Israa'eel haleellaa rokkeettii namoota madeesse hordofuun Gaazaa irratti haleellaa jalqabde

Loltoota Israa'el naannoo daangaa Gaazaatti haleellicha dursuun daandii cufan. Image copyright AFP
Goodayyaa suuraa Loltoota Israa'el naannoo daangaa Gaazaatti haleellicha dursuun daandii cufan.

Israa'eel hidhattota Haamaas Gaazaa keessa jiran irratti haleellaa gaggeessaa jirti. Rokkeettiin Kaaba Teel Aviivitti mana tokko irratti darbatamuun namoota torba madeessera.Israa'el haleellicha kan raawwate hidhattota Haamaas jechuun himatti.

Humni Ittisaa Israa'eel akka jedhetti waajjirri olaanaan hogganaa Haamaasii fi waajjirri basaasaa waraanaa garichaa bakkeewwan xiyyeeffannon itti kennamee rukutamu keessaati jechuun himan.

Ministirri fayyaa Gaazaa akka beeksisetti rukuttaa Israa'el kanaan namootni torba madaa'aniiru.

Halkan guutuu dhukaasni rokkeettii Gaazaa irraa darbatamaa akka ture Israa'el himteetti.

Haleellaa rokkeetii Israa'el irratti gaggeefamaa ture ilaalchisee Ministirri Muummee Israa'el Beenayim Netaneyoo ''Israa'el tarkaanfii kana bira hin darbitu, anis irra hin darbuuf'' jechuun Waashintanitti dubbataniiti ture.

Neetaneyoon ayyaaneffannaa beekamtii Pirezidaanti Doonaaldi Tiraampi Golan Heyit lafa Israa'el waraana Baha Gidduu galeessaan bara 1967 Sooriyaa harkaa baafatteef Israa'eeliif kennaniif Waashingitan turan.

Neetaneyoon Israa'eel humnaan deebii itti kennuuf dirqamti jedhanii daawwannaa isaaniis gabaabsuun biyyatti galan.

Tiraampis haleellaa Israa'el irratti dhaqqabu balaaleffachuun ''nuyis Israa'el akka ofirraa ittistuuf beekamtii guutuu kenninaaf'' jedhan.

Garee Haamaas irraa haleellicha nutu raawwate jedhee kan dubbate hin jiru. Garuu qondaalli maqaa isaa hin dhahamne tokko garuu waan akkasii raawwachuuf fedha hin qabnu jedhan.

Humni Ittisaa Israa'el akka beeksisetti kaleessa galgalaa jalqabee rokkeettiin 30 ol tahu gara daangaa Israa'elitti dhukaafameera.

Kanaaf deebii kan tahu ammoo rokkeettii 15 ol deebisanii of irraa ittisuuf akka dhukaasan himaniiru. Israa'el dabalatee UK,USA, fi Gamtaan Awurooppaa garee hidhattota Haamaas galmee shororkeessitoota jalatti galmeessaniiru.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata