee Asaffaa Shaaroo Lammii beeku hima kana hin wallaalu jedha Balaay.

Asaffaa Shaaroo Lammii, abbaa isaa Obbo Lammii Haata'uullee yoo ta'e hiyyeessa cunqursinaan hin dhiisu jedha Balaay.

Maqaansaanii dhalootaa Asaffaa Lammii akka atahe kan nutti hime, Yuunivarsiitii Finfinneetti barataa Digrii Lammaffaa kan tahe Seenessaa Nagaash, ''maqaan Shaaroo jedhu kan itti moggaafameef, sababni isaa diina shimalaan akaa'ee, gobee, ashaaroo godhee waan galuuf kanumarraa ka'uun hawaasni Shaaroo itti baase,'' jedha.

Shawaa Kaabaatti 'goota hiyyeessaaf dhalate' jedhamuunis beekama.

''Sirna Haayilesillaaseerraa kaase hanga sirna Dargiitti qabsaa'aa ture.

Lammiisaatiif jedhee rakkatee, bosonatti galee ture. Sirna Hayilasillaasee mormee sirna Dargiittis darbee waggaa torbaaf bosona keessa jiraate, waggaa sagaliif mana adabaa keessa jiraate,'' jechuun seenaa Abbaasaa ibsa Balaay Asaffaa Shaaroo Lammii.

Image copyright Marsaalee Hawaasummaa irraa
Goodayyaa suuraa Asaffaa Shaaroo Lammii yeroo ammaa Hospitaala magaalaa Kuyyuutti yaalamaa jiru.

Asaffaa Shaaroo Lammii fi Sirna Abbootii Irree

Itiyoophiyaan sirna abbootii hirree keessummeessuun beekamtuudha.

Sirna Abbaa hirree kana gootonni fudhachuu jibbanii qabsaa'aa turan hedduudha.

Gootota sirna abbaa lafaatiin wal'aansoo qabaa turan keessaa gootonni salaalee isaan tokko.

Gootonni akka Hagarii Tulluu, Taadasaa Birruu fi Asaffaa Shaaroo Lammii waanjoo garbummaa uumatarraa fonqolchuuf jecha diina dura dhaabbachaa turuutu himama.

Weellistoota sirbaan Asaffaa Shaaroo Lammii faarsan keessaa Dajanee Jaalataa isa tokko.

Namoonni kunneen gootummaasaaniitiin baayyee faarfamaniiru.

''Siifan deema yaa abbaa lafaa, siifan deeema yaa abbaa lafaa

Yoo hadaa ollaa siif ta'e yoo daljeessii ciisii siif ta'e.

Hagarii manni gama Taaddasaa Birruu manni gamanaa

Lammiisaaf wareegame xinnuma kana galanni namaa.

Salaaleen ba'aafani ka'eetan salaalee ba'aafani

Hagarii fi Taaddasaa eessattan barbaadee argaafani.'' walaloowwan kanneen fi kan biroon faarfamaa turan.

Warri Abbooti lafaa Asaffaa Shaaroo Lammii ofitti qabanii firoomfachuuf hedduu yaalan jedhu namoonni isa beekan.

Intalas kennaniii soddoomfachuuf waa hedduu ifaajan,

Aangoos qoodaniiruuf, akka onneesaa kanaan Oromoo jilbeenfachiisuuf waan hedduu godhaniiru.

Garuu qeerransi yeroof namatti madaqus gaafa tuqan amalasaa hin dhiisu akkuma jedhamu tole jedhee keessoo isaatti itti amanee hin fudhanne.

''Waan diina hammacuuf Asaffaa Shaaroo jedhame malee Asaffaa Lammiiti.''

Abbaan Asaffaa, Lammii Haata'uu intala Baatuu Alii, Geexeerraa ilma tokko godhate.

Maqaasaas Asaffaa jedhee moggaase, diina hunkuree ashaaraa waan tureef Asaffaa Shaaroo jedhaniin jedha ilmi isaanii Balaay.

Asaffaan dammaa fi aannaniin guddate, lammiif dhiira jalqabaa fi dhumaati.

Asaffaan wayita dargaggummaasaa waa lama hubate: hiyyeessaa fi sooressa.

Duuba roorroo hiyyeessarra ga'aa ture dura dhaabbachuu eegale.

Qabeenya abbaasaa dhiisee daba hiyyeessarratti raawwatamu haaloo bahuudhaaf bosona seene.

Ergasii bosona seenee Asaffaan halkan malee guyyaa abbaasaan walarguu hin danda'u.

Abbaan ilma fuusisuu barbaadan, ilmasaanii arguu fedhan, geggeessitoota mootii yeroo sanaa waliin Asaffaa waliitti araarsuuf waan hedduu godhan.

Ilmisaaniis akka qe'eetti deebi'u kadhatan. Asaffaanis ''na fuusisuu dandeessa garuu alagaadhaan walitti hin michoomu jechuun abbasaaf deebise,'' jedha Balaay.

Asaffaan Cidhasaarrattis qabamuuf eeggatamee ture.

Garuu odeeffannoon ga'ee dursee miliqeen.

Gaa'ilasaa dhiisee deeme.

Gaggeessitoonni sirnichaa garuu asaffaa waan hin arganneef maati Asaffaa hacuucaa turan.

''Gooba kormaa goobsissanii, Yaa Asaffaa Shaaroo Lammii

Ammanattuu shaaroo tiyaaa daa'ima kee boochisanii'' jedhee weellisaa ture Asaffaan jechun dubbata Balaay.

Haati warraa Asaffaa Shaaroo waggaa sagal wayita inni mana hidhaa turetti qottee maatii nyaachifte, warri mootiif hojjetan bosona jiraachuu isaa waan beekaniif miidhaa maatisaarraan ga'uuf sodaachaa turan..

Bosona keessatti garuu isa adamsaa turan, Hailesillaaserraa hanga dargiitti adamsamaa ture.

''Sumatu nyaachisee nurratti goobsa mitii jedhanii haada warraa isaa reebanii ilkaan irraa fixan'' jedhu namoonni Asaffaa beekan.

Weellistoonni hedduun waa'ee Asffaa Shaaroo Lammii weellisaniiru.

''Yaa Asaffaa Shaaroo Lammii shakashaki seenii wayinii.''

''Atoobilisiin laga hin bulu yoo katamaa taate malee,

Gosti ofii nama hin kennu yoo Halagaa taate malee.''

Yaa Asaffaa Geexeen dhaltee shakashaki yoo sii gamtee'' jechuun hanga yoonaa Asaffaa Shaaroo faarsu.

Asaffaan garuu amma dullumaa fi dhukkubaan mo'atamee sireerra ciiseera.

Maatii fi firoonni gargaaruuf humna akka hin qabne odeeffanneerra.

Yeroo ammaa Hospitaala magaalaa Kuyyuutti yaalamaa jiru.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata