Waldaan Maccaa-Tuulamaa waggaa 50 dura hundaa'ee mootummaadhaan cufamaa ture irra deebiin banamuuf

Barreessaa fi Hayyuu seenaa Obbo Dirribii Damussee Image copyright MO'AA TV/SCREEN SHOT

Waldaan Maccaa-Tuulamaa bara mootummoota sadaniitti al takka banamaa takka cufamaa ture ammas irra deebiin banamuuf eeyyama mootummaa irraa argateera.

Waldaan Maccaa Tuulamaa ''Roorroo, tuffatamuu fi hiyyoomuu uummata Oromoo namoota hubatan kanneen akka Alamuu Qixxeessaa, Haayilemaariyaam Gammadaa fi Baqqalaa Nadhii fa'aan bara 1956 hundaa'e.''

Jarreen kunneen ogeessota seeraa waan tahaniif jalqaba akkasumatti Oromoota haqa dhabanii rakkataa turaniif toluma abukaatoo tahanii dhaabachuun tajaajiluu akka jalqaban Hayyuun seenaa Obbo Dirribii Damisee dubbatu.

Yeroo sana Afaan Oromoodhaan barachuunis tahe hojjechuun waan hin danda'amneef, Oromoon afaanuma Amaaraatiin iyyuu baratee of baruu, mirga isaa kabachiifachuu qaba jechuun waldaan Maccaa Tuulamaa hundeessan jedhan Obbo Dirribiin.

Waldaan kun akka Oromoonni gama dinagdeen of danda'an, baratanii fi aadaa isaanii beekan gochuu irratti shoora olaanaa bahateera. Kallattiidhaan siyaasa keessatti hirmaachuun hojjechuu baatus Waldichi erga hundaa'ee booda ABO'n paartii siyaasaa qabsoo Oromoo gaggeessu tahuun bara 1973 hundaa'e.

Mootummaan yeroo sanaa fi kanneen tokkummaa Oromoo hin barbaannes waldicha gara siyaasaatti qabuun irra deddeebiin cufaa akka turan Obbo Dirribiin dhugaa bahu.

Mootummaa dargii keessas akka barbaadametti hojjechuun waan hin dandeenyeef waggoota dheeraaf waldichi cufamee ture.

Bara 1985 waggoota 25'f erga cufamee turee deebi'ee banamuun hojii jalqabe. Haa tahu malee teessoon mootummaa Oromiyaa Adaamaa haa tahu yaada jedhu mormuun bara 1996 deebi'ee cufame.

Bara kanas jijjirama biyyatti dhufe hordofuun gaaffii dhiyeessinee lafarra harkifamaa turus amma eeyyama argannee deebisnee banuuf jenna jedhan Obbo Dirribiin.

Waldaan Maccaa Tuulamaa damee biraas Ameerikaati qaba.

Waldaan Maccaa Tuulamaa Maaliif cufamaa ture?

Waqtii Birraa keessa Ejereetti yeroo Oromootni Maccaa fi Tuulamaa farda gugsan darbee darbee wal dhabdeen ni uumama ture.

Yeroo sana maqaa Oromoodhaan waldaa hundeessanii socho'uun waan hin danda'amneef, Obbo Haayilemaariyam Gammadaa dhaqeen uummata araarsa jechuun eeyyama argachuun dhaqee achumaan waa'ee waldichaas uummata hubachiisaa ture.

Achumaan waldichi naannichattis manneetii barnootaa banee banee callisee darbaa waan tureef uummatni mootummaa Haayilesillaasee barsiisaa nuuf ramadaa mana barumsaa qabna jechuun gaafachaa ture jedhan obbo Dirribiin.

Bara 1933 Ministira Barnootaa tahuun hojjechaa kan ture Haayilee Tsadaaluu, biyya cimaan kan ijaaramu afaan tokko amantaa tokko qofa yoo qabaatte waan taheef, afaan fi aadaa warra boodatti hafoo dhabamsiisuun Afaan Amaaraa fi Gi'iizii qofa hanbisuu qabna jechuun akka ibsa kenne Baahiruu Zawudee kitaaba isaa keessatti ibseera.

Kunis uummatni kun yoo barate galaana, nurra galagala, kanaaf waggoota 100 duubatti hanbisnee bituu qabna jedhanii waan dubbataa turaniif jeneraal Taaddasaa Birruu fa'aas aariidhaan gara waldichaatti akka makaman jedhan Obbo Dirribiin.

Sababa barbaaduun bara 1959 magaalaa Finfinneetti Maammoo Mazammir mana siniimaa keessatti boombii darbateera jechuun isa fannisanii ajjeesuun, kanneen akka Taaddasaa Birruu fa'atti ammoo murtoo du'aa dabarsan.

Obbo Alamuu Qixxeessaa fa'aa Gondaritti hidhuun kaanis gara Gaamoo Goofaa geessuun hidhanii akka waldichi cufamu taasisan.

Kunis Mooticha Haayilesillaasee fonqolcuuf yaaltaniittu jechuun ture.

Waggoota 25'f erga cufamee turee bara 185 banamuun gama galii fi qabeenyaan of ijaaree hojiitti gale.

Haa tahu malee yeroo magaalli guddoo Oromiyaa Finfinneedhaa bahee Adaamaa haa galu jedhamu waldichi Finfinneen biyya abbaa keenyaati. Lafee fi qe'ee Guraaraa Lataa,Tufaa Munaa akkam goonee gadhiisnee deemna jechuun falmaa ture.

''Magaalaa Finfinneetti saboonni kaan iyyuu keenya jedhanii itti galaa jiru nuyi maaliif baana jennee falmii waan gaggeesineef yeroo mootummaan Naannoo Oromiyaa meeshaa gara Adaamaatti guurrachuu jalqabu hiriira nagaa waan waamneef namoonni baay'een itti madaa'anii kaanis hidhamnii waldichi akka cufamu tahe'' jedhan Obbo Dirribiin.

Humni tikaa tokko karaarraa na waamee ''akka deebitanii ka'uu hin dandeenyetti amma isin barbadeessineerra'' naan jedhe jedhan Obbo Dirribiin. Obbi Dirribiin yeroo sana pirezidaantii waldichaa tahuun hojjechaa turan.

Qabeenya waldichaa keessaa hundi ak ka saamame himanii booda garuu banamee hanga bara2004tti hojii irra erga turee labsii haaraa baheen galmaa'uuf iyyata galfannus namni nurraa fuudhu dhibee waggaaf ji'a saddet deddebinee booda hin galmo ofne jedhanii cufan jedhan.

Waldaan Maccaa Tuulamaa kan eenyuuti?

Maqaa Maccaa Tuulamaa jedhu Obbo Haayilemaariyam Gammadaatu moggaase kan jedhan Obbo Dirribiin, yeroo wal dhabdee Tuulamaa fi Macca gidduutti uumamaa ture araarsuuf deeman ittiin qabatanii moggaasan jedhan.

Waldaa Maccaa Tumaa keessatti saboota Kuush kaan irraas namootni heduun miseensa tahuun socho'aa akka turan himaniiru.

Beenishaangul keessaa Dejjaazmaach Abdurahaman Shee Hojolee, Affaar keessaa Sheek Haayidaa Husaa'inoo, Sidaamaa keessaa Obbo Amaanu'el Dubbaalee akkasumas Geediyoo, Gaamoo, Mochaa fi kaanis waggoota 50 dura Waldaan Maccaa Tuulamaa rakkoo keenya furuu danda'a jechuun miseensa akka turan himan.

Waldaan Maccaa Tuulamaa kan Oromoo maraati malee kan Oromoota Maccaa fi Tuulamaa qofa miti jedhan.

Waldaan Maccaa Tuulamaa waajjira isaa magaalaa Finfinneetti banuun hojii eegaluuf haala mijeessaa akka jiran kan himan Obbo Dirribiin, Oromiyaa bakka garaagaraatti banuun misooma irrattis hojjechuuf karoorfatanii akka jiran himan.

Waldaan Maccaa Tuulamaa dhaabbta jalqabaa mirga Oromootaaf gama hundaan dhaabbachuun hojjechuun shoora olaanaa bahataa turedha.

Odeessa kana irratti dabalata