Airbus Chaayinaa irraa ajaja xiyyaaraa doolaaraa biliyoona hedduu argate

A picture of an A320neo airplane. Image copyright Airbus

Kaampaniin biyya Firaans xiyyaara omishu Airbus ajaja xiyyaarota 300 kan doolaara biliyoona hedduu argamsiisu Chaayinaa irraa argate.

Waliigalteen bittaa xiyyaarota A320 fi A350 AWB kun wayita pireezidantiin Chaayinaa Shii Jiinpiing daawwannaaf gara Paaris imalanitti mallatteeffame.

Pireezidant Shiin dawwannaa Awurooppaa kanaa waliigalteewwan biroos mallatteessaniiru.

Oduun kun morkataa Airbus kan ta'e Boeing wayita sababa balaa xiyyaarota isaa lama irra gaheen fudhatamummaan isaa gaaffii keessa jirutti ta'uun xiyyeeffannoo akka argatu taasiseera.

Wayita ammaa Boeing Xiyyaara 737 Max guutummaatti hojii dhaabsisee jira.

Waliigaltee kana booda ibsa Airbus kenneen Daandiin Xiyyaaraa Chaayinaa xiyyaarota Airbus gosa A320 jedhamu 290 fi A350 XWB jedhamu 10 ajajateera.

Bittaan kun doolaara Ameerikaa biliyoona 34 akka baasu himame.

Waliigaltichi sababa xiyyaaroti isaa lama garaagarummaa baatii shanii gidduutti balaa lubbuu namoota hedduu galaafate qaqqabsiisaniin dhiibbaa guddaa jala kan jiru Boeing'f yaaddoo guddaa dha.

Ka'umsi balaa xiyyaara Itoophiyaa Boeing 737 Max ammayyuu qoratamaa jira.

Pireezidant Shiin daawwannaa biyyoota Awurooppaa kana torbee darbe Italii daawwachuuni kan eegalan.

Italiin Sagantaa Chaayinaan addunyaa daandiin walitti hidhuuf baaste 'Global Belt and Road Inititaive' jedhamu irratti hirmaachuuf waliigaltee jirti.

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Pireezidant Shiin wayita pireezidantii Firaans Imaanu'eel Makroon waliin wal argan

Biyyootni Awurooppaa biroofi Ameerikaan garuu dhiibbaan Chaayinaa addunyaa irratti dabalaa jiraachuutti gammachuu hin qaban.

Italiin biyyoota badhaadhan keessaa sagantaa Chaayinaa kanatti waliigaluun biyya jalqabaati.

Odeessa kana irratti dabalata