Ingilaanditti faalamni ifaa foyya'aa hin jiru jedha qorannoon

Madda suuraa, CPRE
Addunyaa kanarra kaan ifaan heddummaatee yoo faalamu, kaan ammoo jireenya isaa guutuu ifaa argachuuf carraa hinqabu.
Ingilaanditti nama 50 keessaa tokkotu halkan ifaan hin faalamne argee dabarsa jedha qorannoon tokko.
Qorannoon Duula Baadiyyaa Ingalaand Eeguuf (CPRE) taasifamu dhimmi faalama kanaa waggaa 12 dura erga kaafameen asitti foyya'insa hin agarsiisfne.
Gareen qorannoo kuni namni hundi simboo halkan urjiin guutamee arguu qaba jedha.
Hirmaattonni qorannoo kanaa tuuta urjiilee keessaa 10 caalaa akka hin argine dubbatu.
Qorannichi faalama ifaa naannichaa safaruuf urjiilee tuuta tokko keessa jiran akka lakkaa'an gaafata.
Kanneen keessaa harka 2 qofatu samii gurraacha urjii 30 ol akka arganiif kan isaanii hayyamu.
Kunimmoo walakkaa lakkoofsa urjii bara 2014ti. Lakkaa'uu kanarrtti hirmaatan 2,300 yoo tahan gareen kunis mootummaanfi ummanni dubbichaaf xiyyeeffannoo kennu qabu jedhu.
Urjii arguu dhabuun sababii guddaa dukkana urjii guutame barbaaduu miti: ifti nam-tolchee hirriba namootaa saamuun dabalata fayyaa isaanii ni miidha. Jireenya bineeldotaafi bineensotaa illee ni jeeqa.
Emaa Maaringitan Duula Baadiyyaa Ingalaand Eeguu(CPRE) keessaa hojjetti qondaaltonni iddoo danda'amu hundumaatti ifa kana dimsmiseessuu qabu jetti.
Madda suuraa, CPRE
Istiboornitti Faalamni ifaa urjii dhoksaa jira
Abbootii qabeenyaas ibsaa isaanii alaa halkan halkan akka dhaamsan gaafatteetti. Ibsaan rakasaa waan dhufeef banaa dhiisuun akkasuma jetti
Maaringitan: ''Ifti daangaa hin kabaju, akka feetee fayyadamuun immoo magaalaafi daandiiwwan qaxxaamuree fageenyaa dheeraa akka qaxxaamuru dandeessisa''
''Bu'aansaammoo iddoowwan halkan urjiidhaan miidhage qaban akka dhabnu gochuu dha''
Kana dura bakka buutoonni ummataa ibsaan karaarraa halkan qixxee booda akka dhaaman gochuun qarshiinillee qusatameera.
Haa tahu malee nageenya namootaa balaa saaxiluun himatamaniiru.
Waldaan Mootummaa Naannoo faalama ifaa irratti ejjennoo akka hin qabne dubbatan.