Mana Muuziqaa Madda Walaabuu: Manni muuziqaa Afaan Oromoo 'jalqabaa' eessa jira?

Meeshaan kee Miidiyaa taphachiisuu hin danda'u
Mana Muuziqaa Madda Walaabuu: Manni muuziqaa Afaan Oromoo jalqabaa eessa jira?

Mana muuziqaa Afaan Oromoo jalqaba Magaalaa Finfinneetti baname kam akka ture beektuu? Manii muuziqaa kuni boodarra hoo akkamitti cufame?

Hundeessaafi abbaa qabeenyaa mana muuziqaa Madda Walaabuu kan turan Obbo Sa'id Ahimad (Yaaquut) waliin BBCn turtii taasifneerra.

Obbo Sa'id attamiin mana muziqichaa hundeessuuf akka kaka'an, booda attamiin akka cufameefi mudannoowwan adeemsa keessa isaan quunname ilaalchisuun waan nutti himan akkasiin qindeessineera.

BBC- Manni muuziqaa madda walaabuu akkamitti hundaa'e?

Sa'id - Jalqaba gara Harargee deemeetin sirboota afaan Oromoo hedduu dhagahaan ture. Booda gara Finfinnee wayitan dhufu sirboonni afaan Oromoo kuni baayyinaan hin jiran.

Kana gaafan argun Afaan Oromootiin manni muuziqaa maaf hin banamu jedheen daldala dhiiseen gara mana muuziqaa banuu kanatti gore.Bara 1985 A.L.I tti Finfinnee keessatti mana muuziqaa Afaan Oromoo kan jalqabaa kan ta'e 'mana muuziqaa Madda Walaabuu' bane.

BBC- Hojiiwwan manni muuziqichaa ittiin jalqabe ni yaadattuu?

Sa'id - Eeyyee. Akkuman jalqabeen sirbin maxxansee gabaarra oolche kan artisti Abbabaa Abbishuu ture. Sababuma kananis mana hidhaa ma'akalaawwiin seene. Sirbitoota Oromoo hedduu waliinan hojjechaa ture. BBC- Sababni ittiin hidhamtan maali?

Sa'id - Asxaan Madda walaabuu halluu diimaa fi magariisa qaba. Odaa guutuu keessa jira. Sanumarraan kan ka'e akkamitti xiyyeefattee waan kana goote jechuudhaani kan mana hidhaa nagalchan.

Addunyaarratti Ummatni haalluurraa daangefame yoo jiraate Oromoon kan jalqabaati. Sabni halluu diimaa magariisa fayyadamte jedhamee halluurraa ittifame Oromoo qofa.

Sababni inni lammeessoon ammoo sirba montaarboon alatti baafamee sirbamutti Afaan Oromoo malee afaan Amaaraa maaliif hin makne kan jedhu ture. Deebiin ani isaanii kennes 'ani kanin dhagahu Afaan Oromooti, namni narraa bitullee Oromoodha. Sabni biraa takkaas narraa bituuf nagaafachuu hin dhufne' kan jedhu ture.

Warrumti naannoo suuqii kiyya turanis walgurmeessanii nahimachaa waan turaniif hanga bara 1993'tti maakalaawwiitti deddeebi'aatuman ture. Booda mana hidhichaatti dararaa guddaan waan narra gaheef biyya gadhiisee deemuuf dirqame.

Manni muuziqaa Madda Walaabuus ni cufame.

Sababa mana muuziqaa kanaatiin miidhama guddaa kan lammii fi maatiikoo naaf hin beekne keessan ture. Wareegaman kaffale kana kan aartiitti akkan cichu nagodhe.

BBC- Erga biyya alaatii deebitehoo hojii aartii kana akkamitti itti fufte?

Sa'id - Aartii kanarraa deebi'uu waanin dadhabeef jalqaba osuman biyya alaa jiruun maqaa obboleessa kiyya xiqqaatiin mana muuziqaa 'Bilisummaa' jedhamu akka banamu godhe.

Obboleessi kiyya kuni 'yoon maqaasaa kana bilisummaa jedhe naqabani akkamin godha?' jedhee nagaafate. Anis 'duraan maatii jalan jira amma ofdanda'een hojjedha kanaafiin bilisummaa jedhe' jedhiin jedheen moggaasnisaa bilisummaa kanaan itti fufe.

Yeroon ani gara biyyaatti deebi'utti akka carraa ta'ee mana muuziqaa keenya kan Finfinnee jirus karaan baaburaa waan irra baheef ni diigame. Kanumaaniin gara Adaamaatti gale.

BBC - Magaalli Adaamaahoo Aartiidhaaf hammam mijataadha?

Sa'id - Bara 2005 yeroon mana muuziqaa kana Adaamaatti banus qabsoo haaraatu namuudate. Magaalaa Adaamaa keessatti yeroo sana sirbi Afaan Oromoo hin dhagahAMUus hin sirbisiifamus ture.

Gaafan ani sirba Afaan Oromoo qofa banu, warri naannoo kiyyaa ammas akkuma Finfinnee sana kan Amaariffaa bantu malee jechuun qabsoo narratti eegalan. Animmoo Afaan Oromootiin ala hin dhagahus fedhiis hin qabu jechaaniin ture. BBC - Mana muuziqaa keetti sirbi afaan biraa banamee hin beekuu?

Sa'id - Tasumaa sagale guddistuun Afaan Ormootiin ala sirbisiisee hin beeku. Erga bara 1985 hanga har'aatti waggoota 26 kanaaf daqiiqaa tokkoofuu afaan Oromootiin ala sirbisiisee hin beeku.

Sababnisaas galatni artistoota keenyaaf haa ta'u malee akka har'aa kana namni miidiyaa, kitaabaa fi karaa biraatiin ittiin ergaa walii dabarsu hin turre. Karaan tokkichi Oromoon ergaa ittiin walii dabarsaa ture ammo sirba.

Sirbi kuni akka ergaansaa hawaasa bira gahuufi kanin sirba Afaan Oromoo qofa banuuf. Osoo dinagdeef hojjedha ta'ee yeroo hedduu kitaaba sirboota afaan biraa siifinna, siif kaffalla jedhanii yeroo baayyee nagaafatu turan.

Ani garuu nan dide. Sababnisaas kaayyoon kiyya guddaan afaan awaalame kana akka uummanni dhagahu, mirga ta'uusaa akka baramu gochuudha. Fuulduraafis taanaan Afaan Oromootiin ala sirbisiisuuf kaayyoo hin qabu.

BBC- Adaamaatti rakkoon sirra gahaa ture maali?

Sa'id - Ergan Adaamaa dhufees si'a afurii ol sababuma afaan Oromoo sirbisiisuu kanaan manni kiyya narratti cufame. Qabeenyi kiyyas najalaa 'warasamee' beeka.

Booda sirumaa daldalaan 150 tahu gurmaa'anii nahimatan. Sababa sagaleen nu jeeqe jedhuun. Nama gamoo natti kireessefaa akeekachiisan, heyyamni akka narraa fudhatamus godhan booda maqaa nama biraatiin heyyama kana deebisee baafadhe.

Sabboontuu Oromoo tokkotu maqaa mucaashiitiin heeyyama mana muuziqaa Bilisummaa kana deebisee naaf baase. Isheenuu sababa kanaan dararaa guddaa argite. Mucaashiituu biyya kana jiraachisuu dadhabnaan biyya alaatti ergite.

Meeshaan kee Miidiyaa taphachiisuu hin danda'u
Nama Afaan Oromoo waggoota 25'f barsiisaa turaniin wal baraa

Kitaabota suuqii kiyyatti gurguramus ni toohatu. Ani kitaabas kan afaan Oromoo malee hin gurguru. Keessumaa sababa kitaaba Dr. Getaachoo Jigiitin yoo xiqqaate yeroo afurii shan hidhame. Meeshaas akkuma jiruun narraa fudhatan.

Irreecha bara 2006 irratti sirba Artisti Daadhii Galaan maxxanseen gaafa irreechaa konkolaataan fe'ee achi geesseen achitti qabamee hidhame.Adaamaatti keessumaa yeroo labsii muddamaas ta'e yeroo kamuu sirbuma warraaqsaa waanin sirbisiisuuf warra tikaatiin doorsisnii fi hidhaan narra gahe ibsuuf nama rakkisa.

BBC- Hojii keessanirattii amma Jijjiramni jiraa?

Sa'id - Eeganaa jijjiiramni dhufe. Jijjiirama dhufe kana keessatti har'a mirga dubbachuu niqabna. Mootummaan mootummaa Oromoo ta'eera, waan argamee hin beekne. Afaan keenyaanis waa'ee siyaasa keenyaa nihaasofna kunis waan amma dura hin turre.

Garuu qabsoon ammas hin dhumne itti fufa. Gara gadii ammayyuu rakkoon ittuma fufee jira.

Daldalaan naannoo Adaamaa jiru baayyeen ammayyuu Afaan Oromoo dhagahuu hin fedhu. Yeroo hunda inuma natti dhaadatama.

Galanni Guddaan uummata Oromoo fi qeerroo har'aan nugaheef haa ta'u. bilisummaan haftes akka galma geessu abdii guddaan qaba. Warra jijjiirama fide kana tumsinee bira dhaabbachuu qabna.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata