Naannoon Amaaraa deeggarsa buqqaatotaaf Baankiin Daldalaa Itoophiyaa kenne fudhachuu dide

Buqqaatota naannoo Amaaraa

Koreen Deebisanii Dhaabuu Amhaaraa deeggarsa maallaqaa Baankii Daldala Itoophiyaatiin taasifameef akka hin fudhannee ibsu isaatiin walqabatee yaadniwwan garaa garaa ka'aa jiru.

Naannoo Amaaraa dabalatee naannoolee biyyattii garaa garaa keessatti namoonni hedduun sababiwwan adda addaatiin qee'esaanii irraa buqqa'uun eeggattoota deegarsaa ta'aniiru.

Haaluma kanaanis naannoo Oromiyaattii namoonni deeggarsa barbaadan 635,654, naannoo Kibbatti 346,159, naannoo Somaaleetti 665,045, Tigraayitti 74,930, nannoo Amaaraatti 90,736, Hararii 1,164, Bulchiinsa Dire Dhawaa 7,317 fi Gaambeellaatti namoonni 8,582 akka argaman rgaan Baankii Daldala itoophiyaa irraa argame ni mul'isa.

Baankichis haala kanaaf gaheesaa gumaachuuf jecha ture maallaqaa birrii miliyoona 100 buqqaattota naannoolee biyyattii garaa garaa keessatti argamaniif kan kennee .

Kana malees baankichi deeggarsi taasise haaluma baayyina namootaa naannoolee adda adddaa keessatti argamaniitiin qoodee ture kan kenne.

Haaluma kanaanis, degggarsa baankichaan taasifame keessaa Naannoo Amaaraaf Birrii miliyoona 4.789 argata. Haa tahu malee koreen sassabbii galii naannichaa maallaqa kana hin fudhannu jechuun midiyaaf ibsaniiru.

Deeggarsa buqqaatotaaf jedhamee yeroo barbaadamaa fi gaafatamaa jirutti koreen sassaabbii galii hin fudhadhu jechuun isaa maal irraa kan ka'edha? gaaffiin jedhus ka'aaseera.

Walitti qabaan koree sassaabbii galii Naannichaa Obbo Agenyew Tashaager ''Ulaagaan kenninsa deeggarsichaa waan nuuf hin galleef, fudhachuu dhiisuu wayya. Deeggarsicha fudhannee kabaja baankichaa tuquu keenyarra irraa deeggarsi xiqqaan kun saba Amaaraaf waan hin madaalleef dhiisuu wayya'' jenneetti kan murteessine jedhan.

Kana malees, gara fuula duraa irratti dubbachu wayya jenneetiiti fudhachu dhiifne jedhaniiru.

Ulaagaa Baankiin Daldala Itoophiyaa deeggarsicha itti kenne beekuu qofa osoo hin taane ulaagaadhaan hojjechuun iyyuu isa hin barbaachisu jedhu Obbo Ageenyew.

Akka Obbo Aganyew jedhanittis, baankichi maallaqa ramade kana hundasaa Komishinii Ittisa Sodaa Balaaf dabarsee kennuun malee adda qooduun irra hinturre. Komishinichi ammoo naannolee miidhaman ofiisaa adda baasee akka barbaachisummaa isaatti deeggarsicha kennuu qaba ture jdhan.

Akka isaan jedhanitti, baankichi birrii kennuu malee rakkoo buqqaattootaa hin ilaallee. ''Lakkoofsa maallaqaa qofaa irratti hundaa'uun garuu dogongora. Adeemsi kun ammoo nuuf hinmijanne,'' jedhaniiru.

Hojii gaggeessaa Mummeen baankichaa Obbo Baacaa Diinaa gama isaanitiin, bankichi maallaqa kana kan ramadee erga lakkoofsa buqqaatootaa irratti Komishiiniin Ittisa Sodaa Balaa fi Qophaa'inaa irraa odeeffannoo barbaachisu argateen booda haaluma baay'ina buqqaatoota naannooleetti argamaniin deeggarsa kana boordiin baankicha murtoo taasise.

Haalu kanaanis baankich buqqaattoota naannoo Somaaleetiif miliyoona 35.1, kan Oromiyaatiif miliyoona 33.6, naannoo kibbaatiif miliyona 18, naannoo Amaaraatiif miliyoona 4.7, Tigraayiif miliyoona 3.9, Benishaangul Gumuz 3. 2 yoo ta'u, kan hafee ammoo buqqaattoota Haararii, Dirre Dhawaa fi Gaambeelaatti argamaniif ta'u himee jira.

Gama biraan ammoo namootni buqqa'anii bakka yeroodhaaf isaaniif qophaa'e keessa jiran BBC'n dubbise ammoo maallaqa isaaniif kennamu fudhachuun gara qe'ee isaaniitti deebi'uu waan barbaadaniif hin fudhannu jechuun isaanii sirrii miti jedhu.

''Hawaasni shanis yaa ta'u kudhan, deeggarsa argame hunda fudhatee bakka irraa buqqa'eetti deebii'u barbaada.''

''Dhimmi kun sirrii miti. Sababni isaas namootni baay'een rakkoo keessa jiru. Akka fakkeenyaatti namoonni qabeenyi isaanii jalaa gubate, manni isaanii jalaa gubateedha. Birrii kudhanis tahu hamma isaan gahe osoo fudhatanii isaan gargaara jedheen amana'' jetti buqqaattuun biraa BBCn dubbise.

Erga dubbiin kun dhagahameen boodas, osoo namoonni rakkataa jiranuu deeggarsa argame diduun oftulummaa yaadni jedhuuf balinaan midiyaalee hawaasummaa irratti qoodamaa ture.

''Ulfina moo Daabboo'' wayya kan jedhanii kaasanis ni jiru. Haa tahu malee Obbo Agenyew ''yaadni kun kan finxaalessitootaa ykn mankaraaressitootaa saba Amaaraaf tuffii qabaniiti'' jedhan

Akka Obbo Aganyawuutti kun ilaalcha tuffii ummata Amaaraatiif qabaniin kan kenname malee, sabni Amaaraa ofi tulummaa hinqabu jedhaniiru. Sirriiyyu saba walqixxummaa sabaa fi sablamilee Itoophiyaatti amanuudhas jedhaniiru.

Odeessa kana irratti dabalata