Balaa xiyyaara Itoophiya: Balaliistotatti miira attamii umee?

Kaapteen Makonniin Biruuk garee balaliistoota xiyaara 208 waliin Image copyright YONAS TADESSE
Goodayyaa suuraa Kaapteen Makonniin Biruuk garee balaliistoota xiyaara 208 waliin

Balaan torban darbe xiyyaara itoophiyaa irra qaqabee ture hunda keenya naasiseera. Miirri isaa ammalleen keessa keenyaa hinbanne. Balaan kuni balaliiftoota hojiin isaanii xiyyaara balaliisuu ta'etti miira attamii uume laata? Balaliistoota lama BBC'tti waan himan qabu.

Balaan xiyyaara daandii qilleensa Itoophiyaa Booyiingii 737 maaksi 8 badiinsa lubbuu namoota 157 sababii kan ta'e yoo ta'u, taatee kunis addunyaa gutuuf madda naasuu ta'eera.

Balaadhuma kanaan walqabatees biyyoonni shantamaa oli ta'an hanga haallichi qoratame adda baafamuutti xiyyaaroota booyingii 737 akka hinbalaliineef dhorkunsaani ni yaadatama.

Barri 2018 duuti balaa xiyyaaraa yerootti dabaledha

Xiyyaarri 'Boeing 737 Max 8' qilleensaaf mijataadha, US

Namoota lubbunsaanii balaa kanaan dhabaniifis sirni awaalchaa saanduqa reenfaa duwwaa Itoophiyaatti Dilbata tare yoo taasifamu, Keeniyaatti ammoo sirni kadhannaa qophaa'e ture.

Oduun balaa kanaas namoota hedduutti gadda cimaa kan uumee yoo ta'u, keessattuu namoota hojii balaliisuu hojjatanitti miira addaa akka uumuu danda'u ni yaadama. BBC'niis balaliiftota lama waan itti dhagahame akka nuuf qoodaniif gaafateera.

Kaapteen Makonniin Biruuk erga balaliisaa xiyyaaraa ta'e waggoota sadii guuteera. Xiyyaaroota Seesnaar Kaaraavaan 208 jedhaman balaliisa. Waa'ee balaa guyyaa sanaa yoo yaadatuus, gadda cimaa keessa galuu isaa hima, ''wayita balaliinsi 302 kufuunsaa himameetti nuti gara Jiinkaatti balalii'uuf qophiirra turre jedha.

Xiyyaarii kufee caccabe waamicha atattamaa taasisuun akka deebi'aa jiru to'annoo balaliinsaa irraa nutti himamuun motara keenya dhaamsinee akka eegnuuf ajjajni nuuf darbee ture,'' jedha.

Kaapiteen Makoonniin xiyyaara xiqqoo namoota 12 baattuu kan balaliisu yoo taa'u, namoota hangasiis ta'e baayyee baachuun qilleensa irraa balalii'uun sodaa fi dhiphina mataasaa akka qabaatu dubbata.

''Sa'aatii wallakkaan boodas xiyyaarichi raadaariin ala ta'usaa fi humni qilleensaa barbaacha akka eegalee raadiyoon yoo nutti himamu, kufuunsaa battalumatti nuuf galee ture'' kan jedhu balaliisaa Makonniin, 'haala qorannoo balaa xiyyaaraatiin' yoo ilaalamu xiyyaarri raadaarii keessaa bahe jechuun, mallattoo jalqabaa akka wanti hamaan mudate mul'isu ta'u himu.

''Nutis kufuusaa hubachuun, battalumatti heeyyamni raadiyoon nuuf kennameen osoodhuma onneen keenya raafamuu gara Jiinkaatti qajeelle,'' jedha.

Image copyright Getty Images

Meeroon Amahaa humna qilleensaa Ameerikaa keessaa xinxalummaan hojjatteeti. Tibba leenjichaattis balaliisummaa humna qilleensaatiif leenjii'uun waraqaa ragaa argachuuf sa'aatii 100 kan hafu yoo ta'u, ''xiyyaaraa balaliisuu kanan hinbeekne yoo ta'e nagaa naaf hinkennu,'' jetti.

''Balaan umamees kan nama gaddisiisuu fi miira cabiinsa qalbii natti umee,'' kan jeetu Meeroon, yeroo baayyees wayita balaan xiyyaaraa mudatu akka waan hanqiin oggummaa ykn rakkina teekniikaa ta'utti akka shakkamu himti.

''Wayita balaan akkanaa mudatuuttis dandeettii, humnii fi beekumsi balaliiftoota hedduu gaaffii keessa galcha,'' kan jettu Meeroon, ''kunis kan oggummaa keenya tuffachiisuu fi kan namas gaafachiisuu,'' ta'u danda'a jetti.

Duraa duuba taateewwan balaa xiyyaaraa addunyaa kanaa

Miidhamtoonni ET-302 eenyu fa'i?

Balaan tibbanaa kun garuu, ''rakkina xiyyaarichaa waan tureef kan caalaatti qalbii namaa cabsuudha. Innis dhugaa namoota hedduun amanuuf rakkiisaa tureedha. Itti dabaluunis itti gaafatamummaa fudhachu kan qabuu eenyu akka ta'ee itti yaadamu qaba jetti.

Kaapteen Makonninis ''xiyyaarri nuti qabannu xiqqoo waan turteef battaluma sanatti gaddinu illeen imala keenya itti fufuuf nutti hin ulfaanne ture.

Wayita sanatti kan xiyyaara guddaa qabannu osoo ta'e garuu baayyee naana jedheen yaada. Garuu sanas ta'e kana, hojii keenya waan ta'eef omaa gochu hin dandeenye, ni balaliinees,'' jedhe miira gaddaatiin.

Lakkoofsaa yoo ilaalamu, balaan daandii kan balaa qilleensaa ni caala. Addunyaa irrattis gidduugaleessaan waggaatti yoo xinnaate namoonni miiliyoona 1.2 ta'an sababii balaa geejiba daandiitiin lubbu akka dhaban Waldaan Nageenya Geejiba Daandii ni ibsa.

''Kaappiteen Yaareed gootummaasaatu yaadatamuu qaba''

'Gaafa sana itti barfatee na hin dhungatiin deemte Ayyaantuun koo'

Yoo balaawwan geejiba qileensaatiin umaman ilaallu ammoo, waggaa gara waggaatti garaa gara yoo ta'u, fakkeenyaaf bara 2016 addunyaa gutuutti namoota 325, bara 2017 balaliinsawwan miiliyootaan namoota 13, bara 2018tti ammoo namoonni 500 balaa xiyyaaraatiin lubbusaanii dhabaniiru.

Kanaafu lakkoofsi balaa qilleensaa gadaanaadha. ''Nut yeroo hunda qilleensarra jirra. wanti Nam-tolchee ta'emmoo yeroo hunda sirrii ta'u dhiisu mala.

Balaan tibbanaa umamuuttis hunduma keenya kan miidhu, sababa akka maatii taaneefu,'' kan jedhu kaapteen Makonniin, Namni wayita miseensa maatii isaa dhabutti gadda malee waan jedhu kan biraa hinqabaatu. Ta'us garuu balaliisuu kiyya hindhaabne,'' jedhe.

Meeroon ammoo, ''Wayitan balaa akkasi dhagahuutti fedhiin balaliisuuf qabuu fi ija jabummaan kiyya irratti dhiibbaa mataasaa qabaata,'' jechuun dhiibbaa balaan kuni miira isheerratti uume himti.

''Osoo bu'aan sababaa balichaa baramee ammoo, balaliistotaafis ta'e, imaltootaaf ofitti amanamummaa kenna. Kanaafiidha kan bu'aan qorannichaa si'oominaan eeggachaa jirrus,'' jette.

Odeessa kana irratti dabalata