Awwol Aloo: ''Mootummaa buusuufi dimokiraasii fiduun waladda''

Namoota mormiif hiriira ba'an, Kaartuum, Ebla 11,2019 Image copyright EPA
Goodayyaa suuraa Hiriira mormii ,Sudaan, Kaartuum

Ji'oota dura mormiin uummataa daballii gatii daabboo fi boba'aan eegale gara mootummaa mormuutti geeddarame, guyyaa kaleessaa (Kamisa) Pirezidaantii biyyattii Omar Hasan al-Bashir aangoorraa buusuu danda'eera.

Pirezidaanticha aangoorraa fonqolchuun to'annoo jalas kan oolche Raayyaan Ittisa Biyyaa Sudaan Mana Maree hundeessuun labsiiwwan baasuu eegaleera.

Labsiiwwan ba'an keessaa lammiileen akka hin baane ittisuu, labsii yeroo muddamaa kan ji'oota sadiif turuu fi jiruufi jireenya lammiilee eeguuf bifa haaraan of gurmeessuudha.

Haata'u malee lammiilee biyyattii waraanni amma biyya harka galfate kun qaamuma mootummaa kaleessa tureeti waan ta'eef, gaaffiin keenya haala kanaan nuuf hin deebi'u jechuun mormiisaanii itti fufaniiru.

Sudaan ammas yaaddoo biraatu ishee eeggata kan jedhan Landan Yuuniversitii Keel keessatti seera kan barsiisan Dr Awwal Aloo, murtee kaleessa Sudaan keessatti darbe bifa lamaanin ilaala jedhu.

''Tokkoffaa mootummaan abbaa hirree waggoota dheeraaf biyyattii dhiitee bulchaa ture gaaffii uummataatiin dhiibamee wayita aangoorraa bu'u waanta nama gammachiisuudha, waan gaariidha.

Akka biyyaattis uummata Sudaaniif akka naannoo Gaanfa Afriikaattis bu'aa guddaa qaba. Inni Lammaffaanimmoo haalli mootummaan itti aangoorraa bu'e guutummaa guutuutti akka fedhii uummataatiin miti.'' jedhan.

''Waraanni yeroo aangoo qabatu dimokiraasiin qormaata keessa gala''

Waraanni gidduu seenee aangoo fudhatee waggaa lamaaf akka biyyattii bulchu murteessee jira kan jedhan Dr. Awwal, inni kun wanta baayyee nama sodaachisu ta'uu dubbatu.

''Humni waraanaa labsii yeroo muddamaas labseera. Biyyoota adda addaa keessatti wayita gaaffii uummataatiin mootummaan kufee humni waraanaa aangoo qabatu xiqqumallee fuulduratti hin deemsisu.Akkuma kanaan dura Ijiptitti argine waraanni mootummaarraa aangoo fudhatee dimokiraasii fiduu hin dandeeye.''

Haalonni akaasii yeroo biyya tokko mudatan silaa mootummaan biyya bulchu haala heeraa fi seera biyyaa kabajeen gaaffii hawaasaa deebisuu qaba kan jedhan Dr.Awwal Aloo, kan Sudaan garuu uummataaf gurra kennuu dhabuutu kanarraan ga'e jedhu.

''Silaa pirezidaantichi mootummaa ce'umsaa kan namoota paartii biyya bulchaa jiruun hin oofamne of keessatti hammate hundeessee rakkoo biyya mudateef furmaata kaa'uutu irra ture.

Haala kanaan eegamee gaafa filannoo bira ga'amu furmaanni waaraa argamuu danda'a. Garuu aangoon harka waraanaa galuudhaan rakkoo caalutu dhalata malee furmaanni uummanni fedhu hin argamu'' jedhan.

''Waraanni aangoo mi'eeffannaan dhiisee hin deemu''

Seenaa addunyaa kanaa, keessattuu seenaama naannawa Baha Afriikaa kana yoo ilaalle gaafa waraanni dhimma mootummaa gidduu seenee aangoo gurguddaarratti murteessuu eegale biyaattii sana xurree rakkoo irra kaaya jedhan Dr.Awwal Aloo.

''Waraanni aangoo qabatee yeroo dheeraaf ho'ifatee mi'aa aangoo wayita hubatu innis dhiiseetiin deemuu hin barbaadu.

Omar Hasan al-Bashir akkanumatti aangoo qabate. Haaluma saniin dhufee waggaa kana hunda taa'e. Kanaafuu waraanni amma aangoo qabate kun dimokiraasiif haala mijeessa jechuun waan hin yaadamnedha.''

Rakkoon nageenyaa Sudaan biyyoota ollaa ni miidhaa?

Jijjiiramni Sudaan keessatti ta'e biyyattiif yaaddoo ta'uurra darbee biyyoota ishee marsanii jiraniifillee sodaa guddaa uuma jedhu Dr.Awwal.

''Sudaan biyya guddoodha. Itoophiyaa wajjin hariiroo bara dheeraa waliin qabu. Daangaa dheeraa waliin qooddatu. Sudaan Kibbaas erga Sudaan irraa citee rakkoo nageenyaa hamaa keessa ture. Nageenya biyya kana keessatti fiduuf jalqaba Sudaan nagaa ta'uu qabdi.

Sudaan kibbaa rakkoorra buute jechuun ammoo biyyoonni daangaa biyya kanaarra jiran rakkoo keessa galu jechuudha.''

Keessattuu uummanni Gambeellaa kan daagaa Sudaan Kibbaarratti argamu waan hedduu uummata Sudaan Kibbaa waliin qooddachuu isaaniirraan kan ka'e tasgabbiin biyya kanaa uummata Gambeelaaf murteessaadha jedhan Dr. Awwal.

''Hookkarri Sudaan keessaa jijjiirama siyaasa Itoophiyaa gufachiisuu mala''

Rakkoon Sudaan keessatti mudate kan biyya sanaa qofa miti kan jedhan Dr Awwal, biyyoonni naannawa sana jiran hundinuu akka dhimma isaaniitti ilaalanii nageenya biyya sanaaf tumsuu qabu jedhan.

''Biyyoonni daangaa waliin qooddatan rakkoo walirratti ilaaluun furmaata hin ta'u. Tokkoffaa rakkoo mudatuun uummanni buqqa'u gara ollaatti baqata. Biyyoonni Gaanfa Afriikaa amma jijjiirama keessa jiran rakkoo Sudaan keessaan gufachuu malu.

Ammas gaafa uummanni socho'uu jalqabu akkaataa humni waraanaa deebii itti kennuuf deemu biyyattii qofa osoo hin taane, biyyoota ollaa mara rakkoof saaxiluu danda'a.''

Mootummaan tokko kufee mootummaan biraan muuxannoo bulchiinsa siyaasaa hin qabne wayita aangootti dhufu waan tolchurra kan balleesutu caala kan jedhu Dr.Awwal jijjiiramni mootummaa bifa bilchina hin qabneen Sudaan keessatti geggeeffame fooyya'iinsa siyaasaa biyyoota Gaanfa Aftriikaa keessattuu Itoophiyaa keessatti mul'achaa jiru ni gufachiisa jedhan.

''Mootummaa duraan ture fonqolchee aangootti kan dhufe caalee hin argamu yoo ta'e karoora biyyattiin biyyoota addunyaa biroo waliin qabdu itti fufsiisa yookiin ni fooyyessa jechuun hin yaadamu.

Jijjiirraan Sudaanis hariiroo dhiyeenya kana mootummaa Itoophiyaa wajjin biyyattiin qabaachaa turte ni gufachiisa. Biyyoonni lameen wantoota irratti wal ta'an haaressuun mootummaa haarawaaf dhiyeessuu qabu.

Keessaawuu naannoo daangaarratti dhimmoonni daddabarsa meeshaa waraanaa seeraan alaa hambisuuurratti hojjechuuf walii galan haalaan yaaddoo keessa seena.''

Keessattuu biyyi guddaan akka Sudaan karoora akka naannawa sanaatti qabame keessaa kan hafu yoo ta'e hojiin dippiloomaasii naannawa Bahaa akka duubatti harkifatu ta'a jedhan.

''Yeroo adda addaa meeshaan waraanaa seeraan alaa Itoophiyaaf yaaddoo nageenyaa hamaa ta'aa ture karaa Sudaan akka seenaa ture ibsamaa tureera.Yeroo sana yeroo mootummaan to'ataa turettiyyuu meeshaan waraanaa kan seenaa turu yoo ta'e mootummaan sirnaan gadi hin dhaabatin yoo dhufu humnoonni daldala meeshaa waraanaa sochoosaa turan hiree gaarii argatu''

Daddabarsi meeshaa waraanaa naannawa Gaanfa Afriikaatti daldala ta'eera kan jedhan Dr.Awwal humnoota kallattiidhaan hojii kana keessatti hirmaatan keessaa isaan jalqabaa waraana waan ta'aniif amma wayita aangoo guutuu harka galfatan akka fedhanitti meeshaa waraanaa daldaluu itti fufu jedhan.

Mootummaan laaffannaan daldalli sun janbaatee itti fufa. Yoo kun kan itti fufu ta'emmoo Itoophiyaadhaaf rakkoo guddaadha. Yookaa Itoophiyaan daangaa Sudaan waliin qabduyyuu akka cuftu dirqamsiisuu danda'a. Cufuuf ammoo qabeenya guddaa gaafata. Gama kanaan Itoophiyaa qormaata keessa galchuu mala.''

Mootummaa abbaa hirree kuffisuu fi sirna dimokiraasii hundeessuu jechuun waan adda addaati kan jedhan Dr.Awwal Itoophiyaa keessattis kanuma argaa jirra jedhan.

''Yeroo baayyee mootummaa aangoorraa buusuun ni salphata. Waa diiguun salphaadha. Ijaaruun garuu waan yeroo fudhatuudha. Obsa gaafata. Walii galtee uummataa uumuu feesisa.Ilaalcha adda addaa walitti araarsuu kan walitti mufatee yeroo dheeraaf ture walitti fiduu gaafata.''

''Biyya dimokiraasiin akka aadaatti gadi hin dhaabatin tokko keessatti hatattamaan jijjiirama barbaadamu fiduun rakkisaadha, Itoophiyaa keessatti wanti ta'aa jiru fakkeenya guddaadha.

Biyyoota dimokiraasii yaalanii gara duubaatti deebi'an biroo kanneen akka Ijiptifaa fudhachuu dandeenya. Isaanis hin milkoofne. Uummanni Sudaanimmoo haala hedduudhaan Uummata Ijipti waliin wal fakkaata.

Hireen walfakkaatu isaan mudachuu danda'a. Kanaaf biyyoonni naannawa sana jiran hunduu dhimma kana callisanii ilaaluu hin qaban'' jechuun dhaams dabarsan Dr. Awwal Aloo.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata