Godaansa Afriikaa: Qabxiilee shanan baranne

Nama meeshaa isaa fudhatee buufata xiyyaaraa Keeniyaa Joomoo Keeniyaataadhaa deemu Image copyright AFP

Lammiilee Afriikaa namoota sadii keessaa tokko biyya isaanii irraa godaanuuf fedha qabu jedhe qorannoon tokko.

Akka qorannoon kutaa aardicha irra caalaa uwwise agarsiisutti dargaggoonnii fi namootni baratan irra caalaa warra biyya isaanii gadhiisanii bahuu barbaadanidha jedhe.

Namootni biyya isaanii gadhiisan kunneen gara Awurooppaa ykn Ameerikaa osoo hin taane gara biyyootuma Afrikaa kaaniitti kanneen deemanidha.

Gabaasicha irrattis qabxiileen adda bahan shan:

Namootni maaliif biyya isaanii gadhiisu?

Hojii barbaacha, hiyyummaa fi jireenya itti ulfaate jalaa bahuufi.

Afrikaa biyyoota 34 irratti qorannichi kan gaggeefame yoo tahu sababootni kunneen duraa duubaan 44% fi 29% qabatu jedha qorannichi.

Dabalataan jaalallee ykn maatii alaa qabaachuun akka isaan murteessanii bahaniif sababa tahuu danda'a jedha.

Namoota kanneen shanan keessaa yoo xiqqaate namni tokko 'maallaqa xiqqoo' biyya biraa irraa ergamuufiin jiraata.

Namoota gaafataman keessaa baay'een isaanii maatii isaanii keessaa namni tokko waggoota sadan darbaniif akka biyya biraa jiraatan himu.

Eessa deemuu barbaadu?

Biyyootni isaan deemuu barbaadan baay'een Awurooppaa ykn Ameerikaa osoo hin taane biyyootuma Afrikaa biroo keessadha.

Namoota gaafataman jedhaman keessaa 29% kan tahan naannoodhuma jiran keessa socho'aa turuu barbaadu. Kanneen 7% tahan ammoo biyyoota Afrikaa biroo galuu akka barbaadan himan.

Qorattootni qabxiin adda baasan biraan ammo namootni gara biyyoota Afrikaa Kibbaa isaan Kaaba Afrikaa caalaa dinagdee cimaa waan qabaniif achuma naannicha keessa turuu barbaadu.

Warri Kaaba Afrikaa keessaa garuu 8% kan tahan qofatu biyya jiran keessa jiraachuuf fedha qab jedhan.

Kanneen gara Awurooppaa deemuu barbaadan 27% kan tahan yoo tahu, gara Ameerikaa ammoo 22% kan tahanidha akka qorannichaatti.

Namoota akkamiitu biyyaa bahuu barbaada?

Dargaggoonnii fi namootni baratan 'yeroo xiqqoofis' tahu biyya isaanii gadhiisanii bahuu barbaadu. Sababni isaanii irra caalaa dhimma dinagdee waliin wal qabata.

Dhiirotni 40% dubartootni ammoo %33 kan tahan biyyaa bahuun biyya biraa deemuu barbaadu, akka ragaan Afrobarometir agarsisutti.

Haa tahu malee godaansi kun magaalota irratti kan caalu yoo tahu [40%] baadiyaa irraa bahuun kanneen deeman ammoo 32% kan tahanidha jedha ragichi.

Biyya kam irraati baay'inaan bahuu kan barbaadan?

Lammiileen Afrikaa 37% jechuun nama sadii keessaa tokko gara biyya biraa deemuu barbaadu.

Biyya isaanii irraa bahuuf kanneen fedhii guddaa qaban yommuu ilaallu, lammiileen Zimbaabuwee deemuuf warra qophii tahan jalqabaa yoo tahan Leesetoon ammoo sadarkaa lammaffaa irra jirti.

Image copyright Getty Images

Biyyoota akka Keeppi Verdee [57%], Seeraaliyoon [57%], Gaambiyaa, Toogoo fi Saa'oo Toomee fa'a warra lammiileen isaanii yeroo xiqqoofis tahu walakkaa isaaniitiin ol biyya biraa deemuu kanneen barbaadanidha.

Garuu ragaan Afrobarometir Sudaan Kibbaa kan lammiileen isaanii 2.2 tahan biiyyaa baqataniiru jedhamanii fi Eeritiriyaa kan uummanni isaanii ji'a ji'aan 25,000 gara daangaa Itoophiyaatti ce'u jechuun Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii ibsu hin dabalamne.

Imala isaanii kana keessatti gufuu guddaa kan itti tahu karaa bilisa taheen daangaadhaa gara daangaatti ce'anii deemuus tahe hojjechuu dadhabuu isaaniiti.

To'annoon biyyotni Afrikaa amma wal irratti gochaa jiran isa bara kolonii of irraa ittisuuf taasisan fakkaata jedhama.

Sooressi Naayijeeriyaa Aliikoo Daangotee bara 2016 keessa biyyoota Afrikaa hunda deemuuf Viizaa biyyoota 38 na barbaachisa jechuudha jedhe waa'ee miidhaa isaa ibsee ture.

Amma biyyootni Afrikaa hedduun daladala bilisaa waliin jalqabuuf yaalaa jiru. Keeniyaan gahumsa imaltootaa irratti Viizaa guyyaa 90 kennuu jalqabdeetti.

Biyyootni akka Ruwaandaa, Beeniin, Gaanaa, Naamibiyaa fi Moorishiyes dhorkinsa imalaa isaanii laaffisaniiru.

Odeessa kana irratti dabalata