Aartii Oromoo: Magaalaan Adaamaa jiddugalaa muuziqaa Oromoo ta’aa jirtii?

Meeshaan kee Miidiyaa taphachiisuu hin danda'u
Adaamaan jidduugala muuziqaa Oromoo ta’aa jirtii?

Aartistonni Oromoo hedduun hojii muuziqaaf gara magaalaa Adaamaa imalu. Lakkoofsi hojilee muuziqaa magaalattii keessatti omishamaniis daran guddateera.

Waggoota torba dura yeroon hojii pirodaakshinii muuziqaa Oromoo eegalu magaalaa kana keessa namni muuziqaa Oromoo irratti hojjetu hin turre jedha direektaraa fi ogeessi kaameraa Kiing Raagoo AlIi.

Waggoota muraasa darban hojiin pirodaakshinii muuziqaa daran akka guddate hima.

"Ani yeroon jalqabu kaameeraa kaasseetta 'MD' fayyadameen waraaba ture. Amma garuu kaameeraawwan 'Full HD' ta'an fayyadamna. Sadarkaa qulqullina viidiyoonis '4K' irra geenyee jirra" jedha.

Qindeessitoonni muuziqaa duraan sadi hin caalan ture amma shanii oltu jira. Qulqullinni muuziqaa hojjetaniis sadarkaa isaa kan eeggate ta'uu hima.

Duraan artistonni hedduun muuziqaa hojjechuuf gara Finfinnee deemu turan kan jedhu King, amma garuu kutaalee Oromiyaa adda addaa irraa gara Adaamaa dhufaa akka jiran hima.

Achuma magaalaa Adaamaa kan jiraattu weellistu Jituu Daanyee magaalaa Adaamaa keessaa hojii muuziqaa hojjechuuf filannoo hedduutu jira jetti.

"Walaloo fi yeedaloo barreessuu irraa eegalee, muuziqaa qindeessuu, ogeeyyii kaameraafi direektaroota hedduun magaalatti keessa jiru, filattee hojjetta" jetti Jiituun.

Namni hojjetu baay'achuun waldorgommii uuma, waldorgommii keessaa ammoo wanni gaarii ta'e tokko baha. Kuni bareedina aartii keenyaaf kennaadha jetti.

Wallee aadaa Booranaan kan beekamtu wellistuu Immuu Girmaas yaada kanarraan addaa hin qabdu.

Ogeeyyiin kaameeraa fi muuziqaa ciccimoon jiraachuun aartistotaaf filannoo uumeera jetti.

'Tattaaffii namoota dhunfaa'

Haa ta'u malee wanti hundi wal qixxaataafi mijataa akka hin taane ogeeyyiin kunneen ni dubbatu.

Jijjiiramnifi guddinni amma mul'ataa jiru xiiqiifi fedhii dhunfaa aartiistotaan malee bulchiinsa magaalaa irraa akka mootummaatti deeggarsi hojii kanaaf taasifamu hin jiru jedhu.

Aartistiin magaalaa Adaamaa fayyadaa jira jedha Kiing Raagoo, haa ta'u malee deeggarsi artistonni magaalattii irraa argatan yoo jiraate hayyama waraabbii viidiyoo muuziqaa qofadha jedha.

Fooyya'insi hojii muuziqaan walqabatee mul'ataa jiru tattaaffii namoota dhunfaan kan mul'atedha, osoo wanni jajjabeessu duuba jiraate kana caalaa bahuu danda'a jetti Jiituun.

Walumaagalatti bulchiinsi magaalattii hojii aartiif xiyyeeffannaa kennuu dhabuuf, sinimaan Afaan Oromoo tokkoofi manni barnootaa aartii tokko magaalattii keessaa dhabuu caalaa agarsiiftuun hin jiru jedha Hogganaan Inistitiyuutii Aartii Oromiyaa Beenyaa Dhaabaa.

'Wanti hundi maallaqaan hojjetama'

Bulchiinsa magaalattii irraa deeggarsa dhabuun cinaatti guddina hojii muuziqaaf rakkoo guddaa kan ta'e, kan artiistonni hundi afaan tokkoon himatan rakkoo maallaqaati.

Artistiin tokko walaloofi yedaloo bitee, qindeessitoota muuziqaa biratti 'arrangement', 'Mixing' fi 'Mastering'f kafalee, gara viidiyootti yoo dhufu ogeessa kaameeraaf, shubbistootaaf akkasumas baasii huccuu konkolaataafi kkf kafalee hojjeta jedha Kiing Raagoo.

Weellisaan tokko viidiyoo muuziqaa tokko hojjechuuf qofa jiddugaleessaan qarshii kuma 16 irraa hanga kuma 30 baasas jedha.

"Artistiin fedhii mataa isaatiin haa hojjetu malee, kan hojjetu hojii uummataati" kan jedhu King haalli itti artistonni deeggaraman osoo jiraatee hojii qulqullina qabu hojjechuuf carraan bal'aan jira jedha.

Rakkinicha kan hedduu hammeessu ammoo artistonni kunneen baasii kana mara baasanii erga hojjetanii booda irraa fayyadamaa ta'uu dhabuu isaaniiti jedhu ogeeyyiin kunneen.

"Weellisaan tokko viidiyoo muuziqaa tokko hojjetee, miidiyaa irratti beekamtii argata san booda garuu hojii muuziqaatti hin deebi'u" jetti Jiituun.

Sababni isaas faayidaan ykn galiin irraa argatu tokkollee jiraachuu dhabuu himti.

"Hojii artiifi artiistii duuba wanti jiru xiyyeeffannoo hin arganne, abbootiin qabeenyaas itti gammaduufi hamilee nuuf kenuun alatti maallaqaan deeggaraa hin jirani" jetti.

Mootummaanis dhimmi kanaaf xiyyeeffannoo kennuu qabas jetti.

Xiyyeeffannoo mootummaafi abbootiin qabeenyaa hojii muuziqaaf kennuu qaban irratti dabalataan artistonni hojilee galii argamsiisan biroon osoo of cimsinee kan jettu ammoo weellistuu Immuu Girmaati.

Rakkoo maallaqaan alatti aartiin Oromoo waggoota dheeraaf tooftaa qabsoo ta'ee turuun isaa hojiin qulqullinaan daangaa ce'ee dorgomuu danda'u hojjetamuu dhabuuf sababa ta'uu Beenyaa Dhaabaa ni dubbata.

Abdii

Inistiitiyuutiin Aartii Oromoo tibba darbe magaalaa Adaamaa keessatti hundaa'ee eebbifame guddina aartii magaalattii keessatti mul'atuuf abdii biraati jedhu ogeeyyiin kunneen.

Sababa Inistitiyuutiin kun asitti banameef teeknoolojiin akka kaameeraa '6K, Red One' jedhamu Finfinnees ta'e biyyattii keessa bakka biraa hin jirre as galeera kan jedhu Kiing Raagoo, kun carraa guddaadha jedha.

Hojiin muuziqaa Oromoo rakkoo ogummaan deeggaramuu dhabuu qaba jedha Beenyaan.

Walaloofi yeedaloo bilcheessanii barreessuu irraa kaasee hanga direektarummaatti hanqinni ogummaa jira kan jedhu Beenyaan, Inistiitiyuutichi gama kanaan hojii guddaa hojjechuuf karoorfachuu dubbata.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata