Vaayitaminii kallattiin lilmoodhaan fudhachuun hanagam nu fayyada?
- Elaine Chong
- BBC World Service

Madda suuraa, Getty Images
Yeroo ammaa kana itti fayyadamni 'Vaayitaminii' karaa lilmoon waraanmuun baay'achaa dhufeera-garuu rakkinni isaa maal?
Qamaa keenyaa keessatti hoo haala gaariin hojjatu?
Ji'a darbee keessa ga'eettiin ganna 51 Hunaan, Chaayinaa, jiraattu kuduraa gosa 20 mana isheetti hojjatte karaa lilmootiin fudhachuun akka carraa xiqqoof du'a jalaa baate. Vaayitamiiniin kuduraarraa argattu fayyaa isheef fayyada jette yaaddee ture.
Akka tasaa dhukkubbii akka mata-bo'oofi gogaan isheemmoo baay'ee hooksiisaan ture. Yeroo mana yaala geeffamtu qamoonni ishee hedduun miidhamee ture.
Taateen kun biyyoota Eeshiiyaa keessatti beekamadha. Kunis manneen sirreessaa rifeensaa keessatti lilmoodhaan haala qulqullina hin qabneefi ogeeyyii hin jireetti ni kennama.
Namoonni vaayitamiinii kallattiidhaan dhiiga keessaatti fudhataan vaayitaminichi humna kenna, qaamni keenya akka dhukkubba ofirra ittisu, gogaa foyyeessuu, cooma qaama keenyaa akka hir'isuufi dhukkubbii mataa dhugaatiin booda dhufu akka fayyisu amanu.
US keessatti konkolaataan hanga manaatti dhufee bowwuu mataa sabaaba dhugaatiitiin dhufuuf jecha "fayyisuuf" namootaaf qooda.
Yaalli isaa kiliinikaa Landan keessaatti £120- £3,000 ta'uu danda'a. Kunis immoo baay'ee miyaadha.
"Yaaliin isaa gar-malee beekamaa dhufee jira, keessatiyyuu saffisaan bowwuu sabaaba dhugatiin dhufu fayyisuuf-ta'us garuu akka faayidaa qabu wanni beeknu hin jiru, akkasumas immoo miidhaan isaanii akka hamaa ta'e," jetti Marseelaa Fi'uuzaa Waldaa Sirna Nyaata Biriitish irraa.
"Ogummaa fayyaa keessaatti, waan tokkollee kallattiidhaan dhiigaaf hin kenninu, yoo dirqamne malee," jetti ogeettiin duraan kiliinika sirna nyaata keessaatti hojjatteefi 'King's College London' keessatti barsiistuu kan turte Sofiiyaa Meediliini.
Ogummaa fayyaa keessatti, dhukkubsataan kallattiidhaan dhiiga keesstti qorichi hin kennamneef tokko dursa haala dhukkubbi isaa duraanitu ilaalama.
Vaayitaminoota kallattiidhaan gara dhiiga keenyaatti fudhachuun kaleefi tiruu keenyaa dhiibbaa gudda keessa galcha, osoo jalqaba kaleefi tiruu hin ilaalamiin dura vaayitaminoota kanneen fayyadamuun dhorkaa akka ta'e dhabbanni 'National Institute for Clinical Excellence' kan Uk'tti argamu ni ibsa.
"Haalli kun manneen yaala keessatti baay'ee hojiirra oola hin jiru. Vaayitaminoota kallattiin dhiigaatti kennaman hedduu argee beeka" jetti addee Meedilaan.
Madda suuraa, Getty Images
Korojoo dhangal'aa keessaatti qabiiyyee adda addatu jiru. Magaala Taa'iipee keessaatti mamiltoonni gosa vaayitaminoota barbaadan filatu.
Barattoonni sadarkaa lammaffaa mana barnoota Hubee'ii, Chaayinaa qormaata seensa yunivarsiitii qorman humna nu ciimsa jechuun vaayitaminii karaa lilmootiin kallattiidhaan gara dhiigaatti fudhatu turan.
Addee Meedilaan taate kanatti akka naate himuun-nannoo ogeeyyiin fayya hin jireetti fayyadamuun miidhaa adda qabu himti.
Eenyutu vaayitaminii fayyadamuu qaba?
Gareen muraasni hanqinna qaban fayyadamu danda'u:
- Haadholiin ulfa ta'aniifi harma hosiisaan hundi vaayitaminii D fudhachuu qabu
- Ga'eessooni umurii 65fi achii olii Vaayitaminii D fudhachu qabu
- Daa'imaan ji'a jaha hanga ganna 5tti argaman vaayitaminii A, Cfi D kennamuufi qaba
- Namoonni gogaan isaanii gurracha ta'eefi ifa aduu baay'ee hin argannes Vaayitaminii D fudhachu qabu
- Doktorroonnis dhukkubbii dhukkubsatarratti hunda'uun ajaajuuf danda'u
Liizaa Roojeers Dhabbata Fayyaa Addunyaarra , itti fayyaddama vaayitaminootarraatti fedhiin namoota guddachaa akka jiru himti.
"Akkan yaadutti hamma ta'e fayyida isaanif qaba. Namoonni vaayitaminii yeroo hanqinni jiru qofa hamma ta'e qofatu isaani barbaachisa.
Kanaafuu itti fayyadama humnaa oliirratti of eegachuu qabu," jetti.