Godina Baaleetti Manni barumsaa Awaash Kolaatii sababii lolaan waggaa waggaatti manca'aa ture

Madda suuraa, WEVILLAGE
Kutaa duriifi haaraa
Lolaan yeroo hunda ganni yoo galu gaara mana barumsaa Awaash Kolaatii gubbaa jirurraa didichaa dhufu, bo'oosaa qabatee lola'ee hin darbu.
Daree barattoota kutaa tokkoo hanga saddeeetii baratanii foddaafi balbala cabsee gala, jalaa jijjigsee darba.
Daa'immanfi ijoollee daricha keessatti baratan doorsisaa ganni baayyeen tare.
Daariktarri mana barumsaa Awaash Kolaatii obbo Musxafaa Birkaa manni barumsaa kuni bara 1990 erga hundaa'ee as ''lolaan waan keessa deemuuf kutaan barnootaa waggaa lama caalaa hin turu faayidaa ala taha,'' jedhan.
Addisuu Haayileen immoo barataa kutaa saddeettaffaati waggaa tokko dura '' Yeroo galoon(lolaan) kutaa seenu baqannee badheetti baana turre, daa'imman immoo baqachuun gatii isaan rakkisuuf ni miidhamu ture'' jedha.
Addisuun yeroo baayyee muka jalatti faa akka baratan ni dubbata.
Mana barumsaa waggaa waggaatti ijaaramu
''Hawaasni waggaa waggaatti manni barumsaa baduu yoo argan waan mana barumsaa ijaaruuf barbaachisan fiduudhaan manneen yeroo baayyeedhaaf ijaaraa turan.'' jedhe
''Nuti barattoonis yommuu manni sun jigu iddootti barannuu gatii hin qabneef barnoota keenya gubnee manicha ijaaraa turre'' jedha barataa Addisuun
Barattuu Qoonjit Girmaa immoo ''barattoonni hedduun sababa galoo kanaantiin barumsaa addaan waan kutaaniif gaggeessituu fudhachuun mana barumsaa kanarraa gadhiisaa turanii'' jetti.
''Yeroo tokko lolaa kuni gaararraa gadi waan dhufuuf ol nutti guutee hanga jilba keenyaatti balbala illee hin bansiisuu kitaabaafi dabtara keenya achumatti ganne baqanne'' jechuun BBCtti himtee jirti.
Obbo Musxafaan lolaan waggaa eeggatee dhufu qabeenya mana barumsaa waan mancaasuu irra darbee lubbuu irrattillee sodaa waan uumuuf maatiin ijoollee isaanii barsiifachuuf jecha ganda sanarraa godaanu, warra kana gochuu hin dandeenyetu asitti rakkachaa ture jedhu.
''Ji'a bitooteessaatii qabee yoo dumeeessa arginu ijoollee gaggeessa turre, nutillee mana jireenyaa keenya naannoo sana waan taheef yoo roobni roobu diida baanee dhaabbanna sababa sodaa dhaaf'' jedhu obbo Musxafaan.
Yoo xiqqaate barattoonni 100 ol tahan waggaatti akka barnoota addaa kutan dubbatan.
Haa tahu malee miidhaan guddaa lubbuu namaarratti gahe hin jiru jedhan.
Bara 2008 keessa dhaabbtni imagine1day jedhamu dhufee leenjii humna raawwachiisummaa cimsuu, mana barnootaa ijaaruufi leenjii barsiisota kennuurratti hojjechaa ture.
Madda suuraa, WEVILLAGE
''Yeroo duummeessa arginu ijoollee gara manaatti gaggeessina''
''Gandi manni barumsaa kuni keessa jiru abbaa warraa 318 qaba dhaabbatichi immoo mana barumsicha ijaarsisuuf qarshii parsantaa 20 yookiin birrii 200,000 gaafachuun isaan yaaddessee ture.
Boodarra garuu barattootta, barsiisota, maatii barattootaa, abbootii amantaafi maanguddoota erga mariisisaniin booda ''karaa bulchaa gandaa maallaqni sun torbee tokko keessatti walitti qabamee, dhaabbileen imagine1day fi Costafoundation jedhaman waliin tahuun ijaarsichi akka jalqabame obbo Musxafaan ni himu.
''Kutaa tokkoo hanga saddeetii mana kitaabaa kitaaba guutuu wajjin, meeshaalee baruufi barsiisuufi mana fincaaniillee qabu ijaarani' jedhan obbo Musxafaan.
Kana dura kutaan gaafa ijaaramu bakki ilaalamee hin turre.
Ogeessotillee kan dandeetti gahaa qaban hin turre jedhu daariktarichi.
Madda suuraa, WEVILLAGE
Manni barumsichi baatii sadaasaa 2011 eebbifame erga hojii eegaleen as, bakki filatamee ijaaramuun dabalata, biqilooti garaagraaa lolaan akka achirra hin dabarre dhaabbataniiru.
Naannoon gaara sanaas daangeeffamaa waan taateefi manichi sadarkaa isaa eeggatee dhakaadhaan ijaarame waan ta'eef yaaddoon waan durii sun dhufuu danda'a jedhu hin jiru jedhan.
''Ani mataan kooyyuu yeroon jalqaba dhufe baayyeen jibbaa ture mana barumsichatti barsiisuu, barsiisoti illee jijjiirraa gaafataa turan ammaa baayyee nutti tolee baruufi barsiisuu keenya haala itti fufnee jirra'' jedhan.
Barataa Addisuun ''erga manni kuni ijarramee balaarraa baraaramne, barnoota keenya sirriitti hordofaa jirra,'' jedheera.
''Ala teenyee barachuufi barumsa keenya addaan kutuurraa hafneerra,'' jetti barattuu Qoonjits.
Isa qooda dur 'nabsee' keenyaafillee yaaddofnu amma barnoota keenya sirnaan baranna jetti.