Hawaasa Indiyaa hojii wal-qunnamtii saalaa aadeffate

Hinditti maatiin mucaa isaanii durbaa hojii saal-qunnamtiiti dirqiidhaan galchu
Goodayyaa suuraa Hinditti maatiin mucaa isaanii durbaa hojii saal-qunnamtiiti dirqiidhaan galchu.

Lammiileen Hindiyaa mucaa durbaa caalaa ilma argachuu filatu. Haa tahu malee yeroo Hiinaan dhalattu maatiin ishee ni ililchan.

Gammachuun kuni hundinuu waan gaariif miti. Maatiin ishee hawaasa Baacharaa keessaa isaan tokko.

Jaarraawwan hedduuf intala durbaa jalqaba argatan yeroo umuriin ishee waggaa 10-12 tahu akka isheen deemtee dhiirota kaan waliin wal qunnamtii saala raawwattee maallaqa argattu dirqisiisu.

Yeroo isheen guddataa adeemtu ammoo mucaan durbaa boodarra dhalatte dabaree harkaa fudhattee gocha wal fakkaataa saal-qunnamtii kana irratti hirmaatti.

Maatiin haala kanaan ijoolleen isaanii dubaraa saal-qunnamtii raawwachuun maallaqa argatan harkaa fudhachuun ittiin jiraatu.

Haal kanaan dhaloota irraa dhalootatti aadaa tahee darbuun hanga ammaatti itti fufeera.

Akka seera mootummaa Hindiitti ammoo walqunnamtii saalaa maallaqaaf jecha raawwachuun yakkadha.

Warri dhiiraa illee maallaquma kanaan jiraatu. Abbaa fi ilmi ijoollee shamarranii kanaaf maamila barbaadu, haala mijeessu, akka faddaalaattis waan isheen argattu irraa gahee isaanii qooddatu.

Haalli cidha ittiin raawwatanis akkasuma warra kaan irraa garaagarummaa qaba. Maatiin mucaa isaanii intalaa kennuuf beenyaa ykn harka fuudha maallaqa guddaa gaafatu.

'Carraa maaliin qaba?'

Hiinaanis jireenyuma kana fakkaatutti dhalattee guddatte. Ijoollummaa ishee irraa eegaluunis gochaa daldala saal-qunamtii kanaaf maatii isheedhaan kaadhimamte.

Yeroo umuriin ishee waggaa 15 guutus maatiin ishee dirqisiisanii akka jalqabdu taasisan.

Barumsa koo addaan kutee akkuma harmee koo fi akkooko fa'aa shaakala jireenyaa kana fakkaatu keessa galun dirqama natti tahe jetti.

Guyyaa guyyaatti sooressoota baadiyaatii hanga konkolaachistoota konkolaataa gurguddaatti tajaajila saal-qunnamtiif keesumeessaa oolti.

''Yeroo umuriin koo waggaa 18 guutu akka gocha gadhee tahen hubadhe. Garuu carraa maaliin qaba?''

Yoon hojii kana dhaabe maatiin koo maaliin jiraatu? Hawaasni Baacharaa Indiyaa keessaa hiyyeeyyii yoo tahan maallaqa argatanii kan jiraatan karaa ijoollee dubaraa isaaniiti.

Goodayyaa suuraa Dubartootni tokko sadaffaan hojii saalqunnamtii kana keessatti hirmaatan kannen umuriin isaanii hin geenyedha.

Mala daldalichaa?

Shammarraan naannichatti Kilaawadis jedhamuun waamamu. Jechuunis 'ishee taphachuu dandeessu' jechuu yoo tahu gareedhaan tahuun ykn qofaashee gaarota irratti siree teephaa irra taa'uun maamila achiin darbu eeggatti.

Sababni isaas konkolaachistootni konkolaataa gurguddaa gaarota kannen irra yeroo gahan kaan ni danqamu kaan ammo ni boqotu.

Cinatti ammoo suuqii xiqqoo keessatti gatii waliigalantu jira. Achi keessa dhaabachuun kan haala mijeessuuf ammoo maatii isaaniiti.

Konkolaachistoota waliin Niiraa ykn maallaqa Indiyaa100-200tti ykn Doolara 1.45-2.80tti waliigalu.

Yoo durbumaa qabaatte ammoo maatiin ishee gabaa gaarii fiddi jedhanii waan amananiif hanga doolara 72tti waliigalu.

Guyyaa guyyaa namoota afurii hanga shanii kan tahan ni dhufu.

''Halkan ammoo gara hoteelota naannoo keenya jiranii deemna. Yeroo hundumaa carraan dhibeedhaan faalamuuf qabnu guddaa dha'' jetti Hiinaan.

Akka gaazexaan Hinduu bara 2000 gabaasetti samudni dhiiga dubartoota 5500 fudhatame keessaa kan namoota 15% tahanii HIV'dhaan faalameera.

Goodayyaa suuraa Dubartoota akka waan suuqii keessa gurguruutti maamila eeggataa jiran.

Shamarran Kilawidis jedhaman hedduun ulfaa'uun daa'ima godhatu. Hiinaas kun mudatee mucaa durbaa deesseetti. Amma cimsitee hojjechuun dirqama itti taheera.

Shamarran kaanis erga mucaa godhatanii gochaa kana itti fufuun hojjetu. Sababni isaas carraan jireenyaa biraan waan hin jirreef.

Hojii wal qunnamtii saalaa akkanaa dubartiin hojjettu ammoo hawaasa ishee keessaa baatee dhiira gara biraatti heerumuu hin dandeessu.

Hiinaan akka jettutti miidhaa fi dhukkubbii isaa warra keessa darbe qofatu beeka.

Gochaan akkasii kun akka dhaabbatuuf dhaabbilee miti mootummaa waliin taatee hojjechaa jirti.

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Dubartootni kunneen manneen daandii cinaa jiran keessatti maamiloota isaanii keessumeessu.

Seerri maal jedha?

Hawwaasni Baacharaa miseensota 33,000 kan qabu yoo tahu isaan keessaa 65% kan tahan dubartootadha.

Bakka biraa irraa hojii saal qunnamtii kanaaf jecha karaa seeraan alaa dubartoota gara sana geessuun kanneen maallaqa arrgatanis jiru.

Mootummaan Naannoo Piraadesh bakka hawaasni kun jiraatu seera haaraa namni mucaa durbaa waggaa 12 gadii gudeede murtoo du'aan haa adabamuu jedhu dabarseera.

Akkasumas seerri namni shamarree waggaa 18 gadii waliin saal-qunnamtii raawwate hidhaa waggaa dheeraan adabama jedhus darbeet ture.

Haa tahu malee seerotni kunneen bahuun jijjiirama fidan hin qaban.

Goodayyaa suuraa Hiinaan barumsa qofatu jireenya dubartoota kannenii jijjiruu danda'a jetti

Qondaalli waajjira dhimma dubartii fi daa'immanii Indiyaa Rajendra Mahajan, dhaabbilee miti mootummaa dhimma kanarratti hojjetaniifi ulaagaa guutan hedduu argachuu hin dandeenye jedhu.

Haa tahu malee dhaabbileen gargaarsa dubartoota kana irratti hojjetanis ni jiru.

Deebisanii haaromsuuf barnoota, hojii fi kanneen biroodhaan deegarsa gochaa jiru. Hiinanis akkasuma dhaabilee gargaarsa kanneen waliin tahuun hojjechaa jirti.

Barumsa qofatus jireenya isaanii jijjiruu danda'a jettee amanti.

Odeessa kana irratti dabalata