Dallaa US-Meeksikoo: Peentaagon dallaa daangaa Meeksikoof doolaara biliyoona 1 ajaje

The US border fence, covered in concertina wire, separating the US and Mexico, at the outskirts of Nogales, Arizona, on February 9, 2019 Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Fences already run along stretches of the US-Mexico border

Peentaagon jedhamuun kan beekamu Ministeerri Ittisa Biyyaa Ameerikaa, dallaa daangaa Ameerikaafi Meeksikoo gidduutti ijaaramuuf doolaarri biliyoonni 1 baasii akka tahu ajaje.

Ajaji jun erga labsiin yeroo muddamaa labsamee booda isa jalqabaati.

Labsiin yeroo muddamaa Guraandhala 15, bajata dallaa kana ijaaruuf oolu Koongirasiin Ameerikaa hayyamuu erga dideen booda ture kan labsame.

Labsii kanas pireezidant Tiraamp, murtee Koongirasii irra taree ijaarsa dallaa wayita duula na filadhaa waadaa galeef bajata ramaduuf labse.

Warri diimokiraat waan kana jabeessanii mormaa jiru.

Maallaqni kun dallaa kiiloomeetira 91 dheeratu ijaaruuf oola jedhameera. Dabalataan daandii naannoo daangaa fooyyessuufi ifaa gahaa galchuufis oola.

Pireezidant Tiraamp gama daangaa lixaan 'rakkoon guddaan' biyyattii mudachaa akka jiru himani, sana dhaabsisuuf dallaan ijaaramuun dirqama jedhaniiru.

Seenataroonni paartii Diimokiraatiik Peentaagon murtee kanarra osoo hin gahiin dura koreewwan dhimmichi ilaallatu hin beeksifne jechuun komataniiru.

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Daanga qaxxaamuruun namoonni kumaatamaan lakkaa'aman waggaatti US galu

Murticha balaaleffachuunis Ministira Ittisa Biyyaa Ameerikaaf xalayaa barreessaniiru.

Labsii hatattamaa tarkaanfii kanaaf sababa ta'e kaasuuf Manni Maree Bakka Bu'oota uummataa wixinee seeraa qopheessee Mana Maree Senaatarootaaf dabarsus, pireezidant Tiraamp aangoo murtee dhumaa kennuu isaanii fayyaamuun wixinicha kuffisaniiru.

Murtee isaanii kana haquuf koongirasiin Ameerikaa manneen maree lamaan keessaa sagalee 2/3ffaa barbaada, kuni ammoo waan hin argamu miti.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata