Baalli sammuu hadoochu keeshaan 37 Keellaa Yaabellootti to'atame

Kaanaabisii Gumuruka Itoophiyaan to'atame

Madda suuraa, Fuula Gumuruka Itoophiyaa irraa kan fudhatame

Ibsa waa'ee suuraa,

Kaanaabisii gumuruka Itoophiyaan to'atame

Baalli sammuu namaa hadoochu [Kaanaabisii] keeshaa 37 Itoophiyaa irraa gara Keeniyaatti osoo dabarfamuuf yaalamuu to'annoo jala ooluu Komishiniin Gumurukaa Itoophiyaa beeksise.

Kaleessa konkolaataa fe'umsaa meeshaa ijaarsaa cirracha fe'ee deemaa jiru irratti baala sammuu namaa hadoochu Kaanabisii fe'ee osoo deemuu bakka sakkat'insaa Yaabelloo jedhamutti to'annoo jala ooluusaa Obbo Addisuu Yirgaa Daarikterri Komunikeeshinii Komishinii Gumurukaa Itoophiyaa BBCtti himan.

Baalli sammuu namaa hadoochu kuntaala 37 walumaagala kg1280 tahu namoota sakata'insa irra turaniin to'annoo jala oole jedhan.

Daddabarsi Kaanaabisii kun bakka kami akka tahe adda bahee beekamuu baatus gidduugala biyyaa irraa kan ka'edha kan jedhan Obbo Addisuun haaromsi abbaa taayitichaa keessatti erga taasifameen as bu'aa guddaan galmaa'aa jira jedhan.

Konkolaachisaan baala kaanabisii fe'ee deemaa ture jedhame yeroodhaaf miliqee jira jedhan Obbo Addisuun.

Torban darbes maallaqa biyya alaa seeraan ala socho'aa turee fi baalli kanaabisii haaluma wal fakkaataan Shaashamannee irraa ka'uun biyya biraatti baafamuuf yaalamaa ture Toogoo Caaleetti qabamuus himaniiru.

Oomishnis tahe itti fayyadamni Kaanabis Itoophiyaa keessatti seeraan kan dhorkamedhan.

Komishiniin Gumuruka Itoophiyaa erga Ministera galeewwanii irraa adda bahuun hundaa'ee bifa haaraa taheen daldala seeraana alaa fi kontirobaandii to'achuu irratti hojjechaa akka jiru himaniiru.

Komishinichi akka biyyaatti keellaawwan 94 kan qabu yoo tahu Kanaan dura human poolisii federaalaa fayyadamuun hojjchaa turan.

Dabalataan komishiniin gumurukaa kun humna poolisii mataasaa ijaaruun keellaawan biyyattii irratti ramaduun ciminaan hojjechuus akka sochii jalqabanii jiran Obbo Addisuun BBCtti himaniiru.

Keellaawwan gumurukaa jiran kanneeniif humni poolisii 1400 akka barbaachisu adda baasuun komishinii poolisii federaalaaf galchineerra kan jedhan daarikteerichi gariin hojii eegaluu isaaniis ibsaniiru.

Kun maaliif barbaachise gaaffii jedhuufis hojiin to'annoo daldala seeraan alaa fi gumurukaa kun akka hojii dabalataatti hojjetamaa ture jedhanii humni nageenyaa kun yeroo bakka biraatti barbaadamu hojichi haala barbaadamuun itti fufinsaan hojjetamaa hin turre jedhan.

Komishiniin Gumurukaa Itoophiyaa erga haaromsa gaggeessee faayidaa dhuunfaa osoo hin taane faayidaa biyyaa dursuun akka hojjetamu tahuun maallaqa biyya alaa, meeshaalee waraanaa fi kaanis to'annoo jala oolchaa tureera.

Miidhaa daldala Kontirobaandii

Daldala Gumurukaa kana ilaalchisee maallaqni biyya alaa akka biyaa bahu gochuu qofa osoo hin taane deebi'ee miidhaa inni biyya irratti qabutu caala jedhan Obbo Addisuun.

Itoophiyaan yeroo hanqina sharafa alaaf saaxilamtee jirtutti maallaqni sharafa alaa biyyaa akka baafamuuf yaalamaa ture kumaatamaan bakkeewwan garaagaraatti qabamaa akka ture gabaafamaa tureera.

Dhiyeenya kana maallaqni biyyoota 13 tilmaamaan miiliyoona 60 ol tahu Toogoo Caaleetti to'atamuun isaa ni yaadatama.

Obbo Addisuun akka jedhanitti maallaqni sharafa alaa biyyaa baafamu kun daldala kontirobaandiidhaan deebi'ee gara biyyaa kan fidee dhufu meeshaalee waraanaa, nyaata ijoollee yeroon isaa itti darbe, qorichoota tajaajilaan ala tahanii fi kanneen biroos dabalata jedhan.

Kun ammoo dinagdee biyyaa qofa osoo hin taane fayyaa hawwaasaa irrattis miidhaa guddaa waan qabuuf hawwaasni hundi tumsa gochuu qaba jedhan.