Iizii Muulensi: Shamarree Ameerikaa baadiyyaa Jimmaa manashee godhatte

Hojjettuufi barsiistuu fayyaa hawwaasaa Aadde Iizii
Ibsa waa'ee suuraa,

Hojjettuufi barsiistuu fayyaa hawwaasaa Aadde Iizii

Iizii Muulensi jedhamti. Hojii tola-ooltummaadhaaf karaa Peace Corps kan Ameerikaa irraa dhufte. Godina Jimmaa Aanaa Limmuu Kossaa ganda Ciimmee jedhantu keessa waggaa tokkoof jiraatteetti.

Haata'u malee, hariiroo hawwaasa naannoo ishee waliin qabdu yeroo ilaalan garuu kan achumatti dhalattee guddatte fakkaatti. Olloonni ishee fagoofi dhiyoon akka maatiitti walitti dhiyeenyaan waliin jiraatu.

Bifaan faranjii taatus garuu akkaataan itti uffattu, akkaataan itti dubbattuufi jiruufi jireenya hawwaasummaa keessatti hirmaannan dammaqinaan taasiftuun warruma Jimmaa taateetti.

Namoonni baayyeen walakkaaa umurii isaaniiyyu hawwaasa keessatti dhalataniin ala jiraatanii afaan naannoo sanaaf keessummaa ta'anii hafu.

Iiziin garuu kanarraan adda. Yeroo waggaa tokkoo keessatti Afaan Oromoo sirriitti qajeelchitee dubbachuurra darbitee hanga ittiin barsiisuurra geesseetti.

Hojii guyyuu ishees Afaan Oromootiin sirriitti hawwaasa walii galuun dalagdi. Hojiin ishee barsiistuu fayyaa hawwaasaadha. Waa'ee sirna nyaataa, akkasumas qulqullina dhuunfaafi naannoo barsiifti.

Ibsa waa'ee viidiyoo,

Iiziin Jimma gana baadiyaa waggaa tokko jiraatteetti Afaan Oromoo sirriitti dandeesse.

Iiziin hawwasa keessatti akka jaalala horattu kan taasise simannaa hawwaasichaati jetti. "Jaalalli maatii yoo jiraate jireenyi salphaa akka ta'u ergan as dhufeen baradhe jetti. "Namni mooraakoo keessaa hundumtuu maatiidha.

Yeroo ani jalqaba as dhufu, isaanitu waan hundaan na gargaare," jechuun jaalawa haawwaasichaaf dhugaa baati.

Iiziin hojii manaas yeroo hojjettu dubartii Oromoo kameettii tokko fakkaatti. Akkuma dubartii baadiyyaa Oromoo tokkoo qoraan cabsattee, eelee dhaabdee biddeen tolchiti; buna danfisuus sirriitti dandeessi.

Iiziin akka jettutti namni hundinuu Afaan Oromoo barachuu akka ishee gargaaran himti.

Maaltu barbaachisa?

Akka Iiziitti wanti guddaan biyya guddaaafi maatii guddaa waan huduu guuteefi tole caalaa hariiroo gaarii nama waliin qabaachuufi maatii jaalalaa qabaachuudha. "Namaaf maatii wajjin yeroo baay'ee barbaachisaadha. As rakkoon hin jiru, namni hunduu bareedaadha," jechuun kokkolfaa dubbatti.

"Yeroo darbe na dhukkubee ture, baay'ee na dhukkube. Maatiin hunduu manakoo keessa turan. Manakoo dhufanii biddeena barbaaddaa? Bishaan qabdaa? Akkas naan jedhu. Ani waggaa tokkon as ture, isaan amma maatiikoodha."

Iiziin maatii bira jiraattuuf maalidha?

Ibsa waa'ee suuraa,

Iiziin yeroo buna akooftu

Aadde Faaxumaa Abbaa Malkaa mucaa intalaafi dhiira hiriyyaa Iizii taate qabdi. "Ani Iiziitiin akkuma mucaakoottin ilaala, isheenis akka haadhasheetti na ilaalti," jedhu.

Karoora gara fuula duraa

Gara fuula duraatti karoora Iiziin qabdu mana barumsa keessatti bakka harka itti dhiqatan ijaaruudha. Mana barumsaa keessatti barsiiftu keessatti ammoo barnoota idileen alattis Gumii Afaan Inglizii ijaarteetti.

"Gumii afaanii laman qaba. Gumiin tokko barattoota kutaa sagalii waliin, kaan ammoo kutaa 5-8 warra baratan waliin," jetti Iiziin.

Gumii Afaanii kanaan torban keessatti guyyaa lama lama akka Afaan Ingiliffaa barsiisftus ibsiteetti.

Kana malees, gumii shamarranii hundeessite waliin ammoo waa'ee jireenyaa, waa'ee HIV, waa'ee laguufi waan hunda isaan barsiisuun barbaada jetti.

Barsiisonni isheen waliin barsiistu ammoo Iiziin Afaan Oromoo danda'uun ishee akka isheen hedduu jaallatamtu ishee taasiseera jedhu.

Barsiisaa Asfaaw Qixxaataa jaalala Iiziin horatte dubbata. "Dur faranjoonni yeroo biyya keenya dhufan, uummanni akka addaatti isaan ilal ture. Kun maaliif, afaanillee hin beekan waan ta'eefidha.

Uummanni keenya ammoo namoota afaan isaniitiin dubbatanitti siquu babaada.

Iiziin gadi buutee barattoota ofitti hammattee Afaan Oromoodhaan barattoota waliin dubbii isheen gootu, akka barsiisotaattis akka mana barumsaattis baay'ee ishee ajaa'ibsiifanna."

'Bakka jaalalli jiruu hin galan'

Iiziin biyyasheetti deebitee galuu gaafa yaaddu maaltu akka itti dhaga'ullee ni dubbatti. Hollaafi mana barumsaa osoo hin hafiin guutummaa hawaasa naannichaa waliin hariiroo cimaa uummatteetti.

Akka yaada isheetti bakka jaalalli jiruu hin galan.

"Baay'ee rakkisaadha, akkamittan galuu danda'a? Kanaafuu, galuu hin barbaadu," jetti Iiziin.