MM Abiy Ahimad: Imalli cehumsaa Itoophiyaa eessa gahe?

Namoonni yeroo daandii zebiraatiin ce'aa jiranitti. Image copyright Getty Images

Gara aangootti dhufuu Dr Abiyi Ahimadiin wal qabatee Itoophiyaan waggaa tokko darbeef daandii cehumsaarra turte. Cehuumsa kana danqaawwan hedduun itti baayyachuunsaa gaaffii fi shakkii umaa jira.

Haasaan jabaan ministirri mummee torbee darbe keessa taasisanii tures haaluma danqaawwan biyyatti kessatti mul'ataa jiraniin kan wal qabatedha.

Ofii jijjiramni siyaasaa biyyatti sadarkaa maal irratti argama? jechuun gaaffii xinxaltoota siyaasaatiif dhiyeessine qabanneera.

Wayita ammaa kanatti haalawwan abdii qabanii fi abdii nama kutachiisan wal maddii adeemaa jiru jedhu dura taa'aan Kongirasii Federaalistii Oromo Dr. Mararaa Guddinaa.

Kun ammoo jijjiramichi daandii qaxxaamurraa irra jiraachu mul'isa jedhaniiru.

''Kanaafuu dhimmoota kanneen laman waliin gara fuula duraatti ademaa jirras'' jedhu.

Dhimmoota abdii kennan keessaa foyyeessa boordii filannoo, fooyya'iinsa seerawwan farra shororkessummaa fi waldaalee sivilii ni eeramu.

Ministirri muummee paartilee siyaasaa mormitootaa waliin marii taasisuunsaa abdii biraati jedhu.

Waggaan tokko kun wanti bilisummaa jennee iyyaafii turre, sirni ukkaamsaan hedduun itti aarsaa kaffalle darbee jalqabbiiwwan abdachiisoon yeroo itti mul'ataniidha kan jedhu ammoo nama siyaasaa dargaggoo Yoonaataan Tasfaayeeti.

Yeroo dhiyoo as garuu walmormiiniifi fedhiin naannolee garagaraa yeroo itti mul'atanii fi muddamni siyaasaas jira jedha Yonaataan.

Waggaa tokko keessatti akka dadhabinaatti tarii wanti ka'uu danda'u itti fayyadamni aangoo Ministira muummee laafaa ta'uudhas jedha.

"Kun isaaniin laafa goodhee mul'iseera. Seera maleessuummaa to'achuuf tarkaanfiin fudhatan tokkoffaa walqabataa miti. Lammaffaa ammo rincicatu irratti mul'ata."

"Kanarraa kan ka'e dimookraatummaa fi seera kabachiisuu sarara jiru waan dukkaneessaniif, tarii seer-maleessuummaan babalchuusaaf carraa akka bane natti dhagaahama" jedha.

Dhimmoota abdii kutachiisaa ykn jijjiiramicha daangessuu jedhaniin keessaa kan jalqabaa ejjannoo ADWUI kan ilaalattudha jedhu Dr. Mararaan.

''Paartiin biyya bulchaa jiru mataansaa haala jijjiramichaa hubachuus ta'e gara fuula duraatti adeemsisuuf waliin jiru? Muraasni isaanii jijjiramicha yoo dhiiban kuun ammoo boodatti kan harkisan fakkaatu" jedhu.

''Finfinnee akka Iyyarusaaleemitti''

Dhimmoota jijjiramicha daandii qaxxaamuraa irra kaa'aniiru jedhanis qormaatawwan seenaa sadarkaa lamaan kaa'u.

Qormaatawwan seenaa dabarsine kan jedhaniin keessaa dhimmi Finfinnee tokko yoo ta'u, ''Finfinneenis Iyyarusaalem akka hin taaneef iddoo tokko tokkootti yaaddoon umamaa jira,'' jedhu.

Kallaattii itti adeemamaa jiru ykn 'Roadmap' dhabuun jijjiramichaa mataansaa rakkina cimaa gara biraati jedhu.

Dhimmoota ta'aa jiran irratti fakkeenyaaf Itoophiyaa attamii? Jijjiirama gosa kamii? Sadarkaa kamiin garamitti dhimmoota jedhan irratti waliigaltee biyyaaleessaa irra gahame kallattiin kaa'amu qabaata ture jedhu.

Dhaabbileen mormitootaa ajandaa waliinii irratti waliin hojjachuuf yaaluu dhabuun danqaa gara biraati.

Eddoowwan biyyattii garaa garaatti argamuunis 'jijjiramni nu bira hin geenye ummata jedhu' argu kan himan Dr Mararaan, ''haala kanaan yoo itti fufne ummatichi jijjiramichatti abdii akka hin kutanne nan yaada'a,'' jedhu.

Haala qabatamaa ta'een dhimmi jireenya ummataa keessatti mul'atu yoo hin jiraanne, dhimmi jijjiramaa tapha gammeessootaa kan gatii kanfalchisuu ta'u malas jedhu.

''Lafa abdii itti kunnu irra gonkumaa hin geenye''

Waa'ee jijjiramicha yoo dubbannu akka biyyaatti haala attamii keessa turre? Essaa garam deemu barbaadna? kanneen jedhan ilaaluun ni barbaachisa jedhu Yunivarsitii Keeliitti barsiisaa fi xinxalaa siyaasaa kan ta'an Dr Awwal Aloo.

Mormitoonni siyaasaa biyyattii maal irratti wal dhabu? Gaaffilee gurguddaan hoo? Gaaffilee kanneen hundi haala humni siyaasaa barbaaduutti yaa hiikaman osoo jedhame, haala attamiin yeroo gabaabaa keessatti hiikkatu? gaaffilee jedhan Dr Awwaliif isaan murteessoodha.

Qabxii kana irraa ka'uunis, haala rakkisaa fi yaachisoo ta'an argaa kan jiran tahulleen, ammalleen jijjiramichi sadarkaa badaaratti argama jedhanii hin yaadan.

Akka isaan jedhaniitti, dhimmoonni amma mudatan ni mudatu jedhamanii yaadamu qabu ture.

Sababiinsaas siyaasni Itoophiyaa bakka paartiileen mormiitootaa qoodiinsa itti baayyatu, kan irratti waliigalan caalaa kan irratti walii hin galle kan caalu jiruudha.

Kanaafuu, paartiin biyya bulchu ADWUI amma rakkoolee adeemsa jijjiramichaa mudatan akka hin umamne, yoo umaman ammoo yeroo hiikuuf hojjachu qabaata jedhanii amanu Dr Awwal.

Motummaan kana taasisee osoo ta'e dhimmoota amma sararaan ala bahan, fi seeramaleessummaa dhabamsiisu ni danda'a ture jedhu.

''Lafa abdii itti kunnu irra gonkumaa hin geenye'' jechuun ammalleen dhimmoota bakkatti deebiisuuf akka hin guyyaafatiin himu.

Biyya akka Itoophiyaa siyaasa wal xaxaa qabuutti ce'umsi siyaasaa salphaa akka hin taane ifa ta'ulleen, motummaan hojjechuu osoo qabaatu hojiiwwan manaa hin hojjatamiin jiraa chusaanii Dr Awwal dabalatee baayyeen ni himu.

'Sabboonummaa'

Namoota qabeenyaa fi lubbuu isaaniif wabii dhabaniifi, waa'ee olaantummaa seeraa fi dimokiraasii dhimma lammaffaa waan ta'uuf, motummaan yeroo ammaatti olaantummaa seeraatiif xiyyeeffannaa addaa kennuu akka qabu yaadachiisu.

Keessattuu karaa midiyaalee hawaasaatiin wal mormii fi wal aarsuun humnoota sabummaa leellisan jidduu jiru biyyattii gara balaa olaanaatti geessa sodaa jedhu qabu.

Sabbontonni sabaa sirna duraanii nurratti deebiisuuf socha'aa jiru, sabboontonni Itoophiyaa ammoo waa'ee Itoophiyaa waan gaarii dubbatan illeen gochaan garuu kaayyoo sabboonummaa fiixaan baasuuf socha'aa jiru jechuun haala itti MM himataa jiran akka fakkeenyaatti eeru Dr Awwal.

Mormiin qaamoolee kanneen lamaaniis paartii biyya bulchu mataasaa keessatti qodiinsa umeera jedhu. Keessattu paartii ODP fi ADP jidduutti adeemsi kallattii sabboonummaa hordofu jiraachusaa ni mulata jedhu.

Paartileen haala siyaasa Itoophiyaa to'atan kunneen gama isaanitiin yoo dhiibbaa gareewwan sabbonummaa leellisan jalatti kufan, biyyattiif balaa olaanaa ta'a jedhu.

''Paartileen walii galtee yoo dhaban mormiin isaan jidduutti umamu paartiin biyya bulchu akka paartiitti akka itti hin fufneef kan taasisu yoo ta'e, biyyattii rakkina guddaa keessatti kufti jedheen yaada,'' jedhu.

ADWUI kan dhiibbaa olaanaa qabu gara duubatti dhiisuun mataansaa rakkina kan qabaatu yoo ta'e, haalli ODP fi ADPn ammaa mataansaa paartii biyya bulchuuf rakkina qabaata.

Tasgabbii dhabuun siyaasaa ADWUI keessatti mul'atu yaaddoo ta'uu kan himu Yonaataan, ABUT duraanuu adda addumaa qaabachuu ibseera, ODP FI ADP gidduus walitti qorruun akka jiru argita yaada siyaasaa tokko jala dhaabachuuf rakkachuun isaanii kuniis rakkoon jiru akka hammaatu waan godhe natti fakkaata jedha.

"Haala amma jiruun biyyittiin hin kufti hin diigamti jechuun hololarra waan darbu miti. Anaan kan na yaadessu muddaamni siyaasa jiru kun rakkoo hawaasaafi dinaagdee waliin wal qabatanii yoo kan hammaatan ta'e gara walitti bu'iinsatti adeemuu danda'u kan jedhuudha."

Qabxii Galmeessuuf

Haalli biyyatti ammaa kan paartileen siyaasaa wal dhaggeeffachu diduun itti wal himachuun qabxii galmeessisuuf itti fiigaa jiran waan ta'eef, biyyattiin balaa irratti argamti jechuun yaaddoo isaanii himu Yunivarsitii Maqaleetti barsiisaa kan ta'e obbo Abrihaam.

Kanaafuu humnooti siyaasaa hundinu dhaabbachuun biyyattiin attamiin yaa baraaramtu? jechuun yaaduun marii taasisuu akka dirqamasaatti yeroo itti ta'e irratti argamna jedha.

Akka Dr. Awwal qaamoleen siyaasaa biyyattii yeroo kammiyyuu caalaa 'atis dhiisi atis' jechuun kennanii fudhachuuf qophii ta'u akka qaban yaadachisu.

Kun akka dhugoomuuf ammoo waltajjiiwwan siyaasaa haqa qabeessi ni barbaachisas jedhu.

Odeessa kana irratti dabalata