Buqqaatotni tibbana magaalaa Roobee qubatan eenyu?

Namoota Magaalaa Roobeetti qubatan
Ibsa waa'ee suuraa,

"Namootni kunneen wal keessa jiru. Namootni naannoo Somaalee irraa buqqa'an jiru.

Namoonni 7,000 ol ta'an gara magaalaa Roobeetti imaluun mootummaan lafa kenneefii akka isaan qubsiisu gaafachaa jiru.

BBCn bilbilaan kan haasofsiiseefi namoota kunneen keessaa tokko kan ta'an Obbo Taajuu Mahaammad Abdallaa "Namoonni kunneen wal keessa jiru. Namoonni naannoo Somaaleerraa buqqa'an jiru. Kaanimmoo bara 1997 irraa eegalee lafti akka kennamuuf iyyachaa kan turanidha," jedhan.

Namoonni kunneen godinaalee Harargee lamaan, godina Arsii, Shawaa Kaabaafi Walloo irraa kan dhufan akka ta'an buqqaatoonni kunneeniifi hogantoonni godina Baalee BBCtti himaniiru.

Kunneen naannoo Somaaleerraa buqqa'anis maatii 120 akka ta'an Obbo Taajuun ni dubbatu.

Abbaa warraafi ijoollee isaanii walin aanaa Barbaree irraa gara magaala Roobeetti kan dhufan Aadde Misraa Mahaammadnur "ji'a sagaliif aanaa Barbaree ganda Haroo keessatti lafa nama dhuunfaa irraa ture.

Mootummaan gargaarsa nuuf taasisaa waan hin turreef qoonqoon nu miidheennaan achii gara Roobee dhufne," jedhan. Gara magaalaa Roobee erga dhufanii boodas qorriifi qoonqoon isaaniifi ijoollee isaanii miidhaa akka jiru kan himan Aadde Misraa Mahaammad, miira keessa seenuun waan booyaniif gaaffiifi deebii BBC waliin taasisaa turan xummuruu hin dandeenye.

"Naannoo Somaalee keessaa kan buqqa'an miti…"

Naannoo Somaalee iddoo Waggubee jedhamuu buqqa'anii godina Baalee aanaa Barbaree iddoo Goraa jedhamu qubatanii akka turan kan dubbatan Obbo Ahimad Ali ji'oota sagal keessatti al tokko qofa deeggarsa mootummaa argachuu isaanii himan.

"Sababa sana irraa kan ka'e dhibeefi qoonqoon lubbuu namootaa nu jalaa ajjeefte," jechuunis Obbo Ahimad BBCtti himaniiru.

Ibsa waa'ee suuraa,

"Sababa sana irraa kan ka'e dhibee fi qoonqoon lubbuu namootaa nu jalaa ajjeefte"

Namoonni 7,500 ol ta'an kunneen aanaa Barbareetti lafa nama dhuunfaa hektaara tokko hin guunne irra qubatanii akka turan kan himan itti gaafatamaan waajjira Hoggansa Sodaa Balaa godina Baalee Obbo Abrahaam Hayilee, "namoonni hanqina nyaataafi dhibeewwan adda addaan miidhamanii turan akka wal'aanaman gochaa turre," jedhan.

"Haa ta'u malee namootni kun naannoo Somaalee irraa kan buqqa'an osoo hin taanee aanaa Barbaree keessa jiraachaa ganda naannoo Somaalee keessatti argamu fi Dugda Aduu jedhamutti deddeebi'aa hojjechaa kan turanidha," jedhan.

"Kanaafis namoonni kun buqqaatota idilee ta'anii sagantaa buqqaatotaa keessa hin galle, gandaafi godinoota garaagaraa irraa waan dhufaniif, jiraataa ta'anii gandi isaanii ifaan kan beekkame miti," kan jedhan Obbo Abrahaam, deeggarsi nyaataa yeroosaa eegee taasifamaafii akka hin turre himaniiru.

Gara magaalaa Roobee erga dhufanii boodas bajata mootummaan ala qeerroo magaalichaa, hawaasa magaala Roobee fi waajjiraalee mootummaa hirmaachisuun, soorata kennaafii akka jiran kan himan Obbo Abrahaam, namootni kun bifa kanaan magaalaa Roobee keessa kan turan yoo ta'e, humna isaaniitii ol akka ta'u fi mootummaan naannoo Oromiyaa itti yaaduu akka qabu dubbatan.

Gaaffii Lafaa?

Buqqaatotni magaala Roobee qubatan mootummaan dhaabbiidhaan akka isaan qubsiisuuf waggootaaf gaafachaa turanillee deebii osoo hin argatin turuu isaanii dubbatu.

Gara magaala Roobee erga dhufanii boodas koree namoota 30 qabu filatanii qaamolee mootummaa godina Baalee walin mari'achuu isaanii himan.

"Haata'u malee koreen gurmaa'ee wayita gara hoggansa godinaa deemeetti hawaasa amansiisnee gara iddoo itti dhufnetti akka deebinu nutti himan," jechuun Obbo Taajuu Mahaammad BBCtti himan.

Hanga deebiin isaanii dhaabbiidhaan furmaata argatutti iddoon yeroof irra qubachuu danda'an aanaa Barbaree keessatti akka mijaa'e kan himan itti gaafatamaan waajjira Hoggansa Sodaa Balaa godina Baalee Obbo Abrahaam Haayilee, "gaafiin lafaa gaafatan akka deebi'uuf kanaan dura qaama dhimmi ilaallatu beeksisaa turrus hanga ammaatti deebii osoo hin argatiin turaniiru" jedhan.

Gama biraatin buqqaatotni BBCn haasofsiise gara aanaa Barbareetti deebi'uuf fedhii akka hin qabne himaniiru.