Namni dulloome kan akkamiiti?

Elderly lady in sunglasses making a victory sign with her right hand and blowing a kiss Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Qornnichi dhugaan dolumaa lakkoofsa qofaa ta'u hima

Namni umuriin isaa 45 ta'ee biyya Paappaa Ginii keessa jiraatu tokkoos akka nama Faransaayii fi Sengaapoor kan umuriin 75tti itti dhagahama. Kunis nageenyummaa nama umuriinsaa waggaa 65 ta'ee waliin sadarkaansaa wal fakaataadha.

Kunis bu'aa qorannoo garee saayintistoota idil addunyaatiin gaggeefamee karaa barruu Laansentiin maxxanfamee.

Qorattoonnis daataa biyyoota 195 irra erga xinxalanii booda jiddu galaan komii nuti waa'ee umurii waggaa 65 qabaannuu akka ta'e murteessan ykn irratti waliigalan.

Rakkooleen fayyaa kan akka dhaggeettii dhabuu, rakkina onnee, miidhaa kufaatiin qaqabuu fi dhukkubbii sammuun walqabatanii bakka nuti jiraaannu irratti hundaa'uun umurii garaa garaatti mudachu akka danda'an adda baasan.

Garaa garummaan namoota dafanii dulloomanii fi kanneen yeroodhaan dullomanii jidduu jiruus waggaa 30 ykn isa caalaan akka ta'e himu.

Qorannichi akkasumas umurii dheeraa jiraachuun alattis, kallattii nagaa ta'uutiinis dhimma umurii qorateera. Kunis dhiibbaa dhukkuboota umuriin wal qabatani umaman irratti kan xiyyeeffatuudha.

"Argannoon qorannoo kanaa akka mul'iseetti, umurii dulumaatti jiraachuu dabaluun carraa gaariii ykn haala jireenya hawaasa bal'aatiif dhiibbaa ta'uu danda'a. Kunis haaluma rakkina fayyaa umuriin walqabatee umamuun hawwaasa mudatu, kan ilaalamu ta'uu dubbatu, dursaa qorannichaa kan ta'an Dr Angela Y Chaang.

Qorattoonnis dhukkubbiiwwan 92 kanneen fayyaa qaamaa fi sammuu gara maleetti geessan adda baasaniiru. Kanneen baayyee barbaachisaa ta'anis kaansariifi dhukkuba onneeti.

Herreegni kunis haaluma hawaas-dimograafii (SDI) mul'isuun kan mijeefameedha. Kunis safartuu guddina tokkko tokkoo biyyotaati.

Innis kan hundaa'u, agarsiiftuuwwan akka jiddu gala umurii, sadarkaa barnootaa fi baayyina dhalootaa irratti kan hundaa'uudha. Garuu, biyyoonni guddina irratti argaman fi SDI gadaan umurii jireenyaa gabaabaa qabaatan, ammas isaanumtu dhiibbaa umurii dulumaa qaba.

Biyyi kee attamiin kanaan dorgomti?

Xinxalichis, dhukkubbiin umuriin walqabate rakkoo fayyaa gaheessoota addunyaa keessaa kan wallakkaan ol kan haguugu ta'u mul'ise.

''Rakkoolen fayyaan walqabatanis dafanii akka soraman, xiqqeenya humna hojjataa fi baasii fayyaa olaanaan kan wal qabatudha. Oggantoonni motummaa fi qaamota dhimmi ilaalu kanneen sirna fayyaa irratti dhiibbaa taasisan, wayita namoonni dhiibbaa umuriitiin miidhaman hubachu qabaatu,'' Chaang akka jedhuutti.

Saayintistoonnis amma xiyyeeffannaa isaanii gara dhimmoota miira dullumaa tursiisu danda'an tarreessuu irratti kaa'aniiru.

Innis baayy'na lakkoofsa dhiimmota kamiiyyu ta'u mala. Kunis sochiilee qaamaatii hanga sijaaraa xuxuu dhaabuutii hanga dhaabbata fooyya'aa sirna kunuunsa fayyaa ta'u mala.

Dhimmoota kanneen hubachuunis hawaasa umuriin deeman jidduutti rakkina jiru hambiisuuf murteessaadha.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata