Biyyoonni dogoggora seenaa hojjetaniif dhiifama gaafachuu qabuu?

Lafti amma Meeksikoon irratti ijaaramte waggoota 300 oliif Ispeen jala turte osoo biyyattiin jaarraa 19ffaa keessa birmaduu hin bahiin. Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Lafti amma Meeksikoon irratti ijaaramte waggoota 300 oliif Ispeen jala turte osoo biyyattiin jaarraa 19ffaa keessa birmaduu hin bahiin.

Pireezidantiin Meeksikoo mootii Ispen Feeliip 6ffaa fi hogganaa Vaatikaan Phaaphaas Firaansiisiif xalayaa barreessuun sarbama mirga namoomaa wayita weerara Ameerikaa raawwatameef dhiifama akka gaafatan gaafatan.

Biyyoonni ykn namoonni taatee wagoota dheeraa dura raawwateef dhiifama yoo fedhan kun yeroo duraaf miti.

Mee biyyonni yoom maaliif dhiifama akka gaafatan haa ilaallu.

Ameerikaan garbummaafi qoodinsaaf..

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Bara 1865, the Heerri Ameerikaa yeroo 13ffaaf fooyya'e garbummaa dhabamsiise

Garbummaa biyya ishee keessatti raawwatamaa tureef Ameerikaan al lama dhiifama gaafatte - tokko bara 2008 Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataan, lammata ammoo bara 2009 Mana Maree Senaatarotaan.

Dhiifamni lamaanuu uummata Ameerikaa bakka bu'uun lammilee biyyattii hundeen isaanii Afrikaa irraa ta'eef an dhiyaatedha.

Kunis maqaa garbummaatiin miidhaa isaniifi abbootii isaaniirra gaheefi baroota hedduu qoodamuu isaaniiti.

Dhiifama gaafachuu kana mormii guddaan mudachuu baatus manneen maree lamaan dhiifama gosa tokko irratti waliigaluu dhabuun rakkoon akka ture hima.

Dhiifamni Manni Maree Senaatarootaa gaafate, dhiifamichatti gargaaramuun beenyaa maallaqaa gaafachuun akka hin danda'amne eera.

Murteen kun miseensota mana marichaa gurraacha ta'an kanneen miidhaa irra gaheef beenyaan kafalamuu qaba jedhanii falmaniin balaaleffatamee ture.

Image copyright AFP
Goodayyaa suuraa Pireezidant Obaamaan warra beenyaan kafalamuu mormaan keessaa tokko turan

Pireezidantiin yeroosii Baraak Obaamaan dhiifamni gaafatamuu simatanii, garuu beenyaan kafalamuu qaba kan jedhu hin deeggarre.

Dhiifamni kaffaltii beenyaa waliin ta'uu qaba yaadni jedhu sababa biyyootni hedduun dhiifama gaafachu hin barbaadneef keessaa tokko.

Beela Ayiriish keessatti qooda Biriteen

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Dhiifamni hariiroon Ingiliziifi Ayerlaand akka fooyya'u taasise

Beelli Ayiriish bara 1845 ture kan eegale. Waggota 150 booda Ministirri Muummee Biriteen Tonii Bileer, "namoonni yeroos Landan bulchaa turan uummata isaanii rakkoof saaxilan" jechuun dubbatan.

Beela sanaan namoonni miliyoona tokko ta'an yoo du'an miliyoona lama kan ta'an qe'ee irraa baqatanii turan.

Kunis oomishni dinnichaa Ayerlaand badee, Biriteen ammoo daftee midhaan nyaataa gara biyyaa galchuu dhabuu isheetiini.

Dubbiin bara 1997 Toonii Bileer dubbatan hariiroon biyyoota lamaanii akka fooyya'u taasiseera.

Namoonni tokko tokko dubbiin Toonii Bileer dhiifama guutuu miti jechuun qeeqaa turan.

Mootummaan UK bara 2013 lammilee Keeniyaa wayita fincila Ma'oo Maa'oo dararaman dhiifama gaafachuun beenyaa doolaara miliyoona 25 ta'uus kafaleera.

Lixa Jarman beenyaa Holokaast

Image copyright Reuters
Goodayyaa suuraa Jewiishotni miliyoona 6 ta'an Holokaastiin ajjeefamaniiru

Warreen armaan oliin addatti Lixi Jarman, xumura Waraana Addunyaa 2ffaa booda yakka Naazii Jarman hojjateef beenyaa kafaluuf hin harkifanne.

Bara 1951 Chaansilarri Jarmanii Koonraad Adenoor, "Yakkoonni hin dubbatamne maqaa uummata Jarmaniin raawwatamaniiru" jechuun miidhaa hamileefi qabenya irra gaheef beenyaan akka kafalamu dubbatan.

Beenyaan Isiraa'eliifi namoota holokaast irraa lubbuun hafaniif bara 1953 irraa eegalee kafalame ida'amni isaa doolaara biliyoona 70 ta'a.

Asitti ammoo warra miidhamantu beenyaan kafalamuurraa komii qaba.

Isiraa'el Jarmanii irraa kaffaltii beenyaa fudhachuun yakka warri Naazii raawwataniif dhiifama gochuudha jechuun morman.

Maallaqichi gariin baqattoota Isiraa'el Awurooppaa irraa deebi'an qubachiisuuf oole.

Dhiifama gaafachuf rakkachuu

Image copyright AFP
Goodayyaa suuraa Jappaan lafa amantaa Yasukuni keessatti namoota ajjeefaman miliyoona 2.5 qofa osoo hin taane kanneen ajjeesanis ni yaadatamu.

Jaappaan, Kooriyaa Kibbaa fi Chaayinaa waliin waliigalteewwaan waraana addunyaa lammaffaa boodaa lama mallatteessiteetti. Kunis maallaqa dabalatee hariiroo waliinii fooyyessuu ilaallata.

Waraana ture keessaatti Jaappaan badii dalaguu amanuu irratti ejjennoo ifaa hin qaban jedhamanii kan qeeqaman Ministirri Muummee Jappaan Shiinzoo Abee lafa amantaa namoonni du'an itti yaadataman daawwataniiru.

Garuu dubartoota Kooriyaa loltoonni Jaappan akka garboota qunnamtii saalaatti itti fayyadamaa turaniif beenyaa kafaluuf waliigalanii turan.

Lammileen Jappaan hedduun seenaa biyyattii sabboonummaan wal qabsiisanii hubatu.

Akkuma Namoota siyaasaa biroo Shinzoo Abeenis miira sabboonummaa biyya keessa jiruufi hariiroo gaarii biyyoota ollaa waliin qaban madaala eeguu irratti ni rakkatu turan.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata