Dhibeen gifiraa Itoophiyaatti namoota 39 galaafate

Nama dhibee Gifiraan qabamte

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa,

Itoophiyaatti Gifirrii lubbuu namaa galaafachaa jira

Weerarri dhibee gifiraa Baalee fi Naannoo somaaleetti mudate lubbuu namoota 39 dabarse

Daarektarri itti aanaan Institituyiiti Fayyaa Hawaasaa Itiyoophiyaa Dr. Bayyanaa Mogas BBC'tti akka himanitti namoonni hedduu Oromiyaa keessaatti du'an.

''Naannoo Oromiyaa keessaa namoota 23'tu du'e. Naannoo Somalee keessammoo 16'tu du'e,'' jedhan.

Dhukkubni kuni erga tamsa'u eegalee kaase Oromiyaatti namoonni 3,611 akkasumas Somaleetti 1,248 dhibee kanaan hubamaniiru.

Naannoo Somaale keessaa godinoonni 3 kan hubaman yoo ta'u Oromiyaa keessaa godina Baaleetu hubame.

''Iddoo weerarri dhibichaa mudateetti talaalli kenninneerra. Hanqinni qorichaa waan tureef waliin hin geenye ture. Erga talaalliin kennamuu eegale weerarri dhibichaas hir'ataa jira,'' jechuun himaniiru.

Talaalliin miiliyoona 1.3 ta'u biyya kan seene yoo ta'u, torbanoota muraasa dhufanitti namoota hubamaniif haala duulaan talaallin ni taasifama jedhan.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa ji'oota sadan duraa bara 2019 keessatti lakkoofsi namoota gifiraan qabamanii isa bara darbe waliin yeroo walbira qabamu dachaa sadiin dabaluu beeksiseera.

Afrikaa keessattillee haalaan tamsa'u ni eera. Biyyoota addunyaa keessaa Yukreen, Madagaaskaariifi Hindiin haalaan hubamaniiru.

Dhukkuba kana talaallii fudhachuun ittisuun danda'amus hanqinni qorichaa akka jiru Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa ibseera.