Biyya Baahireenitti namoonni 138 lammummaan isaanii irraa mulqame

Madda suuraa, AFP
Manni Murtii Baahireenitti argamu namoota shorokkeessummaan himataman 139 akka hidhaman murteessuun 138 ammoo lammummaa Baahireen irraa mulqaniiru.
Namoonni 69 murteen du'aa kan itti murtaa'e yommuu ta'u kanneen biroo sadii hidhaan waggaa sadii hanaga waggaa torbaatti itti murtaa'eera. Shakkamtoonni kunneen Eegumsa Warraaqsa Iraan waliin hidhata qabdu himannaa jedhuun kan to'annaa jala oolfaman.
Amantaa Islaamaa Sunnii kan hordoftu Baahireen, garee warra Shihaa kan hordoftu Iraan warra ishee fakkaatan waliin Baahireen keessa tasgabbiin akka hin jiraanneef hojjechaa jirti himannaa jedhu dhiyeessitee turte.
Namoonni 58 bakka hin jirretti adeemsi mana murtii kan raawwatame yommuu ta'u, namoonni lammummaan Baahireen irraa fudhatame ammoo dhimni isaanii maal akka ta'uu danda'u hanga ammaa kan ibsame hin jiru.
Manni Murtii Ol-aanaa Baahireennamoota 169 "Hizboollaa Warra Baahireen" jedhaman waliin hidhata qabu jedhaman irratti himannaa banee hordofaa akka ture beeksisee ture.
Shakkamtoonni kunneen fanjiiwwan/meeshaa waraanaa dhodho'u awwaaluudhaan, yaalii ajjeechaa taasisuudhaan, meeshaalee mancaasuudhaan akkasumas meeshaaleen waraanaa seeraan ala daddabarsuudhaan himannaan kan irratti banamee ture.
Oolmaa dhaddachaa Kibxata darbeen shakkamtoota yeroo dhumaatiif himanni irratti dhiyaate 139 murtee hidhaa kan irratti dabarse yommuu ta'u shakkamtoonni 96 ta'an ammoo tokkoo tokkoon isaanii hanga Birrii kuma 7000 ta'u akka kaffaluu qaban itti murtaa'eera.
Kanneen murteef dhiyaatan keessaa 138 kan ta'an ol iyyannaa tokko malee lammummaan Baahireen akka irraa mulqamuuf guutummaan guutuutti kan deggerame yommuu ta'u namni tokko garuu murteen hidhaa qofti irratti darbeera.
Akka labsii mirga namoomaa idil-addunyaatti garuu namni kamiyyu garuu namni kamiyyu lammumaa argachuudhaaf mirga guutuu kan qabu yommuu ta'u haala kamiinuu lammummaan irraa mulqamuun akka hin dandenyeefi gara biyya isaatti galuu akka danda'u kaa'a.
Haaluma walfakkaatuun bara 2018 keessa mootummaan Baahireen namoota sadetirraa lammummaa isaanii irraa mulquun gara Iraanitti isaan ari'eera.