Karaawwan torba interneetiidhaan itti jaalallee horachuun danda'amu

Dubartii qoloo keello ufatte bilnbila harkatti qabattee sesseeqaa yeroo deemtutti

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa,

Dubartii qoloo keello ufatte bilnbila harkatti qabattee sesseeqaa yeroo deemtutti

Jaalallee yookaan ammoo haadha warraa carraa gara garaatiin arganneerra ta'a. Namoonni bultoo isaaniif kan isaan barbaachisu argachuudhaaf malawwan adda addaa fayyadamu.

Bara ammaa yeroo tekinooloojiin waan hunda hojjetu kanatti ammoo namoonni miliyoonaan lakkaa'aman hiriyyaa jaalalaa isaanii barbaaddachuudhaaf iterneeta akka fayyadaman barameera.

Karaa toora interneetaatiin jaalallee barbaaddachuun namoota umurii kamuu keessa jiraniin addunyaatti baramaa dhufeera.

Hangam isaaniitu milkaa'eera? Karaa toora interneetaatiin jallallee kan nuuf taatu argachuudhaaf maal gochuu qabnaa?

Odeeffannoowwan waa'ee jaalallee ykn nama gaa'elaaf ta'u karaa toora interneetaa barbaaddachuu akka agarsisanitti addunyaa kana irratti namoonni miliyoona 91 appilikeeshinii fayyadamuun jaalallee ittiin barbaaddatu.

Haata'u malee, hariiroon ykn jaalalli jalqaban akka itti fufinsa qabu yeroo taasisan hedduu hin mullatu.

Ingilizitti akka qorannoo Dhaabbannni Yuu Goov jedhamu yaada uummataafi odeeffannoo walitti qabu gaggeessanitti biyya Ingilizi keessatti namoonni dhibba keessaa 10 ta'an appilikeeshinii toora interneetiin jaalallee ittiin barbaadan fayyadamaniyyu kan waliin itti fufanii jiraachuu danda'an garuu walakkaa kanaati.

Yunvarsiitii Suuseksitti barsiisaa Seenaafi gorsaa hiriyyaa jaalalaa kan ta'an Zoo Istiriimpeel hiriyyaa jaalallee dhugaa karaa ittiin barbaadachuudhaaf gargaaran qabxiiwaan torba kaa'aniiru.

1. Fedhaafi jaalalaan malee dirqamaan walitti-dhufeenya raawwachuu keessa hin galiinaa፡

Hiriyyaa jaalalaa walbartan waliin kan wal hin jaallanne ykn akka hin jaallatamne yoo kan isinitti dhaga'amu ta'e itti fufuun isaa barbaachisaa miti.

Nama sana kan hin jaallanne yoo taatanis nama kana waliin wal hin argiinaa. Mee nan ilaala jedhaa yaalii taasisuun rakkisaadha; yeroo tokko tokko miira keenya miidha. Waa'ee ofii keenyaa yookaan ammoo waa'e namoota biroo ilaalchi qabaannu akka waan hin taane ta'u taasisu.

2. Waan onneen keenya nuun jettu haa dhaggeeffannu፡ Miira kan waliif hin qabaanne yoo ta'e yookaan ammoo wal arguu ykn walqunnamuu yoo kan hin jaallanne taatan itti dhiisaa. Walqunnamuu yoo kan dhaabuu barbaaddan ta'e ammoo asiifi achi hin jedhiinaa. Balleessaa kan koodha jennee yaaduu dandeenya, garuu balleessaa nama isa kaanii ta'uus ni danda'a.

Madda suuraa, Getty Images

3. Gara ergaa waliif daddabarsuutti yoo kan ceetan ta'e, ergaawwan muraasnillee akka ergaawwan hedduu ta'anitti yaadaa፡

Yeroo hedduu namni baayyinaafi irra deddebiin ergaa nuuf ergu kan waa'ee keenya yaade nutti fakkaachuu danda'a. Haata'u malee, waa'ee baayyina isaa osoo hin taane waa'ee cimina isaa yaadaa. Yaadawwan hin barbaachifne heduu caalaa yaada gaarii waliif dabarsitanitu akka miirri gaariin isinitti dhaga'amu taasisa.

Si'a takkaatti nama 100 waliin dubbachuu ni dandeenya;garuu nama filattaniifi jaallattan waliin qofa waliin haasa'aa. Nama gara fuula duraatti isin waliin itti fufuu danda'u waliin dubbachuutu wayya.

4. Hiriyyaa jaalalaa barbaaddachuun tapha lakkoofsaadha; kana waan ta'eefis bakka namoonni hedduun jiran filadhaa፡

Akka nama qofaa isaa gammoojjii keessa jiruu ta'uurra namoota hedduun marfamaa. Isaan boodas nama tokko filattanii isa waliin jaalalaan walitti kufuuf carraan ni jiraata. kanaaf, warqeetti/meetiitti ba'uudhaaf biyyoo isaa argachuun isinirra jira jechuudha. Karaan qaxxaamuraas hin jiru.

5. Duraan dursa hariiroo salphaa yaaduu፡ Waa'ee hiriyyummaa jaalalaa yeroo yaadnu duraandursa waa'ee hiriyyummaa yaaduun dirqama. Walitti dhufeenya hariiroo jaalalaatiin jalqabame dhumni isaa bareedaa ta'a; gara jaalallee/hirkoo jireenyaatti carraan jijjiiramuu danda'uu isaas ball'aadha.

6. Kan hin sirriiqne hin ta'iin፡ Maaltu akka isin gammachiisuufi isin hin gammachiifne yaaduu dandeessu. ' Osoo urjiiwwan lakkooftanii addeessa dhabda' akkuma jedhame filannoo keessan yoo baayyee dhiphistan nama dhimmee isin barbaadu dhabuu dandeessu. Hiriyyaa jaalalaa shallaga herregaatiin argachuun waan hin danda'amneef.

7. Of-eeggannoo tasisuun akka isinirra jiru hin dagatiina

Keessumaa walitti dhufeenyi karaa toora interneetiitiin taasifaman kan isin gammachiisan ta'uu danda'u, garuu qorannoo gaggeessuufi of-eeggannoo taasisuu dhaabuu hin qabdan. Ija shakkiifi of-eeggannoodhaan wantota hordofuun ni barbaachisa.

Rakkoon karaa appilikeeshinii interneetaatiin hiriyyaa jaalalaa barbaaddachuu, nama filattan malee hiriyyaa/fira nama filattanii carraan baruu hin jiraatu. Hiriyyaan jalalaa waloodha jedhamu waan hin jirreef waa'ee eenymmaa nama sanaa qaama kan biraa irraa dhaga'uudhaafi baruudhaaf carraa namaaf hin kennu.