Jijjiiramni heeraa Ijiipt Al Siisiin hanga bara 2030tti akka aangoorra turan taasisa

Al Siisiin hanga bara 2030 aangoorra carraa itti turan argatan Image copyright Reuters

Paarlaamaan Ijiipt heera biyyaarratti fooyya'iinsi akka ta'u raggaasuun pireezidant Al Siisiin hanga bara 2030tti aangoorra akka turan hayyama.

Siisiin bara 2022'tti marroo lamattaaf turtiin isaanii waggaa afurii masaraa biyyattii keessattii qabaatan ni xumurama jedhamee ture.

Fooyya'iinsi heera biyyaa amma paarlamaan raggaase guyyoota 30 dhufan keessatti rifarandamiin irratti gaggeefamuu garuu turtii isaanii waggaa 4 gara waggaa jahaatti guddisuun marroo sadaffaaa waggaa 6 qabaatuu kan biroofis akka dorgoman carraa kenna.

Waldhabdeen eenyuunuu hin fayyadu

Tiraamp pireezidantii Masirii Al-Siisii jajan

'Biyyaa bahuuf rakkoo, deebi'uufis rakkoo?'

Heerri haaraan fooyya'ee ragga'e kun qaamolee seera hiikan irratti aangoo olaanaa akka qabaatan akkasumas gahee waraanni siyaasa biyyattii keessatti qabuus daranuu dabala jedhameera.

Al siisiin bara 2013'tti Pireezidantii filannoo Dimookraatawaa ta'een aangoo qabatanii turan Mohammad Muursii fonqolcha waraanaan aangoorraa buusuun gara aangoo kanaatti dhufan.

Turtii isaanii Pireezidantummaa kanaan Al Siisiin mormitoota dararuun, kumoota hedduu manneen hidhaatti darbaniiru jedhamuun qaamoolee mirga namoomaaf falmaniin qeeqamu.

Bara 2014'tti achiis marroo lamataan bara darbe filannoo gaggeefameen kan filataman Siisiin morkattootni isaanii gariin filannoon ala of gochuun kaan manneen hidhaa keesssa jiraachuu isaaniirraa kan ka'e morkii cimaan isaan hin mudanne.

Paarlaamaan biyyattiis deegartoota Siisiin kan guutame ta'uun ammoo walitti qabama waa raggaasu qofa jedhamuun hedduun qeeqama.

Image copyright AFP

Deeggartootni Siisii, Pireezidantichi gama dinagdee, siyaasaa fi nageenyaan murteewwan gurguddoo fudhachaa jiru waan ta'eef rifoormii isaanii kana akka itti fufan carraan kennamuufii qabaa jedhu.

Mormiitoonni garuu kun saamicha aangootii jechuun komatu.

Heerri biyyaa akka hin fooyyofneef duulli mallattoo namoota kuma 250,000 sassaabuu wayita deemaa turetti, hooggantootni biyyattii marsariitiiwwan kana keessatti gahee qabu jedhe namoota 34, 000 ugguuraniiru.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata