Erga ajjeechaan horsiisee bultoota Fulaanii 130 irratti raawwatee Maaliin hawwaasa adamsee bulaa dhorkite

Ganda saba Fuulaanii Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Sabni Fuulani gariin horsiisee bulaadha.

Mootummaan Maalii garee adamsitootaa ajjeechaa namoota 130 duuba jiru jedhe akka adamoo dhaaban murtee dabarse.

Sanbata darbe gareen adamsitootaa qawwee hidhachuun ganda tiksee bulaa saba Fuulaaniitti marsuun haleellaa irraan gahan.

Sabni Fuulanii warra Jihaadistootaa waliin hidhata qabu jechuun gareen adamsitootaa kunnen himachaa turaniiru.

Humni mootummaa haleellaa jihaadistootaa nurraa dhaabuu hin dandeenye jechuun komataa kan turan yoo tahu sabni Fuulaaniis isaan waliin hidhata qabu jechuun haleelluu hin hafne jedhama.

Haleellaan kun kan raawwate dhimma waldhabdee Malii keessatti dabalaa dhufe ilaalchisee yeroo Dhaabbanni Biyyota Gamtoomanii wal gahiif biyyacha jiru ture.

Gareen Kaawunsilii Nageenyaa gamtichaa Ministira Muummee biyyittii akka rukutan Soomeyiluu Boobiyee Maayigaa waliin dhimma haleellaa jihaadistootni gidduu gala biyyittiitti dhaqqabsiisan irratti mari'achuuf wal arganiiru.

Manneetiin jireenyaa ganda sabni Fuulaanii keessa jiraniis gubachuu namootni ijaan argana AFPtti himaniiru.

Kantiibaan magaalaa ollaa jirtuu Owenkooroo, Chiyek Harunaa Sankaaree tarkaanficha daguuggaa sanyiiti jechuun ibse.

Walitti bu'insi saba Doogoonii fi Fuulaanii yeroo baay'ee bishaanii fi lafa irrattidhas jedhama.

Garee amma mootummaan akka dhaabbataniif tarkaanfii dabarse kunneen ''adamsitoota waaqatti amanatan'' jedhamuun kan beekaman yoo tahu garee Doogon jedhamuu fi hidhannoodhaan of tiksu jalatti hiriiranii jiru jedhamu.

Hogganaan garee hidhataa Doogoon saba koo haleellaa jihaadistootaa irraa ittisuu hin dandeenye jechuun kanaan dura Dhaabbata Mirga Namoomaatti iyyatee ture.

Haleellaa amma dhaqqabeen booda mootummaan ajajoota humna waraanaa isaa akka jijjiruuf jedhu beeksiseera.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata